Singer Megertu Official


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Religion


Barsiisa macaafa qulqulluu, faarfannaa, ergaalee hafuuraa guyyaa guyyaan ni argattu.
https://adsly.me/@singer_megertu_official
Buy ads: https://telega.io/c/+Kk4BOOez0WM1ZmY0
youtube.com/@Singer_Megertu_Official
Contact: @Megertu_Dhugasa

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Religion
Statistics
Posts filter


dhumaatti(Bara Teessoo adiitti) murteessan ibsa.
✓1Qor. 6
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
² Warri Waaqayyoof qulqullaa'an biyya lafaatti akka faradan isin hin beektanii ree? Isin biyya lafaatti in faraddu erga ta'ee immoo, dubbii xixinnaa ilaaluudhaaf hin taatanii ree?
³ Nuyi ergamoota Waaqayyootti faraduuf akka jirru hin beektanii? Hammam caalaa dhimma jireenya biyya lafaatti hin farannu ree?.

BARUMSA OG WAAQUMMAA MURTII SHANANII ILAALA TURE KANUMAN XUMURAMERA!

#GALATOOMAA


4"FFAA:_MURTII 4"FFAA.
🤌Eenyu irratti: Ormoota /namoota warra hin amanne /nations/) kan lubbuudhaan lafa irra jiran irratti [Namoonni murtiin kun itti murteeffamu, yeroo lammaffaa deebi‟ee dhufuu Gooftaa keenyaatti, rakkina guddaa waggaa torbaa irraa hafanii lubbuudhaan lafa irratti kan argaman; garuu, Kiristoos Yesusitti amanuudhaan jireenya bara baraa warra hin argannee fi warra hin fayyine dha].
🤌Yeroo (yoom): Yeroo ulfinaan mul‟achuu Kiristoositti (Mat 25:31-32, 13:40-41).
🤌Bakka (eessatti): Dachaa Yoshaafaaxitti (biyya Israa‟el keessatti kan argamu)
(Yoe 3:1-2, 12-14).
🤌Bu’aa: Fayyuu namoota tokko tokkoo, akkasumas baduu namoota tokko tokkoo
(Mat 25:46).

#Qajeelfama murtichi irratti xiyyeeffatu: Kunuunsa warra Kiristoos “Obboloota
koo” jedhee waamuuf taasisame (Mat 25:40-45, Yoe 3:3,6-7)......#Warri “Obboloota koo” jedhaman kun ol butamuu Waldaa Kiristiyaanaatti fufee kan dhufuu fi yeroo ulfinaan mul‟achuu Gooftaa keenyaa kan raawwatu, yeroo “rakkina guddaa”tti hambaa Yihudoota Yesuusiin akka Masiihii isaaniitti
fudhatan dha; jedhamee amanama (Mat 24:21-22, Mul 7:14, 2Tas 2:3-9).

#NB:_Ragaan kanaa baay‟ee bal‟aa waan ta‟eef amma asitti caqasuun hin danda‟amu. Haa ta‟uutii warri obboloota koo jedhaman kun amantoota kennaawwan kutaabaroota kanaa (bara ayyaanaa) ta‟uu akka hin dandeenye ifaa dha; sababiin isaas gochi gara-laafummaa amantootaaf taasifaman tajaajila Yesuus mataa isaaf taasifaman ta‟uu isaa kan hin beekne Kiristiyaanota lakkoofsaan hamma
kanaa baay‟atan argachuun waan hin danda‟amneef dha.

🤌Bu’aa: Mat 25:46...........#Murtiin yeroo sanatti Ormoota /namoota/ lubbuudhaan jiran /judgment of the living nations/ irratti murteeffamu kun; yeroo tokko tokko “Murtii teessoo adii guddaa” Mul 20:11 keessa jiru wajjin waan waliin nama dhahuuf garaa
garummaa ta‟iiwwan kanatti fufanii kaa‟aman lamaan gidduu jiran qorachuun fayidaa qabeessa ta‟uu danda‟a..................#Isaanis haala armaan gadiin haa ilaallu 👇

🤌(A)_MURTII NAMOOTA LUBBUUDHAAN JIRANII
✓Warra du‟an keessaa ka‟uun hin jiru
✓Namoota lubbuudhaan jiran irratti
ni murteeffama
✓Kan raawwatu lafa irratti dha
✓Macaafonni hin banaman
✓ Gosoota sadiitu jiru: Hoolota,
Re‟ootaa fi Obboloota
✓ Yeroon isaa: Yeroo mul‟achuu
Kiristoos

🤌(B)_MURTII TEESSOO ADII GUDDAA
✓Warra du‟an keessaa ka‟uun jira
✓Du‟oota irratti ni murteeffama
✓Samii fi dacheen ni dhidhimti
✓Macaafonni ni banamu
✓Gosa tokko jira: Du‟oota

✅Yeroon isaa: Yeroo mul‟achuu
Kiristoos
✅Kiristoos erga waggoota kuma
tokkoof mo‟ee booddee Yeroo murtii kanaatti qulqulloonni Kiristoos wajjin gara tokko ta‟u; ta‟us murtichi isaan irratti kan murteeffamu ta‟uu hin danda‟u (1Qor 6:2, Dan 7:22,
Yih 14-15).

