Singer Megertu Official


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Religion


Barsiisa macaafa qulqulluu, faarfannaa hafuuraa, ergaalee gama hafuuraatti nama jajjabeessan guyyaa guyyaadhaan ni argattu.
Buy Ads: https://telega.io/c/Singer_Megertu_Official
Youtube: www.youtube.com/@Singer_Megertu_Official
Contact: @efesoon432

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Religion
Statistics
Posts filter


💔 Laafinnii fi Ciminni shamarranii wantoota gurguddoo 10 irratti Akka hundaa'u quba qabduu??.... ↪️ See More

➡️ See More
See More

As tuquudhaan itti fufaa dubbisaa!




Forward from: Gaa'ela 𓆩♡𓆪 Marriage
⚖️⚖ Madaallii

✍️ Hundi keenya waan adda addaa irratti ilaalcha mataa keenyaa qabna. Yeroon nuti qofti sirriidha jennee xumurru ni jira.

❤️ Egaa garaagarummaan yaada jaalalaa/jireenya gaa’elaa keessatti uumamuun waldhabdee fi wal hubachuu dhabuutti nama geessa, sababni isaas madaala yaadaa waan hin eegneef.

🚫 Hiriyaan keenya yeroo hunda ilaalcha keenya akka qabaatu eeguu yookiin ilaalcha keenya akka fudhatu dhiibbaa gochuu hin qabnu.

👉 Yeroo tokko tokko dhimmoonni sirrii ta'an garuu yaada hiriyaa keenyaa keessatti sirrii hin taane nu mudatu❗

✍️ Egaa yeroo kana maal gochuu qabna

✅ Yaada fi gocha kabaja hin qabne agarsiisuu dhiisuu.
✅ Aarii fi sagaleen ibsuuf yaale
✅ Jechoota/arrabsoo miira hiriyaa miidhan hin dubbatinaa!
✅ Hiriyaa jaalalaa fi kabajaan hubachuu akka dandeessan jechaa fi karaa ittiin ibsitaniin, sana booda yeroo itti yaadu kennuufi. ❗

♥️ Karaa biraatiin immoo haalawwan hin malle adda addaa yeroo nu mudatan waltajjii jaalalaa fi kabajaa hiriyaa keenyaaf itti ibsinu ta'u.

♥️ Dabalataan immoo ogummaadhaan waliigaltee dhabuu hiikuuf carraa kan biraa adeemnuu qabnudha. (ሌላው ሁሌ አለመግባባቶችንን የምንፈታበት ጥበባዊ ክህሎት የምንወስድበት አጋጣሚ ነው::)

✍️ Garaagarummaa yaadaa dhiphisuu barbaaddaa
Gaarii goote


Jalqaba garaagarummaa ilaalcha/fedhii hiriyaa keenyaa kabajuu, achiis jaalalaa fi kabajaan tasgabbaa'aa dhangala'aa yaadaa "dhaggeeffachuun" haasa'uu❗

Gara ejjennoo tokkootti yoo dhufne haa ilaallu
Yoo hin taane hoo?


👉 Hiriyaan kee waan hundumaa caalaa jireenya keetif gatii guddaa akka qabu yaadi. Yeroo hunda ilaalcha tokko qabaachuun nurraa hin eegamu. Sababni isaas namni hundi dhugaa mataa isaa qaba.❗

@Gaaela_Gaarii
@Marriage_Counseling

https://gaggeessummaa.com/kunuunsa-gaaelaaf-godhamuu-qabu/

@Gaaelabot


❌ “Seexanaaf karaa hin kenninaa!”
— Efe. 4:27

👤🎥🎵
@Singer_Megertu_Official
🌐 @Singer_Megertu_Official


Obsa | Patience

Obsi kennaa hafuura qulqulluudha. ❤️

📖 “Iji hojii hafuuraa immoo, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa,”
  — Gal. 5:22

Hafuurri qulqulluun wanta si barbaachisu qofa osoo hin taane obsa wanta si barbaachisuus siif in kenna.

