Walaloo fi Asoosama Afaan Oromoo


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Inglizcha
Toifa: San’at


📝Yaadaa fi gaaffii akkasumas qeeqa qabdaniif,
📝Namootni Walaloo fi Asoosama barreessuun chaanaalii kana irratti dabarfachuu feetan, akkasumas
📝Piromooshinii fi beeksisa adda addaaf
@walaloofiasoosama_bot
irratti nu argachuu dandeessu.

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
Efiopiya, Inglizcha
Statistika
Postlar filtri


Dr Baacaa Official dan repost
📚INFEKSHINII FANGASII KEESSOO AFAANII DAA'IMMAN IRRATTI (Oral candidiasis in children)

✍️Dr. Baacaa F. tiin

Infekshiniin fangasii keessoo afaanii daa’immanii maalii?

- dhukkubni kun keessoo afaanii fi arraba daa'imaa irratti waan akka adii - aannan fakkaatu maxxanee argamuudha. Yeroo hedduu dhukkubni kun hamaa miti. Osoo maatiin daa'ima irratti hin arginillee ofiin kan baduudha.

Infekshinii kana maaltu fida?

Dhukkubni kun gosa fangasii Candida albicans jedhamuun dhufa. Fangasiin kun uumamaan afaan daa'imaa ykn nama kamiituu keessa ni jira. Tahus haalota baay'inaan guddachuu ykn wal horuu fangasichaaf mijatoo ta'an, gaditti tarreeffaman, yoo argate infekshinii fiduu mala.

Dhukkuba kanaaf maaltu daa'ima saaxila?

- qorichoota farra baakteriyaa  fi kortikoosterooyidii (antibiotics and corticosteroids) yeroo dheeraaf fudhataman
- dandeettiin dhukkuba ofirraa ittisuu daa'imaa hir'achuu (weak immune system) - kunis karaa dhukkubaa, yaala fayyaa (fknf- yaala kaanserii) fi hanqina nyaataatiin tahuu mala.
- xuuxxoo ykn harma qulqullinni isaa sirriitti hin eegamne fayyadamuun

Daa'imni infekshinii kana qabdu mallattoo akkamii agarsiisti?

- Bifti adii xiqqoo ol ka'ee mul'atu- arraba, keessoo laagaa, foon ilkaanii fi qoonqoo gara duubaa daa'imaa irratti mul'ata.
- Roga afaanii irratti madaa'uu fi diimachuu
- miirri dhamdhammii daa'imaa baduu
- harma yeroo hodhan irra deddeebiin baasuu
- harma hodhuuf fedhuu dhabuu
- yeroo harma hodhan sababa dhukkubbiin, gidduutti harma hodhuu dhaabanii boo'uu ... fa'i

Akkamiin daddarba?

- daa'imman meeshaalee garaagaraa ittiin taphatan afaan keessa kaa'achuudhaan
- fiixee harma haadhaa infekshinii kanaan qabamee jiru irraa hodhuudhaan
- xuuxxoo qulqullina hin qabne fangasiin kun irra jiru fayyadamuun
- dhumarratti, qaamni saalaa haadha ulfaa infekshinii kanaan qabamee yoo jiraate, yeroo da'umsaatti infekshiniin kun daa'ima kichuutti darbuu mala.

Akkamiin wal'aanuu dandeenya?

- mallattoolee armaan olitti caqasaman daa'ima keenya irratti yoo argine ogeessa fayyaa ilaalchisuu ykn mariisisuu
- farra fangasii kan bifa dibataanis tahu cophaan kennamu akkaataa ajaja ogeessaan afaan daa'imaatti dibuu
- Yeroo harma hodhutti daa'imni kan boo'u yoo tahe qorichoota dhukkubbii hir'isuuf gargaaran ajaja ogeessaan kennuu
- Qulqullina keessoo afaan daa'imaa sirriitti eeguu

Akkamiin ittisuu dandeenya?

- qulqullina afaanii fi dhuunfaa daa'imaa sirriitti eeguun
- meeshaalee daa'imni gara afaaniitti geessuu malu, xuuxxoo dabalatee, qulqullina isaa eeguun
- harma hoosisuun duraa fi hoosisuun booda fiixee harmaa sirriitti qulqulleessuun
- daa'imman dhalatanii hanga ji'a 6tti harma haadhaa qofa akka fayyadaman gochuu. Kun dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu daa'immanii cimsuuf gargaara.
- Qorichoota ajaja ogeessaan kennaman qofa daa'imaaf kennuu. Qajeelfamoota isaas sirriitti hordofuu dha.