#Murtiin namoota lubbuudhaan jiran irratti taasifamuu fi murtiin teessoo adii guddaa wal wajjin kan qooddatan waan tokko qofaa dha; innis isa murtii kennu (Yesuus Kiristoos)

✅5"FFAA:_MURTII 5"FFAA:_
🤌Eenyu irratti: Du‟oota hin fayyine irratti
🤌Yeroo (yoom): Mootummaa waggaa kumaa booddee guyyaa muramee kaa‟ame tokkotti (HoE 17:31, Mul 20:5, 7).
🤌Bakka (eessatti): Teessoo adii guddaa duratti (Mul 20:11)
🤌Bu’aa: Kuufama ibiddaatti darbatamuu (Mul 20:15).

#Namoonni tokko tokko dubbisoota kanneen HoE 17:31 fi Rom 2:16 keessatti argaman jecha “guyyaa” jedhuun rakkachuu ykn bitaa itti galuu ni danda‟a........#Guyyaa” jechuun safartuu dheerina yeroo ta‟uu isaa dubbisoota armaan gadii keessa ilaaluun yaadicha hubachuuf ni salphisa (2Phex 3:8, 2Qor 6:2, Yoh 8:56).............#Jechi “yeroo” jedhu inni Yoh 5:25 keessatti argamu hamma ammaatti waggoota kuma lamaa(2000) ol lakkoofsiseera.

#NB:_Yaadannoo: Macaafonni Qulqulluun waa‟ee murtii ergamoota irratti
murteeffamuus ni dubbatu.......#Tarii murtii kennitoonni warri 1Qor 6:3, Yih 6, 2Phex 2:4 fi Luq 22:30 keessatti argaman kan agarsiisan Israa‟el keessa otoo mootiin hin jiraatiin dura murtii kennitoota turan (Administrative Office) malee, akka qaamolee haqa kennitoota mana murtii (judicial) miti (Isa 1:26).......#Murtii kennitoonni Kun luboota waaqayyoo ykn waldaa kristaanaa ishee misirroo kristoos taate....#yesusi waliin guyyaa


Guyyaan Waaqayyoo inni guddaan dhi'aateera,
dhi'aateera, dafees in dhufa;
guyyaa Waaqayyoo sanatti
loltoonni jajjaboonni iyyuu
sodaatanii iyya jabaa in iyyu.
Guyyaan sun guyyaa dheekkamsaa ti,
guyyaa dhiphinaatii fi guyyaa gidiraa ti;
guyyaa rakkinaatii fi guyyaa badiisaa ti;
guyyaa dimimmisaatii fi guyyaa dukkanaa ti;
guyyaa duumessaatii fi
guyyaa dukkana limixii ti;
Guyyaa dheekkamsa Waaqayyoo sanatti meetiin isaanii
yookiis warqeen isaanii
isaan oolchuu hin danda'u;
warra lafa irra jiraatan hundumaatti
dingata lafa irraa balleeffamuu
waan fiduuf,
biyyi lafaa guutummaatti
ibidda dheekkamsa isaatiin in dhuma.
*18 His 7:19
Sefaaniyaa 1:14-15, 18Guyyaan gooftaa akka hattuun halkan dhuftutti akka dhufu isin iyyuu ba'eessa gootanii in beektu. Namoonni, “Nagaa dha, gabii dhas” utuma jedhanii, badiisi itti hin yaadamin akka ciniinsuun dubartii ulfaatti dhufutti isaan irra in ga'a; kana jalaa ba'uunis hin jiru. Obboloota nana, isin garuu dukkana keessa waan hin jirreef, guyyaan sun akka hattuutti isin irra ba'uu hin danda'u. Isin hundumti keessan ilmaan ifaa ti, ilmaan guyyaa tis; nuyi warra halkanii yookiis warra dukkanaa miti. Egaa kottaa in dammaqnaa, of in qabnas malee, akka warra kaanii rafuu in dhiifnaa! Warri rafan halkan in rafu, warri machaa'anis halkan in machaa'u. Nuyi garuu warra guyyaa erga taanee of in qabna, maddaa sibiilaa isa kan amantii fi jaalalaa in uffanna, abdii fayyinaas akka gonfoo sibiilaatti mataatti in kaa'anna. Waaqayyo karaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos fayyina akka argannuuf malee dheekkamsaaf yaadee nu hin qopheessine. Nuyi warri jireenyatti jirrus, warri obbaafannes jireenya isaa akka qabaannuuf, Kristos nuuf du'e.
1Tasaloniiqee 5:2-10

