Postlar filtri










#Oromiyaa Dachee Misooma Hundaaf Taatu

Godina Jimmaatti oomishni Appilii lafa hektaara 256 irratti misoomaa jira
~~~~
Inisheetiivii Qonnaa Bocamanii hojiitti galaniin Oomishaalee midhaanii, Kuduraaleefi Muduraalee akkasumas, oomisha Gosa hundaan bu’aan qabatamaan galmaa’aa jiru.

Godina Jimmaatti xiyyeeffannoo oomisha Aappiliif kennameen aappiliin lafa hektaara 256 irratti misoomaa jiraachuu Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Tamaam ibsa addatti Biiroo Kominikeeshiinii Oromiyaaf kennaniin ibsaniiru. Akka godinichaatti oomishni Appilii Aanolee 12 keessatti lafa hektaara 256 irratti misoomaa kan jiru ta'uu himanii Oomishni kun yeroo ammaa aanolee hafan keessatti akka baballatuuf hojjetamaa kan jiru yemmuu ta'u, galii qonnaan bultootaa dabaluu keessattis qooda olaanaa bahachaa jiraachuu ibsaniiru.








Abbaan Gadaa Booranaa marsaa 72ffaa Guyyoo Boruu nagaan Baallii Gadaa fudhatan.

'Abbaan Gadaa Booranaa marsaa 71ffaa Kuraa Jaarsoos karaa nagaan Baallii gadoomaa kennanii jiru

Haaromsaan booda Abbaa Gadaa 72ffaa tahuun aangoo Baallii kan fudhatan Abbaan Gadaa Booranaa Guyyoo Boruu waggoottan itti aananiif sirna gooroo gadoomaa hogganu.























20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.