🌄 Suurri toora Google irraa fudhatame.

FAYYAA HIN DHABINAA!
Ani Dr. Baacaa dha.

Dr. Baacaa Official ☑️


Nadhii Jaalalaa dan repost
DHUGAA

Dhugaan - jaalaladha
Jaalala ofii du'uu
Du'an jibba mo'uun,
Ka'anii jiraachuu!

Dhugaan - of ganuudha
Of irraa baqachuu
Foon foola'u dheessuun,
Lubbuu ofii argachuu!


🚀Nadhii Jaalalaa ☑️


📌

Waan guyyaan uddeelee,
Gatiittiitti baatu,
Waan yeroon lakkaa'ee,
Barri baatee kaatu,
Waan akkaan ulfaatu!


Ni-cima!
...


✈️ @WalaloofiAsoosama


📚 ILAAMEE! #81

Mata-qabo!

  Foon-mataa baattaa?
  ariifattee dhuftewoo
  ariirrattee kuttewoo
  Loon moonaa yaaftaa
  koonnicha albuudaa
  Foon mooraa nyaattaa
  qoricha budaa?

  Dhiiga-kopho!

  Mormor tu gu'ee
  hooromimee
  Mormituut' du'ee
  namoomi mee
  Dhugi dhiiga
  kichuu kana
  Guuti buudaa
  mijuu kana
  Muudi muudaa
  michuun ana!

  Bassumaamii
  mata-qaboo
  Bassumaamii
  dhiiga-kophoo
  Iyya hin dhageenyee
  marrannaa waatii
  kan ganamaa
  Xiyya hin dhageenyee
  waraannaa maatii
  kan ganamaa
  Hirmii nyaadhu
  si hirmessaa
  Tilmii baadhu
  si summeessaa

  Bassumaamii
  mata-qaboo!
  Bassumaamii
  dhiiga-kophoo!
  Mormor guuta
  Mogor buuta
  Dhiigi Cooraa
  dhiigi Oboo!


  
     Abba-eebba ✍️

✈️ @WalaloofiAsoosama


Cuunfaa | Soora Sammuu dan repost
Ganama lafa bariitu hunda keessaan carraa jireenyakee jijjiiruu qabda. Waan haaraa jalqabuuf. Waan gaarii tahee sitti hin mul'atne kamiyyuu dhaabuuf. Kan duriirra caalchistee of jaalachuuf. Jaalalaa fi gaarummaa namoota kaanittis agarsiisuuf. Eyyee ykn Lakki jechuuf. Tarkaanfii xiqqoo fuulduratti tarkaanfachuuf. Carraa qabda!
Jireenyi bakka tokko dhaabbachuu hin qabdu. Fuuldurattis yoomillee hin dhaabbattu. Kanaaf jijjiirama arguu barbaaddu uummadhu. Carraa guyyuun siif kennitetti fayyadami.
Guyyaa dhufu hundaan daandii irra jirtu jijjiiruuf carraa qabda. Jireenya hawwitu sanatti dhihaattee jiraachuuf. Kan abjootte bira gahuuf. Yoomillee ni dandeessa. Yeroon isaa hin dabarre!

@cuunfaakoo


Yeroo baay'ee xiyyeeffannoo argachuun jaalala nutti fakkaata. Kanaafi kan gadi-fageenyaan miira keenya waliin dararamnu. Rakkoo baay'ee yaada keenya keessatti irra deebinee uumna. Of gad dhiifnee jireenya keenya yoo jiraanne sun waan nun jeeqne qaba. Jaalachuun gaariidha. Wanti miiraan hojjennu hundi garuu waan haga dhumaa nu waliin turu miti. Yeroof nutti toleeti. Yeroo boodammoo nu saalfachiisa.

Inumaa garmalee nu cabsa. Fayyuuf haga nutti cimutti. Ija ol qabatanii nama ilaaluu haga jibbanitti, kabaja haga wallaalanitti, miirri ofii dantaa haga dhabutti, yaadni keenya haga adoodee of gatutti, haalota kamuu jecha ittiin ibsinu haga dhabnutti, dubbachuuf arrabni keenya haga hidhamaa ta'utti gidiraa argina.