@Singer_Megertu_Official


#Abu Sayid Al-kudrii akka dubbatetti immoo “ Yeroo lola Haanaayiin ergamaan Allaa lola akka lolaniif waraana gara Awutaasiitti erge. Akkuma kanaan lola sana keessatti
dubartoota booji‟anii turan.
👉Haa ta‟u malee sababii Abbootiin manaa(dhirsoonni) isaanii waaq-tolfamaa waaqessaa turaniif,yeroo sana namootni Muhaammad faana adeemaa turan
booji‟amtoota sana waliin saal-quunnamtii gochuun itti ulfaatee ture.😏
👉Sana booda inni ol-jedhaan “Allaan” waa‟ee kana irratti „Dubartoota boojite waliin saal-quunnamtii gochuu ni dandeessa‟ jedhee
iiti dubbate”( Suura 4:24, Saahii Musiliim kitaaba 008 lakkoobsa 3422, akkasumas lakkoobsa 3371)

#Kanaafitu, waaqni Islaamummaa keessatti waaqeffamu ergamaan
isaa(Muhaammad) dubartii haadha-manaa isaa hin taane waliin saal-quunnamtii akka raawwatuuf iyyameera jechuudha(
keessumatti haadha-manaa ilma ofii isaati guddise waliin). 🙆
👉Akkasumas Muhaammadii fi hordoftootni isaa dubartoota lola irratti booji‟aman waliin saal-quunnamtii akka taasisaniif
iyyameeraaf.💁
👉Egaa fedha-foonii(saal-quunnamtii) ba‟uuf isa abboommii Waaqayyoo cabse Muhaammadiin akkamitti raajii
Waaqayyo isa jiraataati jechuu dandeenya?
.............itti fufa....

👉Galatoomaa.


Muhaammad hojii sagaagalummaa raawwateera.👇

👉Macaafa qulqulluu keessatti haadha-manaa nama kan biraa hawwuun dhorkaa akka ta‟e Waaqayyo dubbateera(Seera Ba‟uu
20:17,Keessa deebii 5:21, Maat. 52728).
👉Quraanni garuu Muhaammad dubartii nama kan biraa akka fuudhuuf Allaan miira isaa akka kakaase dubbata.Kunis namni Muhaammad akka mucaa isaatiitti guddise tokko haada-manaa isaa akka hiiku gochuu dhaan
Muhaammad akka ishee fuudhu taasiseera(Kana jechuun Muhaamma
haada-manaa ilma isaatii fuudhee jechuudha). Sababii maaliitiif Allaan cubbuu gadhee kana akka inni raawwatu akka ajeje yeroo dubbatu,
namootni haada-manaa nama guddisan tokkoo fuudhuu akka danda‟anii fakkeenya ta‟uuf akka ta‟e dubbata(Suura 33:37).

#Muhaammad dubartii hawwe tokko fuudhu sababii barbaadeef, namni dubartii isaa akka hiiku gochuun isaa nama kan biraaf barumsa haa ta‟uuf jecha jedhanii barumsa kana fudhachuun baay‟ee ulfaata.
👉Muhaammad loltootni isaa dubartoota lola irratti booji‟an waliin saal-quunamtii akka raawwataniif iyyameera(Haadaha- manaa isaanii kan hin taane waliin jechuu dha).

#Israa'elootni dubartoota lola irratti booji‟aman fuudhuu ni danda‟u garuu dabarsanii gurguruu, akkasumas fedha foon isaanii ba‟uuf jecha itti xabachuu akka hin dandeenye(saalquunamtii seeraan alaa irratti raawwachuu akka hin dandeenye)Waaqayyo isaan dhorkeera.

👉Dubartoota fuudhuuf barbaadan kana immoo hanga isaan gadda maatii isaanii xumuranitti guyyaa 30f eeguu qabu.
👉Kunis kan ta‟uuf namichi ishee fuudhuu
yaade sun, osoo ishee hin fuudhin saal-quunamtii akka ishee irratti hin raawwatneef, akkasumas Israa‟eloota warren biroo waliin walitti dabalamuun akka ishee hin rakkisneef ta‟a (Seera Keessa deebii 21:10-14).

