Chaaneliin kun kan banameef akka irraa barattaniif malee akka isin ittiin wal ceephaataniif miti. Akka irraa barattaniif malee. Filoosofii jechuun waaqayyo hin jiru jechuu miti. Obboleessi koo tokko akkana naan jedhe''abbaan chaanelii kanaa waaqayyo hin jiru jedhee amana naan jedhe''dhiifama siif haa godhu obboleesso. Gaaffiin kun sammuu kee keessa maaliif akka dhufe hin beeku.Maqaan koo iyyuu Waaqjiraadha hiika maqaa koo irraa iyyuu siif galuu danda'a.
Chaaneliin kun kaayyoo tokko qofa qabdi.Sammuun dhaloota kanaa akka xiinxalu taasisuudha.Nama barsiisuu osoo hin taane akka yaadan gochuu dha.Namoonni hedduun gara keessaatiin naaf barreessu,yaada amantii tuqu maaf kaafta? Naan jedhu.
Kaayyoon chaanaalii kanaa sammuun namaa kaayyoo ganama uumameef akka yaadatu taasisuudha. Kaayyoon ganama uumameef yaaduu akka danda'uudha. Namni namaaf uumameet garuu Yaaduu dadhabuun jireenya bineensaa jiraata.
Fuulli kun amantaa kamuu,saba kamuu bakka hin bu'u.Yaada qofa xiinxala. Akka sammuun namaa yaadu godha,gaaffii''maaliif?'' jedhu akka kaastuuf si gargaara. Beekaan tokko akkas jedha''Yaaduu gaafa dhaabdu amanuu jalqabda''jedha. Jechuunsaa waanuma namni sitti himu hunda ameen jettee fudhatta jechuu isaati.
Sodaa malee yaada kaafna.Ni xiinxalla,kanaaf uumamne waan ta'eef.Waan addunyaa kana irratti namni uumee itti fayyadamaa jirru fi sadarkaa Teknoolojiin amma irra jirru kun bu'aa Yaadaati.Xiyyaarri nama fuudhee lafa fi samii hankaakee balali'u,Dooniin toonii 100 ol fe'ee bishaan irra bololi'u, foddaa TV'n kan daawwannu Fi kkf hundi bu'aama yaadaati.
Walumaa gala chaaneliin kun kan isinitti hin tolle yoo jiraattan leave godhaa keessaa ba'aa.