Kana boodas fayyuuf ammas harka namaa nu barbaachisa. Namni garuu afuuruma isaa keessatti yoo obsa liqimse, miira isaa keessa yoo darbee of arge waan gochuu qabu hubata. Amma isa gahutti gaafa waan isa butuchu keessa darbe. Gadi taa'ee of qulqulleessuu jalqaba. Yoo ta'eef lama dhama'uurra ammuma osoo waan nu dararu ilaallee wayya. Yoo ta'uu didemmoo ba'aa har'a ofitti feenu boru baachuu akka dandeenyutti of jabeessuun gaariidha. 🥀

Siifan Biraanuu ti.

@WalaloofiAsoosama


Nadhii Jaalalaa dan repost
❤️❤️❤️

Tokkittiikoo qaalii,
Rukuttaa onneekoo
Faaya ilkaan aannanii,
Gammachuu keessakoo
Si'eessituu sammuu,
Bohaarsituu yaadaa
Utuu ati jirtuu,
Akkamiin danda'een,
Kan biraa barbaada?
...si qofan araada!


@NadhiiJaalalaa


Cuunfaa | Soora Sammuu dan repost
Wanti guddaan milkaa'aa tahuu fi tahuu dadhabuukee har'aa miti. Amaleeffatnaan guyyuu guyyuu ati agarsiistu daandii milkaa'inaatti si qajeelchaa jiraachuu fi dhiisuu isaati malee.


@Cuunfaakoo


Cuunfaa | Soora Sammuu dan repost
Dursanii argamuun tarkaanfii tokkoon waan dhufu osoo hin taane deemsa irra deddeebiitiini. Fiigicha amaleeffatameeni. Namni waanuma irra deddeebi'ee hojjete taha. Dursanii argamuufis tahu boodatti deebi'uuf amaleeffannaan namaa abbaa murtiiti.

Ati maal amaleeffattee jirta?

AMMUMA OF GAAFADHU!

@Cuunfaakoo


Dr Baacaa Official dan repost
DHUKKUBA GIFIRAA (MEASLES)
Dr. Baacaa F. tiin

SEENSA
Dhukkubni Gifiraa dhukkuba saffisaan nama irraa namatti darbuudha. Yeroo dhihoo asittis biyya keenya keessaa bakkeewwan hedduutti akka weeraraatti ka'ee mul'achaa jira.

AKKAMIIN DHUFA?
- Dhukkubni kun vaayirasii 'Morbillivirus' jedhamuun kan dhufu yoo tahu daa'imman irratti baay'inaan mul'ata.

MALLATTOON ISAA MAAL FA'I?
- Namni tokko vaayirasiin dhukkuba gifiraa fidu qaama isaa erga seeneen booda giddu galeessaan hamma guyyaa kudha afuriitti mallattoo agarsiisuu dhiisuu mala.
- sana booda mallattooleen akka gubaa qaamaa, miirri dadhabbii namatti dhagahamuu, fedhii nyaataa dhabuu, hoqqisiisuu, bowwuu mataa, qufaa, furreessuu, dhukkubbii/diimachuu/boo'uu ijaa akkasumas madaa'uun afaanii (waan akka ashaboo afaan keessatti xixiqqaatee bahuu) ni mul'atu.
- dhagna gubaan erga eegalee guyyaa 2-4 booda shiffeen/shifiin(rash) fuula irratti bahuu eegala. Fuula irraa ka'uunis gara qaama guutuutti babal'ata. Shifeen kun yeroo hedduu barruu harkaa fi miillaa irratti hin argamu.

AKKAMIIN DADDARBA? YEROO AKKAMIIS DADDARBUU DANDA'A?
- Dhukkubni kun nama dhukkuba kanaan qabame irraa tuttuqqii fi qilleensaan baatamee nama birootti darbuu danda'a.
- Namni tokko shiffeen utuu hin mul'atin dursee guyyaa shan irraa eegalee akkasumas shiffeen mul'atee erga badee booda hamma guyyaa afuriitti dhukkubicha nama biraatti dabarsuu danda'a.

Daa'imni dhukkuba kanaan qabamte dhukkubichi xaxaa kan biraa yoo hin qabaanne, shiffeen erga mul'ateen booda hamma guyyaa 3tti fooyya'iinsa agarsiisuu dandeessi.
Shiffeen fuula irraa eegaluun guyyaa sadii ykn afur gidduutti baduu jalqaba. Qufaan hamma torban tokkoo ykn lamaa turuu danda'a.

