#GAARII_HOJJEDHU_GAARII_TA'I!
Yaadni keessan anaaf utubaadha! Baay'een isin galateeffachuu barbaada. Waliin deemsi keenya ammayyuu itti fufa! Wal barsiisaa wal irraa baranna! Dubbisaa! Dubbisuun hanga du'aattidha.
Aristootil dubbii umurii dheeraa lakkoofsise tokko qaba: Gaarii hojjedhuu gaarii ta'i! Jireenya keenya keessatti yeroo hundumaa waan gaarii hojjechuu haa amaleeffannu. Hojiin gaariin gaafa irra deddeebi'ee hojjetamu ni amaleeffatama. Amala nuuf ta'a. Wanti amaleeffanne immoo qaama jireenya keenyaa ta'a.
Otuma waan gaarii hojjennuu, namoota gaggaarii taana.Hojii gaariin nama gaarii nu taasisa jechuudha. Kanaaf akka ilmaan namootaatti yeroo hundumaa waan gaarii waliif haa yaadnu,waan gaarii waliif haa hojjennu. Ija gaariin wal haa ilaallu,ilaalcha gaarii waliif haa qabaannu.
Ganama yeroo hirriba keenya irraa dammaqnu mara," har'a wanti gaariin ani hojjechuu danda'u maali?" Jennee of haa gaafannu. Wanti gaariin hojjechuu dandeenyu hunda immoo haa hojjennu. Gaarummaan qajeeltoo jireenya keenya hoogganu nuuf haa ta'u!