Obsi (quality) kee miti. Obsi kennaa waaqaa waaqa ibsuudha.

Al tokko tokko in dadhabna "obsakoo fixaan jira! Obsikoo dhumee jira!" In jenna. Yommuu obsi keenya dhumaa jira jennu kana immoo wanti haaraa akka uumamu eegna malee obsi keenya caalaa akka dabaluu qabu caalaa obsuu akka qabnu hin yaadnu.

Obsi akka nedaajii (ነዳጅ) dha. Wanta bira gahuu qabdu bira hamma geessutti humna ittiin gara galma keetti adeemtudha. Kanaaf obsi koo dhume jettee hin dhaabbattu, obsa kee dabalattee deemsa kee itti fufta.

Obsa ofii guddifachuuf immoo obsi kennaa hafuura qulqulluu waan ta'eef obsa dhabuuf dadhabbii kee sana keessatti kadhachuu, sagalee Waaqayyoo dubbifachuuf karaawwan garaa garaa sagalee Waaqayyoo akka dhaggeessu godhan raawwachuun karaa hafuuraa guddachuu keessa obsi kees in guddata.

Mallattoon nama hafuuraa tokko, obsa isaati!

📖 Yaq. 1
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
³ Amantiin keessan qoramee ilaalamuun isaa obsaan danda'uu akka fidu in beektu.
⁴ Isin warra fiixaan ba'an; warra mudaa, hir'inas hin qabne akka taataniif, obsaan danda'uun kun hojii isaa fiixaan haa baasu!

Yeroo baay'ee qoramuu keenyatu milkaa'ina nuuf fida in seena. Garuu qormaanni namoota baay'eef jabina fide kaan immoo kuffiisees argineerra.

Garaagarummaan qormaata keessatti milkaa'uuf kufuu qormaata sana waan ittiin danda'uuf yaalaniidha. Kaan obsaan yommuu danda'an kaan immoo waan ittiin danda'an obsa waan dhabaniif milkaa'uu danda'uus dadhabaniiru.

Obsaan in danda'ama. kan dadhabdeef obsaan ala waan yaalteefidha.

🎵 🤝🤝🤝🤝
@Singer_Megertu_Official
👤🎥 https://www.youtube.com/channel/UCvpcYir67IWsfZWQSccumig?sub_confirmation=1






Album.jpg
321.0Kb
💡💡💡💡💡💡💡💡
📹 Today 24, 2017🎵
🌍 Ambo, Ethiopia 😀
😀🎉🎉

🆕 Live 🗓

Onkololeessa 24, 2017

@Singer_Megertu_Official
@Kakuu_Studio


Sunday 24, 2017

Waaqayyo guyyaa har'aa kana sababeeffachuun Eebba GUDDAA bara baraan dhalootaaf itti fufee turu gara jireenya kee haa fidu. Ayyaanni Waaqayyoo siif haa baay'atu. Baga Geesse, baga gammadde. Rom. 8:28-30

"...Warra duraan dursee beekumsa isaatiin fo'ate, fakkaattii ilma isaa isa obboloota baay'eedhaaf angafa ta'uuf jiru, akka ta'aniif yaadaan isaan qabe. Warra yaadaan isaan qabe immoo waameera; warra waame immoo qajeelota isaan godheera; warra qajeelota godhe immoo ulfinaan isaan ga'eera."


Rom. 8
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
²⁸ Waaqayyo warra isa jaallatan karaa hundumaa gargaaree gara gaariitti isaan in geessa; isaanoo warra akka akeeka isaatiitti waamamanii dha.
²⁹ Warra duraan dursee beekumsa isaatiin fo'ate, fakkaattii ilma isaa isa obboloota baay'eedhaaf angafa ta'uuf jiru, akka ta'aniif yaadaan isaan qabe.
³⁰ Warra yaadaan isaan qabe immoo waameera; warra waame immoo qajeelota isaan godheera; warra qajeelota godhe immoo ulfinaan isaan ga'eera.