DHUKKUBICHI XAXAA AKKAMII QABA?
Namoota dhukkuba kanaan qabaman keessaa 30% kan tahan xaxaa (complication) ni qabaatu. Xaxaa kana keessaa warri dursa qabatan Garaa Kaasaa (diarrhea) fi infekshinii sombaa (pneumonia) dha. Kan biroon kanneen akka infekshinii ijaa(conjuctivitis), infekshinii gurraa(otitis media) fi infekshinii sammuu(encephalitis) illee jiraachuu malu.

NAMOOTA AKKAMIITU XAXAA DHUKKUBA KANAAF CAALAATTI SAAXILAMA?
Warreen xaxaan dhukkubichaa irratti hammaatu keessaa muraasni:
- namoota HIV/AIDS ykn kaansarii qaban
- Haadholii ulfaa
- ijoollee hanqina nyaataa qaban
- Daa'imman baay'ee kichuu tahan
- Namoota umurii dullumaa
keessa jiran

DHUKKUBA KANA OFIRRAA ITTISUUN NI DANDA'AMAA?
Eyyeen. Kunis daa'imman talaallii akka fudhatan gochuuni. Talaalliin dhukkuba kanaa akka biyya keenyaatti yeroo lama, jechuunis daa'imni tokko dhalattee umurii ji'a 9 fi ji'a 15tti kennama. Kanaaf daa'ima ofii talaalchisuun dhukkubicha ittisuun ni danda'ama.

MAAL GOCHUU QABNA?
Dhukkubni kun salphaatti hammaatee kan daa'ima ajjeesuu danda'uudha. Kanaaf mallattoolee armaan olii nama/daa'ima inni irratti mul'ate:-
- ariitiin mana yaalaa geessuu
- namoota kaan itti akka dhukkubicha hin dabarsineef qofaatti baasuu
- nyaata madaalamaa kennuufii
Ittisa isaaf immoo daa'imman keenya yeroon (umurii ji'a 9 fi 15tti) talaalchisuun barbaachisaadha.


Yaadaa fi gaaffii qabdaniif karri keenya banaadha.
Ani @DrBaacaa dha.
Fayyaa hin dhabinaa!

t.me/DrBaacaaofficial


Warreen:-
1. Dogoggorakee kaleessaa akka daawwitiitti si dura qabanii ittiin si cabsuu barbaadan,
2. Yeroo ofiif si barbaadan iyyanii si waammatan; yoo ati isaan barbaaddu gurra cuqqaallatan,
3. Siin gadi qabanii miira ol aantummaa argachuu fedhan,
4. Jireenyi isaanii hinaaffaan guutee fi
5. Sansalata balleessaa sitti marsanii jireenyakee to'achuu fedhan

Warreen akkasii irraa fagaadhu!

@WalaloofiAsoosama


Nadhii Jaalalaa dan repost
Jibba irra jaalalli;
Fudhachuu irra kennuun;
Kuffisuu irra harka qabuun;
Miidhuu irra gargaaruun;
Dheekkamuu irra gorsuun;
Dubbachuu irra dhaggeeffachuun;

Yeroo kamillee gaariidha!

@NadhiiJaalalaa


AMALOOTA NAMOOTA GUDDAA YAADANII:

A. Walitti fufiinsaan baratu.
Waan beekanitti yeroo kamiyyuu quufoo miti. Bakka haaraa daawwatu, kitaaba haaraa dubbisu, nama haaraan wal baru, dandeettii haaraa gabbifatu. Isaan umurii isaanii guutuu barattoota.

B. Qalbii guutuun dhaggeeffatu. Namootni guddaa yaadan akka waan baay'ee hin beekne of beeku. Kanaaf yaadaa fi hubannaa isaanii cimsuuf namoota hubannaa isaanirra qaban ni gaafatu. Kan hin beekne baruuf sirriitti dhaggeeffatu. Isaan dhaggeeffattoota gaariidha.