#Muhaammad garuu hordoftootni isaa
dubartoota bakka lolaatti booji‟an waliin saal-quunamtii seeraan alaa akka raawwataniif iyyameera(Suura/Boqonnaa 4:24, 23:5-
6,33:50, 70:29-30).
👉Muhaammad Saajjatoota lama qaba ture. Isheen jalqabaa nama biyya Koptik Maariyaa Biintuu Shaamuun Uum ibraahiim yeroo taatu isheenis ajejaa loltuu Alksaanderiyaa fi Misir kan ta‟e Al-muqaawuqiis iraa akka
kennaatti kan kennamtee dha.
👉Isheen lammaffaan immoo Riihanaahi Biintuu Amiru ykn Biintuu Zayid kan
jedhamtu yeroo taatu, isheenis Muhaammad booji‟amtoota Baanii Ku’aaraadiih keessaa kan inni filatee dha( Seenaa Kitaaba seenaa
Nebiyyuu Muhaammad dubbatu irraa kan fudhatamee dha.:-

#The Seerah of Prophet Muhammad (S.A.W ). Muhaammad Alii AlHaabii Al-Atahaariitiin kan qophaa‟e, AL Firdoos El T Dii, Londan , Maxxansa jalqabaa 2001, Kutaa 2ffaa fuula 32-33)
👉Akka Abdul Aziiz dubbatetti:-
Anaas akkas jedhe “Akkuma ergamaan Allaa Kaahabaariin lolee mo‟een booji‟amtootaa fi boojuu sassaabbatne. Dihaayyaan namni jedhamu immoo gara ergamaa Allaa dhufee „ Yaa ergamaa Allaa ! shamarran booji‟aman kana keessaa hojjettu naaf hojjettu tokko naaf kenni‟ jedhee gaafate.
👉Muhaammadis dhaqii tokko fudhadhu jedhe. Innis nama Saafiyaa Biinti Uyaa’iin jedhamtu fudhate. Namni biraan tokko
immoo gara ergamaa Allaa dhufee yaa ergamaa Allaa! Saafiyaa Biinti Uyaa’iin
isheen ati Diihayaaf kennite Miidhegsituu bulcha saba Ku’aaraayizaanaa kan ta‟e kan An Naadiir waan turteef, isheen siif malee nama kan biraatiif hin taatu‟ ittiin jedhe. Akkuma kanaan Diihayaan dubartitti wajjin gara Muhaammad dhufe.🙆

#Muhaammadis ishee ilaalee Diihayaadhaan „Ishee dhiisiiti kan biraa abbaa feete fudhadhu‟ ittiin jedhe.(Saahii Al-Buhaarii jildii 1ffaa kitaaba 8ffaa lakkoobsa 367)Jaabiir akka dubbatetti immoo “ Namni tokkoo gara ergamaa Allaa dhufee „ Hojjettuu mana koo keessaa naaf hojjettu tokko waliin saal-quunnamtii nan raawwadha garuu akka isheen ulfooftu immoo hin barbaadu‟ ittiin jedhe. 🙆
👉Muhaammadis
deebisee „Yoo feete aziilii taasisi garuu kan isheetti murtaa‟etu raawwatama‟ ittiin jedhe. Namichis yeroo muraasa booda deebi‟ee akka hojjettuun isaa sun ulfoofte itti hime.
👉Muhaammadis kan isheetti murtaa‟etu ta‟a jedhee sitti himeera mitii ittiin jedhe” (Saahii Musilim kitaaba 008 lakkoobsa 3383)


hoffaadhaanis hundicha irratti in ijaara. Hojiin namaa adduma addaan maal akka ta„e, ibiddaan mul‟ifamee in beekama, guyyaan firdii bakkeetti isa baasa; hojiin namaa adduma addaan maal akka ta‟e, ibiddi qoree in mul‟isa. .......#Hojiin namicha isa irratti ijaaree, utuu hin gubatiin yoo hafe, namichi gatii
(badhaasa) isaa in fudhata. Hojiin namichaa yoo duraa gubate garuu inni gatii (badhaasa) isaa in dhaba (ni kasaara); haa ta„u iyyuu malee ofii isaatii akka nama ibidda keessaa ba„etti in oola (1Qor 3:11-15).