@Singer_Megertu_Official


🚩🚩🚩🚩🚩
🔤🔤🔤🔤🔤 🔤🔤🔤🔤🔤
💡💡💡💡💡💡💡

@Singer_Megertu_Official
@Megertu_Dhugasaa
@Kakuu_Studio
@Arara_tv_World_Wide
@Getu_Official
@Tv_Lattuu

🎵 🤝🤝🤝🤝

👤🎥 https://www.youtube.com/channel/UCvpcYir67IWsfZWQSccumig?sub_confirmation=1




❤️ Coming Soon - Singer Megertu Dhugasa On Sunday 24/02/2017

🎥 🤝🤝🤝🤝

👤💻🎥
https://youtube.com/shorts/QTVZEiH8JQs?feature=share


⭐️⭐️⭐️⭐️
🚩🚩🚩🚩🚩
💡💡💡💡💡💡💡
Waldaan Tv Lattuu Hafuura Waaqayyoo Addunyaa Sagantaa Eebba Album Faarfannaa - Faarfattuu Megertu Dhugasa qopheessitee waan jirtuuf saganticha irratti gaafa Guyyaa 23-24 jechuun Qidaamee waaree booda eegaluun Sanbata Guddaa guyyaa guutuu qopheessitee jirti. Sagantaa kana irratti Tajaajiltoonni fi faarfattoonni affeeramanii jiru.

🖥 Isinis Eebba kana Akka nu waliin hirmaattan kabajaan isin affeerree jirra.

📣 Tajaajiltoonni affeeraman:

Faarfataa Abraham Tarree
Faarfataa Amaanuel Gaaddisaa
Faarfataa Yohaannis Tolosaa
Faarfataa Amaanuel Magarsaa fi kanneen biroo affeeramaniiru.

📞 Teessoo: Amboo Addis Katamaa Daandii Gamshuu 100m seentanii Waldaa Lattuu Hafuura Waaqayyoo Addunyaa keessatti.
🚩🚩🚩🚩🚩
💡💡💡💡💡💡💡

@Singer_Megertu_Official
@Megertu_Dhugasaa
@Kakuu_Studio
@Arara_tv_World_Wide
@Getu_Official
@Tv_Lattuu

🎥 🤝🤝🤝🤝

👤🎥 https://www.youtube.com/channel/UCvpcYir67IWsfZWQSccumig?sub_confirmation=1


"Gatii utuu itti hin basin,..."

ROBERT Jechoota kana jedha:-
✅ Jireenyi bara baraa ➛ Tola
✅ Araarrii Waaqayyoo ➛ Tola
✅ Jaalalli Waaqayyoo ➛ Tola
✅ Mana Waaqayyoo
(church) seenuun ➛Tola

═════
❌ Sigaraa xuuxuun ➛ Gatii
❌ Ejjuun ➛ Gatii
❌ Alkoolii dhuguun ➛ Gatii
❌ Hoteеla itti galgala dhiichisan yookiin sirban (night club) ➛Gatii dha.

═════
✅ Kanaafuu utuu jireenyi bara baraa (TSIYOON) tola ta'ee jiruu namni maaliif gatii kaffalee iddoo badiisaa (SI'OOLIIN) dhaqa?

✅ Kanaaf irra deebi'ii itti yaadii kiristoosittii amanii jireenya kee olfadhuu jedha; namichi dhugaan galeef kun eebbifamaa dha.


Mat. 11
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
²⁸ "Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, ba'aanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna.
²⁹ Waanjoo koo fuudhaatii baadhaa, ana irraas baraa; anoo garraamii dha kanan gad of deebises; boqonnaas lubbuu keessaniif in argattu.
³⁰ Waanjoon koo nama hin dhibu, ba'aan namni anaaf jedhee baatus salphaa dha" jedhe.