C. Waa bal'isanii ilaalu.

"Waantotni baay'een daangaa agartuu keenyaa qofa keessa waan seenaniif nutti hin mul'atani. Nutti mul'achuuf daangaa sammuu(yaada) keenyaa keessa seenuu qabu." David Thoreau

Namni yeroo hedduu jalqabatti kan argu addunyaa ofii isaati. Eenyummaankee maal akka ati argituufi akkaataa ati itti yaaddu murteessa. 
Namootni guddaa yaadan, addunyaa ofii isaaniin alatti addunyaa biraan akka jiru beeku. Kanaaf addunyaa ofii isaanii keessaa bahuun addunyaa namoota biraas ija isaaniin ilaaluuf carraaqu. Akkaataa namni tokko ilaalu beekuuf, dursa akkaataa namni sun itti yaadu beekuun barbaachisaadha. Dhaggeeffataa gaarii tahuun asitti nama gargaara.

D. Guutummaatti jiraatu (live completely)

"Gatiin jireenyaa dheerina guyyootaa keessa osoo hin taane akkaataa itti fayyadama guyyoota sanaa keessa jira. Namni tokko waggaa dheeraa jiraatee jireenya xiqqoo jiraachuu danda'a." Michel Montaigne

Dhugaan jiru jireenyakee akka feete gochuu dandeessa. Garuu si'a tokkoo ol jiraachuu hin dandeessu. Namootni guddaa yaadan jireenya isaanii guutummaatti jiraatu. Isaan muuxannoo isaanii guddifachuun addunyaa isaanii bal'ifatu. Kanaaf yeroo baay'ee namoota sammuu dhiphaa caalaa milkaa'u.

Itti fufa ...


@WalaloofiAsoosama


Nadhii Jaalalaa dan repost
YOO DHUFTEEF SIN EEGA!

Yoo dhufteef sin eega,
Balbala onnee banee
Silas deemuu kankee,
Garaan yoom amane?
Qara ilaalaan jira,
Ofiikoo irraa bahee
Lubbuun osoon jiruu,
Waan hin jirre tahee

Yoo dhufteef sin eega,
Yaada jijjiirrattee
Coba imimmaankoo,
Kallattii godhattee
Sittin obsa hunda,
Bu'aa bayii jiruu
Kunoo ergati deemtee,
An jiruyyuu hin jiru

Lubbuunkoo si dhabnaan,
Narkatti maraatti
Yoo dhufteef sin eega,
Qe'ee jaalalaatti!


@NadhiiJaalalaa


Cuunfaa | Soora Sammuu dan repost
HIRIYYE!

Jireenyi dhala namaaf hamtuu dha. Namni guyyuun bu'aa ba'ii hedduu keessa darba. Hiriyaa dhabuu, hoji-dhabdummaa, jireenya harkaa gara afaanii, nama jaalatan dhabuu, fayyaa dhabuu fi kaanis baay'eedha. Kana namni dubbatu hin jiru. Namni rakkoo namaa hin hubatu waan taheef.

Atis of ilaaltee bakki ati amma jirtu bakka ati gahuu barbaadde tahee sitti mul'achuu dhabuu danda'a. Akkuma guyyaan darbaa deemu umuriinkee dabalaa deema. Umurii dabalaa deemuun bakka yaadde yoo hin geenye immoo miira abdii kutannaatti seenta. "Dhuguma jireenyikoo kun sirrataa?" jettees of gaafatta.

Hiriyootakee fi namoota si boodarraan dhufan yeroo isaan karaa salphaan milkaa'anii fi jireenya gammachuu qabu jiraatan argita. Ati garuu waan hunda yaaltee karaan sitti cufamee bakkuma kaleessaa, bakkuma dheengaddaatti of argita. Akka nama abaaramaa, gatii hin qabnee ykn immoo kufaatiif dhalate tokkoottis of lakkaa'uu eegalta.

Ta'us garuu waan hundi akkas miti. Milkaa'uu dadhabdus abdii hin kutin. Dhaabadhuu of ilaali. Boqonnaa fudhadhu. Humnakee haareffadhu. Namni ati jaallattu sababa ati qarshii dhabdeef si ganuu danda'a. Akka barbaaddetti hiriyootakee fi firootakeef bakka isaan si fedhanitti argamuu dhabuu malta. Harki si qallachuu danda'a. Namoota kaaniinis akka waan gatii hin qabneetti ilaalamuu dandeessa.

