🗣️ Hafuura hamaa tokkotu si gowwoomsaa jira jennee haa yaadnu. Hafuurichi sun wanta soba ta’e dhugaa sitti fakkeessuu waan danda’uuf, waan argituu fi yaaddu amanuu hin dandeessu. Akka wanta ati harka qabduutti sitti fakkeessinaan malee, tarii ati harka hin qabdu. Tarii wanti magariisa sitti fakkaatu magariisa miti. Tarii 2 fi 2 ida’amanii 4 hin dhufan. Namootni ati argitu hundi isaanii tarii hin jirani. Akkuma gaafa abjoottu abjuun sun addunyaa dhugaa sitti fakkaatu, tarii jireenyi kee kunis akkasuma.
Haala akkasii keessatti, wanti ati shakkii tokko malee amanuu dandeessu maaltu jira? Firii ida'ama 2 fi 2 dabalatee, wanta iji kee arguu fi sammuun kee yaadu hunda erga shakkitee, wanti ati shakkii malee amanuu dandeessu maaltu jira? Hafuurichi hamaa fi jabaa ta'e sun, wanta inni irratti si gowwoomsuu hin dandeenye jiraa?
𝑅𝑒𝑛𝑒 𝐷𝑒𝑠𝑐𝑎𝑟𝑡𝑒𝑠 gaaffii kana erga kaaseen booda, wanti inni shakkii malee amanuu danda’u tokko akka jiru barreesse—jiraachuu isaa! Shakkaa jirta yoo ta’e, yaadaa jirta jechuudha. Yaadaa jiraachuu kees yoo shakkite, ammas yaadaa jirta. Bakka shakkiin jiru kamuu yaadis jira. Bakka yaadi jiru ammoo eenyummaatu jira. Qaamni hin jirre hin gowwoomfamu! Qaamni yaadu yoo hin jiraanne, yaadis hin jiraatu! Himni isaa beekamaa ta’e sunis kana irraa ka’uun dubbatame: 𝐶𝑜𝑔𝑖𝑡𝑜, 𝑒𝑟𝑔𝑜 𝑠𝑢𝑚 (𝐼 𝑡ℎ𝑖𝑛𝑘, 𝑡ℎ𝑒𝑟𝑒𝑓𝑜𝑟𝑒 𝐼 𝑎𝑚).
Join Us 👇
Idea C • Inspire • Reads24