#Dubbisoonni armaan gadii immoo murtiin kun yeroo inni itti raawwatamu mul‟isu;
🤏Ilmi namaa ulfina abbaa isaatiin ergamoota isaa wajjin dhufuuf jira; yommuus adduma addaan akka hojii isaatiitti gatii isaa in kennaaf (Mat 16:27).
🤏Ati garuu waamicha yommuu godhattu, warra waan nyaatan hin qabne, warra bu‟aan dhagna isaanii hir‟ate, warra naafatan, warra jaaman waami!.........#Ayyaana in argatta, isaan waan siif deebisan hin qaban; waaqayyo garuu warra du„an keessaa ka„uu qajeeltotaatti siif in deebisa (Luq 14:14, 1Qor 15:22-23)...........#Kan hin hafne erga ta‟ee, gama qoramuu hojii keenya ishee baay‟ee hammaan xiqqoo kanaan yommuu ilaalamu, gaafa sana waan ittiin nu galateeffatu akka argatuuf amma obsa jaalala isaan nu gaggeessaa jiraachuu isaa beekuun waan baay‟ee nama jajjabeessu dha.

#Kanafis yeroon utuu hin ga„iin, Gooftaan utuu hin dhufiin isin hin faradinaa!
Innoo waan dukkana keessa dhokatee jiru ifatti, yaada garaa namaas bakkeetti in baasa; gaafas adduma addaan Waaqayyo biraa galata
argachuuf jiru (1Qor 4:5).
✓Inni dhufu sun, “Kunoo ani dafee nan dhufa, gatii (badhaasa) isa ani adduma
addaan akka hojii isatiitti namaaf kennus fidee nan dhufa” (Mul 22:12).
✓Kanaa achis gonfoon qajeelummaa anaaf kaa„amee jira; gooftichi abbaan firdii inni qajeelaan guyyaa sanatti gonficha anaaf in kenna (2Xim 4:8).

#Waa‟ee iddoo murtiin kun itti raawwatamuu immoo, 1Tas 4:16-17 ilaali;
dabalataan immoo Mat 25:24-30) dubbisi.

GALATOMA .


✅2":_MURTII 2"FFAA:
🤌Eenyu irratti: Foon (self) amantootaa irratti
🤌Yeroo (yoom): Yeroo kamitti iyyuu (hamma amanaan lubbuudhaan lafa irra jiraatetti)
🤌Bakka (eessatti): Lafa kana irratti iddoo kamitti iyyuu
🤌Bu’aa: Adabbii /barsiisuuf, sirreessuuf, gorsuuf, ifachuuf fi kkf/

#Amanaan akka tasaa sababa ta‟een cubbuu yoo hojjete mataa isaa irratti murteessuutiin cubbuu isaa Waaqayyotti himachuudhaan qalbii jijjiirratee dhiifama argachuu ni danda‟a; yoo kana gochuu dhaabaate garuu Waaqayyo
akka bu‟uura qajeelfama mataa isaa fi guddummaa isaatti lafa kana irratti foon
isaa irratti adabbii ta‟u kennuudhaan nama kana sirreessuuf adababuu ni danda‟a.
✓Utuu of irratti arginee nuyi of irratti murreerra ta‟ee, Waaqayyo nutti hin faradu ture. Yeroo amma nutti faradamu immoo, firdiin bara baraa biyya lafaa wajjin akka nutti hin faradamnetti, Gooftichi akkasitti adabee nu
qajeelcha (1Qor 11:31-32).
✓Isinis barsiifamuudhaaf adaba kana obsaan danda‟aa! Waaqayyo wanta ilmaaniif godhamuun ta‟u, isiniif in godha; ilmi abbaan isaa barsiisuuf hin adabne immoo isa kam ree? (Ibr 12:7); isaan kanas ilaali (1Phex 4:17, 1Qor
5:5, 2Sam 7: 14-15, 12:13-14, 1Xim 1:20).

✅3"FFAA:_MURTII 3"FFAA:-
🤌Eenyu irratti: Hojii amanaa irratti
🤌Yeroo (yoom): Yommuu Kiristoos deebi‟ee dhufu
🤌Bakka (eessatti): Samii irratti
🤌Bu’aa: Amanaaf badhaasa “fudhachuu” ykn “dhabuu” inni ofii isaa garuu ni fayya (jireenya bara baraa ni argata).

✅Hammam illee Kiristoos cubbuu keenya foon isaatiin fannoo irratti kan baate
yoo ta‟es; akkasuma immoo Waaqayyo cubbuuwwan keenya “deebi‟ee hin
yaadadhu” (Ibr 10:17) jechuudhaan nu wajjin kakuu kan gale yoo ta‟es, yaadnitokkoo tokkoon hojii namaa dirqama gara murtiitti dhiyaachuun isaa sirriitti wanta hubatamuu qabu dha.