@Singer_Megertu_Official
@Kakuu_Studio
@Getu_Official

👤✈️🎥 🤝🤝🤝🤝
https://www.youtube.com/channel/UCvpcYir67IWsfZWQSccumig?sub_confirmation=1


Isaa 62:

3 ati akka gonfoo miidhaginaa fi akka marata mootiin mataatti maratuutti harka Waaqayyo gooftaa keetii keessatti in eegamta; 4 Ati si'achi, "Ishee gad dhiifamte" hin jedhamtu, ati, "Ishee ani jaalladhu" biyyi kees, "Ishee abbaa manaa qabdu" in jedhamti; Waaqayyo si jaallata'o, biyyi kees abbaa manaa in argatti.

👤✈️🎥 🤝🤝🤝🤝 https://www.youtube.com/channel/UCvpcYir67IWsfZWQSccumig?sub_confirmation=1
@Singer_Megertu_Official


Erm. 33:3

3 inni, "Na kadhadhu! Anis siif nan dhaga'a; wanta guddaa ati qortee bira ga'uu hin dandeenye sitti nan hima.


👤✈️🎥 🤝🤝🤝🤝 https://www.youtube.com/channel/UCvpcYir67IWsfZWQSccumig?sub_confirmation=1
@Singer_Megertu_Official
#Kakuu_Studio


Jaalalli Jaamaadha. ✍️

✔️ Namni tokko intala bareedduu fuudhe. Baay'ee ishee jaallate. Gaaf tokko dhukkuba gogaan qabamte. Suuta suutaan bareedina ishee dhabuu waan eegalteef kuni ishee dhiphisuu jalqabe. Gaaf tokko abbaan manaa ishee daawwannaadhaaf bakka fagoo dhaqe. Karaa deebi'aa utuu jiruu balaan isa qunnamee ija isaa dhabe. Haa ta'u malee jireenyi gaa'ela isaanii akkuma barame itti fufe. Guyyoonni darbaa deemuun bareedinni ishee suuta suutaan hammaataa dhufee, bareedina ishee hunda dhabde. Abbaa manaa jaamaan kana waan hin beekneef jireenya gaa’ela isaanii keessatti garaagarummaan hin turre. Isheenis isa jaallachuu itti fufte, innis baay'ee ishee jaallate. Gaaf tokko akka tasaa duute. Duuti ishii akka tasaa gadda guddaa kan itti fide siʼa taʼu, gaddi isaa yommuu jabaatu magaalaa sana gadhiisuu barbaade. Namoonni naannoo sana jiraatan "amma akkamitti kophaa isaa deema?" Kan gargaarte haadha warraa isaati." jedhanii haasa'uu jalqaban. Namichis, "Ani jaamaa miti" jedhee deebiseef. Yeroo dheeraaf akkan ishee hin argine fakkeessuu itti fufe, sababiin isaas dhukkuba gogaa akka qabdu waanan beekuuf, miira ishee miidhuu hin barbaanne. Bareedinni ishee yeroo badu, akka waan homaa ta'etti akka itti dhaga'amuuf, yaadda'uu eegalte. Kanaaf akkan hin argine itti hime. Isheen anaaf haadha manaa baay'ee gaarii turte. Ishee gammachiisuu qofan barbaade. Yeroo tokko tokko dhimmoota dammaqinaan arguu fi keessa darbuu qabnu keessa yeroo darbinu; hariiroo gaarii namoota naannoo keenya jiran waliin qabnu cimsuuf baay'ee nu gargaara.

@Gaaela_Gaarii
👤✈️🎥 🤝🤝🤝🤝 https://www.youtube.com/channel/UCvpcYir67IWsfZWQSccumig?sub_confirmation=1
@Singer_Megertu_Official
@Kakuu_Studio


