#Eenyutu naf deebisa?🤔
Jalqaba waan hundaa
Addaamin kan uumee
Addunyaa bareeddu
Gannat keessa kuule
Jireenya bareedaa
Akka jiraatuf Turee
Daandi qajeelarra
hamaa irraammoo goree
Addaamis fudhatee
Gammachuun guutame
Jireenya mataasaa
Jiraachuf dirqame
Garuu oole hin bullee
Gammachuun boora'e
Yaada tokko yaadet
Garaansa roora'e
"Ijaan ishee hin argu
Harkaan hin qabadhu
Yeroof bakka hin qabu
Takkaa ishii hin dagadhu
Garaa kootu yaada
Gubbaa koorra darbee
Osoo oole hin buliin
Laphee kootti darbe
Maqaa ishii hin beeku
Eenyu jedhee waamu
Akkamittin Ibsuuf
Jaalala Koo danuu
Jedheeto tarreesse
Yaadota keessa Isaa
Gaffii natti ta'ee
Eenyutu naf deebisa?"
Jedhee itti cimnaan
Boo'icha fudhate
Gammachuu godaantes
Yaaddodhaan guutate
Waaqayyoos hubate
Gaffii garaasa
"Ilma Koo hin dhiphatiin
Anatu siif deebisa"
Jedhee irraa haxa'e
Imimmaan Isa hudhe0
Cinaacha bitaas
Keessa isaati fuudhe
Gammachuu garaasa
HEWAANIN Uume
Kenenisa Ajema
Jalqaba waan hundaa
Addaamin kan uumee
Addunyaa bareeddu
Gannat keessa kuule
Jireenya bareedaa
Akka jiraatuf Turee
Daandi qajeelarra
hamaa irraammoo goree
Addaamis fudhatee
Gammachuun guutame
Jireenya mataasaa
Jiraachuf dirqame
Garuu oole hin bullee
Gammachuun boora'e
Yaada tokko yaadet
Garaansa roora'e
"Ijaan ishee hin argu
Harkaan hin qabadhu
Yeroof bakka hin qabu
Takkaa ishii hin dagadhu
Garaa kootu yaada
Gubbaa koorra darbee
Osoo oole hin buliin
Laphee kootti darbe
Maqaa ishii hin beeku
Eenyu jedhee waamu
Akkamittin Ibsuuf
Jaalala Koo danuu
Jedheeto tarreesse
Yaadota keessa Isaa
Gaffii natti ta'ee
Eenyutu naf deebisa?"
Jedhee itti cimnaan
Boo'icha fudhate
Gammachuu godaantes
Yaaddodhaan guutate
Waaqayyoos hubate
Gaffii garaasa
"Ilma Koo hin dhiphatiin
Anatu siif deebisa"
Jedhee irraa haxa'e
Imimmaan Isa hudhe0
Cinaacha bitaas
Keessa isaati fuudhe
Gammachuu garaasa
HEWAANIN Uume
Kenenisa Ajema