#Egaa mana dhagna keenyaa keessa jiraannus isa irraa fagaannus, Gooftaa biratti fudhatamoo akka taanuuf ni dhimmina. Namni adduma addaan dhagna isaa kanatti utuma jiruu gaariis ta‟e hamaas ta‟e, akkuma hojjetetti waan isaaf ta‟u akka argatuuf, nuyi hundumti keenya barcuma firdii Kirstoos duratti dhi‟aachuuf jirra (2Qor 5:9-10).
🤝Ati garuu maaliif obboleessa keetti faradda ree? Yookiis ati maaliif obboleessa kee ceephaata ree? Hundumti keenya barcuma firdii Waaqayyoo duratti dhi‟aachuuf jirra (Rom 14:10).

#Dubbisawwan armaan olitti dhiyaatan hundi akka galma isaaniitti (context) amantoota qofaa kan ilaallatan ta‟uun isaanii ifaa dha.
🤌Dubbisa isa jalqabaa keessatti ergamaan Phaawuloos waa‟ee keenya kan barreesse haala lamaan jechuunis lubbuudhaan jiraannee foon keenya keessa jiraachuu yookiin immoo
foon keenya keessaa adda baanee Gooftaa bira jiraachuu keessaa isa tokkoffaa keessatti kan argamnu ta‟uu dha.. .
#Jechama akka kanaa immoo warra hin amanneef fayyadamuun hin danda‟amu. Iddoowwan lamaanitti jechuunis Gooftaa bira ykn foon keenya keessa taanee “warra isa gammachiisan ta‟uuf in hinaafna [isa gammachiisuu kaayyoo keenya godhanna] hundi keenya barcuma firdii Kiristoos duratti mul‟achuun waan nuuf maluuf” (2Qor 5:8-9).

🤌Dubbisa lammaffaa keessatti immoo jechoonni “hundumti keenya” fi “obboleessa” jedhan amantoota qofaaf kan murtaa‟an ta‟uu isaanii nama hubachiisa.....#Hafuurri Qulqulluu warra fayyanii fi warra hin fayyine (warra badan) gonkumaa akkas waliin hin maku.

#Kanaafitu, qulqulloonni dhiiga Yesuusiin qulqulleeffaman murtiitti dhiyaatu yommuu jedhamu waan hin amanamne dha; kanas Phaawuloos Macaafa Isaayaas keessaa “Jilbi hundinuus anaaf jilbeenfachuuf, arrabni hundinuuf ani Waaqayyo akkan ta‟e beeksisuuf jiru” (Rom 14:11, Isa 45:23) jedhee caqasuun akkuma mirkaneesse hundumti keenya waan hojjenne hundumaatti Waaqayyoof deebii kennuuf jirra].

🤌Dubbisni armaan gadii bu‟uura qajeelfama murtii hojii amantootaa irratti murteeffamuu nuuf kenna;
👉Isuma dur kaa„ame sana malee homtinuu hundee biraa kaa„uu hin danda„u; hundeen dur kaa„ame sunis Yesuus Kiristoos. Namni warqeedhaan, meetiidhaan, dhagaa gati-jabeessaan, yookiis, mukaan, citaadhaan,


THEOLOGY OF FIVEFOLD OR FIVE JUDGEMENTS(BARUMSA OG_WAAQUMMAA MURTII SHANANII(5"NI)

HUBACHIISA:-Barumsi har'a waldaa kristaanaa keessatti kennamaa jiru baay'een isaa kan qulqulloota doorsisuu fi abdii kutachiisu akka ta'e argaa oolla......#yesus akka hattuutti isinitti dhufa jechaa fi yeroo Saba waaqayyoodhaan isinitti faradamuu danda'a jechuudhaan abdii kutachiisan argaa Jirra.....#Garuu Kun dogoggoraa fi burjaajjii guddaa Saba waaqayyootti fiduurraan kan hafe Macaafa qulqullaa'aa Akka hin taane beekamaadha 🤌

#kanaafitu; Kutaa Barumsa waldaa kristaanaa keessatti Karaa dogoggoraa ta'een kennamaa jiru sirreessuuf.....#Qo'annaan kutaa Kanaa Waan Isin gargaaruuf qalbii guutuu fi hubannaa guddaan akka Isin dubbiftan isinan jajjabeessa🤝

#Sirna barreeffamadhimma amantaa baay‟ee keessatti heddumminaan kan mul‟atu; jechama “murtii walii galaa” jedhamus ta‟e jechamicha keessatti yaadni dabarfamuu barbaadame Macaafota Qulqulluu keessatti hin argaman.

