#แจแแ
แ_แตแณแฐแต_แตแญแแ_แ แฐแแซแฉ_แแแแแฝ_แฐแญแแ_แ แแแ_แ แแ_แแ แฐแ_แฅแ
แ_แ แฃแ_แ แตแแแ_แแ
Salaalee Dharraa keessatti haati ilmaan 6 loltoota Faannoo 8 tiin gudeeddaan irra gahee gadameessi bahee deebi'uu didee gidiraa akka argaa jirtu saaxilame
Kutaalee Oromyaa bakkeewwan hedduu keessaa haleellaan waranaa ummata irra dhaqqabu irra deddeebiin himama. Bakkeewwan Oromoo dararaa argaa jiru keessaa tokko kan taate Salaalee Dharraa keessatti wanti ilma namaarra gahaa jiru akka malee qalbii namaa kan cabsu ta'uu gabaasni bahu saaxileera.
BBC'n jiraattotaaf namoota dhimmicha hordofaa jiran irraa odeeffannoo funaaneen akka balballoomsetti naannicha keessatti dararaan seenaa keessatti ta'ee hin beekne raawwataa jiraachuu saaxilame.
Jiraataa aanaa Darraa ganda Tulluu Guddaa jedhamuu naannoo Masjiida Sheek Huseen jiru tokko Nageenya isaaniif jecha akka maqaan isaanii hin dhahamne BBC kan gaafatan. Uummanni aanichaa finxaaleyyii Amaaraa baqatan kuma sadii ol tahan naannoo Masjiida Sheek Huseen jiraatu jedhan.
Jiraataan gandichaa kun hidhattoonni Faannoo nama ajjeesanii bishaan keessatti gatu. Kadhannee reeffa fudhataa turre. Kaan osoo hin awwalamiin hafan jedhan. Oomishni keenya hunduu gubateera. Uummanni baqatee garatti bahu dhabnaan naannoo masjiida kanaatti walitti qabamuun akka waliin ofirraa faccisnee jiraannu goone jedhan.
''Isaa fi maatiin isaa Oromoodha. Intala isaa qallee suuraa isatti erginee akka sammuun isaa darbu goona'' jedhanii akka isa doorsisan jiraataan kun hima.
Jiraataan kun haati warraa isaa ukkaasanii gudeeduu hima. Haadha manaa isaa loltoota Faannoon gudeedamte harka isaanii baafachuuf qarshii kuma kudhan kennuu dubbate.
Dabalataan Daani'eel Gammadaa maqaa Kara Deemaa jedhuun kan beekamu irraa BBC'n akka odeeffatetti; Haati manaa Abbitee Abbaabaa deessee reefu ji'a jaha. Haadha ijoollee jahaati. Abbaa warraashee sireetti hidhanii nama saddet tahanii dabaree dabareedhaan gudeedan. Hanga ammaa gadameessi ishee akka gadi bahetti jira. Yeroo teessu, deemtus rakkaataa jirti.'' Jechuun dubbate. Ganda tokko qofa keessaa dubartoonni Faannoon gudeedaman 21 jiraachuus Daani'en himeera.
Jiraataan aanichaa BBC dubbise ammoo ji'a Waxabajji keessa hidhattoonni Faannoo dhufanii dhukaasa nurratti banan. Isa duras dhukaasa bananii uummanni qeโeerrraa buqqaโee gara masjiida sanaatti walitti qabamanii ture.
Karaan ittiin achii baanu hin jiru. Mootummaatti iyyachuuf garatti baanu hin jiru. Karaa cufanii kan taaโu isaaniidha.
Mootummaaf ammoo odeeffannoo sobaa akka darbu godhu. Jaarsaafi jaartii qabeenyi isaa jalaa gubatee baqatee gaara irratti walitti qabamee jiraatu Shaneetu as jira jedhanii himu.
Oomisha oomishne hundaa kaan saamanii, isa hafe gubanii fixan. Waan nyaannu hin qabnu jedhan.
''Waxabajji keessa dhukaasa yeroo nurratti banan nama Abbaa Jaarraa jedhamu irraa harka muranii horii ittiin oofaa jedhanii dubartoota isaaniitti kennan. Akkasiin harka namarraa muranii gara Marraabeetetti agarsiisaa deeman.'' Jechuun jiraattonni waan irra gahe himatan.
Walumaa gala haalli Salaalee aanaa Dharraa keessatti adeemaa jiru gara jabeenyaa daangaa darbeen kan guutame ta'uu maddeen odeeffannoo karaa adda addaa himaa jiran. Balaa waraanaa kana jalaa bahuuf falli olaanaan Falmachuudha kan jedhe ABO addi Bilisummaa Oromoo, uummatni nageenya isaa tikfachuuf falma wal irraa hin cinne finiinsuudha jechuun ibsa har'a baaseen hubachiiseera.!!!!
๐ก๐ก๐ก๐ก๐ก๐ก๐ก๐ก๐ก