💔🌹 “Utuu wal hin fuudhin dura abbaan manaa koo jaalala naaf qabu jechoota jaalalaa adda addaatiin ibsa ture. Amma garuu jechoonni jaalala ittiin anaaf ibsu hin jiru. Yeroo natti haasa’ullee waa’ee hojii qofa dubbata. Erga kokkolfaa na haasofsiisee bubbuleera. Kolfa, gammachuu, jecha jaalalaa nan barbaada. Garuu sana naaf kennuu hin dandeenye. Hiriyoonni koo kaan jaalala waan qabaniif yeroo natti haasa’an natti tola. Jaalala isaa akka abbaa manaa kootti yoo naaf hin ibsine, namoonni kaan garuu jaalala isaanii yoo natti ibsan maal naaf godha? Yoon gadhiise (hiike) cubbuu dhaa? Jaalalli ani isaaf qabu badeera. Maal na gorsitu?” Itti fufaa dubbisaa❣️👇👇👇

https://gaggeessummaa.com/kunuunsa-gaaelaaf-godhamuu-qabu/




DUBARTII FI WANTOOTA AFUR 4

👩‍🦰 Wanti afur dubartii qofarraa bareeda!
👉Dhiiratti heerumuu
👉Ulfaa'uu
👉Da'uu
👉Hoosisuu!

👩‍🦰 Wanti afur dubartii gowwoomsa!
👉Sobni dhugaa fakkaatu
👉Dhugaan soba fakkaatu
👉Dhiirri kolfee taphatu
👉Qarshiin boru dhumattu!

👩‍🦰 Wanti afur dubartiirraa hin bareedu!
👉Dubara akka ofiitti heerumuun
👉Rifeensa murachuun
👉Qaama ofii gurgurachuun
👉Dhirsa ofii tuffachuun!

👩‍🦰 Dubartiin waan afur dagachuu hin qabdu!
👉Uumaa ofii kadhachuu
👉Jaarsa ofii gorfachuu
👉Mana ofii bareeffachuu
👉Qaama ofii dhiqachuu!

👩‍🦰 Dubartiin waan afur dhiira caalaa dandeessi!
👉Jaalala mi'eessu
👉Jireenya bareechuu
👉Aarii qabbaneessuu
👉Soba dhugaa fakkeessuu!

👩‍🦰 Dubartiin waan afuriin dhiira caalti!
👉Amalaan
👉Malaan
👉Garraamummaan
👉Sodaan!

👩‍🦰 Dubartiin waan afuriin jiraatti!
👉Amantiin
👉Obsaan
👉Abdiin
👉Jaalalaan!

👩‍🦰 Dubartiin waan afur hawwiti!
👉Gaa'ela godhachuu
👉Qabeenya horachuu
👉Ijoollee horachuu
👉Gammachuun jiraachuu!

👩‍🦰 Dubartiin waan afur namaaf taati!
👉Haadha
👉Obboleettii
👉Haadha manaa
👉Gargaartuu mana keessaa!

👩‍🦰 Dubartiin waan afur himachuu saalfatti!
👉Jaalalli yoo qabe
👉Laguun yoo itti dhufu
👉Gaaffii jaalalaaf tole jedhuu
👉Fedhii saalqunnamtii!

👩‍🦰 Dubartiin dhiira akkamii jaalatti?
👉Kan isheef amanamu
👉Kan amala gaarii qabu
👉Kan jaalala isheef qabu
👉Kan kaayyoo qabu!

👩‍🦰 Dubartiin dhiira akkamii jibbiti?
👉Kan sobu
👉Kan machaa'u
👉Kan irratti jaalatu
👉Dhiira sodaattuu!

👩‍🦰 Dubartiin waan afur ifa baastee dubbatti!
👉Dhugaan yoo jal'ate
👉Waa'ee nama rakkatee
👉Waan hawwite yoo argatte
👉Dhibeen yoo qabamte!

👩‍🦰 Dubartiin, waan afuriif jiraatti!
👉Abbaa manaa isheef
👉Ijoollee isheef
👉Kaayyoo isheef
👉Uumaa isheef!

Kanaaf Dubartii Kabaji!

@Miira_Jaalalaa
@Gaaela_Gaarii
@Singer_Megertu_Official

Yaadaaf: @Gaaelabot

20 last posts shown.