#Namni Dr. Peentekoost jedhamu yeroo tokko akkas jedheera: “Murtiin kan dhala
namaa hundaa; jechuunis, qulqullootaa fi cubbamoota, Yihudootaa fi Ormoota,
jiraattotaa fi du‟oota, dhuma biyya lafaa irratti “teessoo adii guddaa” duratti iddoo tokkotti walitti qabamee ta‟ii guddaa raawwatamu tokko dha jedhee addunyaan Kiristiyaanaa akka itti yaadu kan godhe shaakala dogoggoraa ti.
Kunis barsiisa /Doctrine/ Macaafota Qulqulluu irraa baay‟ee kan fagaate dha.”
#Macaafni Qulqulluu murtiiwwan gosti shan akka jiran ni dubbata, isaanis
immoo inni tokko isa kaan irraa karaa ittiin adda ba‟u amaloota afurtu jira:

✓1. Eenyummaa namoota murtiin kun itti murteeffamuu
✓2. Iddoo murtichi itti kennamu
✓3. Yeroo murtichi itti kennamu
✓4. Bu‟aa murtichi geessisu ykn argachiisu
Murtiiwwan kunneenis kanneen armaan gadii ti:
✓1. Murtii cubbuu amantootaa irratti murteeffame
✓2. Murtii foon (self) amanaa irratti murteeffamu
✓3. Murtii hojii amanaa irratti murteeffamu
✓4. Murtii Ormoota (warra hin amanne) lubbuudhaan jiran irratti murteeffamu
✓5. Murtii du’oota hin amanne irratti murteeffamu

✅1"FFAA:_MURTII 1"FFAA
🤌Eenyu irratti: Cubbuu amantootaa irratti
🤌Yeroo (yoom): Bara araaraa 30tti
🤌Bakka (eessatti): Fannoo qaraaniyoo irratti
🤌Bu’aa: Kiristoosiif du‟a, amanaaf immoo qajeelina /jireenya bara baraa/
✓Yesuus fannoo isaa ofii baatee gara iddoo “lafee mataa” yookiis afaan Ibraayisxiitti “Golgootaa” jedhamutti ba‟e. Achitti isa fannisan; namoota kan biraa lama garasii fi garanaan, Yesuusiinis gidduutti fannisan (Yoh19:17-18).
✓Nuyi cubbuu jalaa duunee qajeelinaaf akka jiraannuuf, inni ofii isaatii cubbuu keenya dhagna isaatiin baatee fannootti ol ba„e; madaa‟uu isaatiin isin in fayyifamtan (1Phex 2:24).
✓Kiristoos immoo gara Waaqayyootti isin fiduudhaaf jedhee, yeroo hundumaaf
akka ta„utti al tokkicha, cubbuu namoota baay„eetiif dhiphateera; inni qajeelaan foon uffatee, qooda warra jal„ootaa ajjeefame, hafuuraan jiraachifameera (1Phex 3:18).
✓Kiristoos immoo nuuf jedhee abaaramaa ta„uudhaan, abaarsa isa seerichi
nutti fidu jalaa nu fureera; akkuma caafame, “namni mukatti rarraafame abaaramaa dha” in jedha (Gal 3:13).
✓Isa cubbuu tokko illee hin qabne, nuyi karaa isaa qajeelina Waaqayyoo akka
argannutti, nuuf jedhee cubbamaa isa godheera (2Qor 5:21)2
#Akka nu karaa isaatiin qajeelina Waaqayyoo taanuuf Waaqayyo nuuf jedhee
Kiristoos isa cubbuu hin qabne sana cubbuu godhe (2Qor 5:21) /Hiikkaa
Walta‟aa Haaraya, 2001 maxxanfame
#Egaa amma firdiin, warra Kiristoos Yesuusitti qabamanii jiraatanitti faradamu tokko illee hin jiru (Rom 8:1).
✓Utuu akkas ta‟uu dhaabaatee, inni uumamuu biyya lafaatii jalqabee irra deddeebi‟ee dhiphachuun isa irra in ga‟a ture; amma garuu dhuma barichaatti, yeroo hundumaaf akka ta‟utti al tokkicha ofii isaa aarsaa

dhiyeessuu isaatiin cubbuu balleessuudhaaf mul‟ateera (Ibr 9:26).
✓Dhuguma, dhuguman isinitti hima, dubbii koo dhag‟ee isa ana ergetti kan amanu jireenya bara baraa qaba; inni du‟a keessaa gara jireenyaatti darbe malee, gara firdii hin dhaqu (Yoh 5:24).

(itti fufa),......

Galatoma.