Tahus garuu abdii hin kutin. Jireenyakeef falmadhu. Eenyullee waan guyyaan borii fidee dhufu hin beeku. Siifis akkasuma. Gatii of dhabsiisuu, gammachuu dhabuu fi abdii kutachuu irraa fagaadhu. Addunyaan kun cimtuudha. Atimmoo caalaatti cimaa tahi.

@Cuunfaakoo


Nadhii Jaalalaa dan repost
Mirgisiistuu seeqaa,
Fuulli iftuu akka biiftuu
Yaaddoo jiruu kootti,
Abdii ishee tittiiftu
Dhangaa fooniif lubbuu,
Bareedina uumaa
Dhahannaa onneekoo,
Kanin jaal'u suma

@NadhiiJaalalaa


Cuunfaa | Soora Sammuu dan repost
Waantota fayyaa sammuukee miidhuu malan:

1. Dukkana keessa yeroo dheeraaf turuu.
2. Yaadota negatiivii tahan irratti xiyyeeffachuu
3. Bilbila irratti yeroo dheeraa dabarsuu
4. Sukkaara baay'inaan fayyadamuu
5. Muuziqaa 'earphone' fayyadamuun yeroo hunda dhaggeeffachuu.

@cuunfaakoo


Dr Baacaa Official dan repost
Waantotni carraa dhukkuba onneen qabamuu keenya dabalan maal fa'i?

- Umurii : akkuma umuriin namaa dabalaa deemuun carraan dhukkuba onneen qabamuus dabalaa deemam.
- Saala: Akka qorannoon agarsiisutti dhukkubni onnee irra jireessaan dhiirota keessatti heddummaata.
- Maatii ykn fira keessa namni dhukkuba onnee qabu yoo jiraate.
- Sigaaraa xuuxuu fi alkoolii baay'inaan dhuguu
- Nyaata hin madaalamne- keessattuu soorata faatii, ashaboo/soogiddaa fi sukkaarri itti baay'atu soorachuu
- Dhiibbaa dhiigaa ol ka'aa
- Kolestirooliin dhiiga keessatti baay'achuu - keessattuu kolestirooliin LDL (low density lipoprotein) jedhamu fayyaa onnee keenyaa irratti dhiibbaa guddaa qaba.
- Dhukkuba sukkaaraa
- furdina garmalee fi sochii qaamaa gahaa gochuu dhabuu
- Dhiphina garmalee fa'i.


Fayyaa hin dhabinaa!
@DrBaacaaOfficial


#YuunivarsitiiAsoosaa 
#Waamicha

Yuunivarsitiin Asoosaa sagantaa barnoota  sirreeffamaan barattoota gara Yuunvarsiitichaatti ramadamaniif guyyaan galmee  Bitootessa 11 fi 12/2015 ta’uu ifoomseera.

Waantoota yeroo Yunivarsiitii deemtan of harkaa qabaachuu qabdan:

➧ Ragaa barnoota kutaa 12 ittiin xumurtan
➧ Tiraanskriiptii kutaa 9ffaa hanga12ffaa; Orijinaalaa fi koppii
➧ kaardii kutaa 8ffaa, Orijinaalaa fi koppii
➧Suuraa Gurdii 3 by 4  (Suuraa Gabaabaa).
➧Uffata Ispoortii fi Kan halkanii

Yuunivarsiitichi barattoota guyyoota eeraman duras ta’e booda dhufan akka hin  keessummeessine akeekkachiiseera.

@WalaloofiAsoosama


#MattuUniversity

Yuuniversiitiin Mattuu sagantaa barnoota sirreeffamaan bara 2015tti barattoota ramadamaniif guyyaan waamichaa Guraandhala 30 fi Bitootessa 1 tahuu ifa godheera.



➧ Warri Saayinsii Uumamaa fi Hawaasaa maqaan A fi Bn eegalu Kaampaasii Beddellee jirutti.
➧ Kanneen hafan mooraa guddicha Mattuu jirutti qaamaan dhufanii akka galmaa'an


Waantotni qabatanii deemuu qaban:

➧ Ragaa barnoota kutaa 8
➧ Tiraanskiriiptii kutaa 9-12 oriijinaalaa fi koppii
➧ Seertifiiketa kutaa 12
➧ Fotoo gurdii 4
➧ Uffata halkanii fi Ispoortii

Yuuniversiitichi barattoota guyyoota jedhamaniin alatti dhufan akka hin keessumsiisne beeksiseera.

@WalaloofiAsoosama

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.