Mat 28:4-10

4 Warri eegdonni awwaalichaa isa sodaachuu irraa kan ka'e rom'anii, akka waan du'anii ta' an.

5 Ergamaan sun garuu warra dubartootaan, "Isin Yesusin isa fannifamee ture akka barbaaddan anuu beeka. Hin sodaatinaa! 6 Inni as hin jiru, akkuma jedhe ka'eera; kottaa iddoo reeffi isaa ka'ame ture iyyuu ilaalaa!

7 Ammas dafaa dhaqaa bartoota isaatti, 'Inni du'aa ka'eera, kunoos, inni isin dura Galiilaa in dhaqa, achitti isa in argitu' jedhaatii himaa! Kunoo, ani isinitti himeera" jedhe. 8 Yommus isaan sodaa fi gammachuu guddaadhaan awwaalicha keessaa ba'anii, bartoota isaatti himuudhaaf in fiigan.

9 Kunoo, Yesus isaanitti dhufee, nagaa isaan gaafate; isaan immoo itti dhi'aatanii miilla isaa qabatanii sagadaniif. 10 Yommus Yesus, "Hin sodaatinaa, dhaqaa Galiilaatti akka gad bu'aniif obboloota kootti himaa! Isaanis achitti na arguuf jiru" isaaniin jedhe


Baga guyyaa yaadannoo Du'aa Kakuu Gooftaa Keenyaa Yesuus Kiristoosii bara 2017 nagaan geessaan. Ayyaana Gaarii💌💟

     Singer Megertu Official


💥Kristos hoolaan faasiikaa keenya aarsaa nuuf ta'eera! 1Qoronxos 5:7




Bagaa geessan yaadannoo du'a ka'u goofta keenya yesus kiristoos
hordooftootni Official Megertu hundumtuu




“Amma garuu caaffanni raajotaa akka raawwatamaniif kun hundinuu ta'e" jedhe; yommus bartoonni hundinuu isa dhiisanii in baqatan.”
— Mat. 26:56

Kobaa isaa darbee siif of kenne😭

Singer Megertu Official


✍️ Karaa biraatiin immoo, guyyaa itti maanguddoonniifi angafni lubootaa itti Philaaxos duratti dhiyaatanii, awwaalichi akka eegamuuf loltoota gaafatan, guyyaa Kamisaa (sanbata waggaa) fakkaata. Qalbeeffadhaa! Guyyaan qophaa’ummaa tokko darbeera; garuu, awwaalichi sichi hamma guyyaa sadaffaatti akka eegamuuf abboomiin ba’a. Kana jechuun Yesuus eda awwaalamee bulee, isaan ganama gara Philaaxos dhaqan jechuudha. Innis, Roobii galgala awwaalamee, Kamisa ganama eegumsi ramadame jechuudha. Guyyaa sadii utuu hinguutin akka Inni ka’u shakkii waan qabaniif ture.

Sababiin isaan Sanbataan (sanbata waggaa—kamisa) dhaqanii eegdota ajachiifataniifis, dhimmichi baay’ee waan isaan yaaddesseef, “Yesuustu du’aa ka’e” jedhamee bor qaana’uu isaanii irra, sanbata cabsuun waan wayyu waan itti fakkaateefiidha. Karaa biraatiin immoo, deemsi guyyaa Sanbataa murtaawaa waan ta’eef (Yoh 11:18), hanga mana mootummaa Philaaxositti deemuufi dubbachuun akka cubbuu cimaatti hinilaalle.

3. Guyyaa guddicha:
“Guyyaan sun guyyaa itti qophaa’an; guyyaan sanbata itti aanuus guyyaa guddaa ture. Kanaaf dhagna warra fannifamanii guyyaa sanbataatti fannoo irra akka hinoolle gochuudhaaf…” (Yoh 19:31). Yaada kana Kaalchar/Coulter yeroo ibsan, sanbata duraa/sanbata torbaniitiin “guyyaa guddaa’ hinjedhan” jedhu. Akka ibsa isaaniitti, guyyaa guddicha kan jedhame guyyaa sanbata waggaa itti seenaa jiru yoo ta’u, kan biraan immoo guyyaan ayyaana maxinoo itti seenaa kan jiru ta’uu isaati.

Kanaaf, Yesuus guyyaa ayyaana Faasiikaatti akka fannifame hinirraafatinaa! Faasiikaan ji’a jalqabaa, guyyaa 14ffaa yoo ta’u ayyaanni maxinoo, borumtaa ayyaana Faasikaa—gaafa 15ffaa irraa eegalee guyyoota torbaaf ayyaaneffatama. (Lew 23:5-7).

Waa’ee du’aa ka’uu dubbachaa akka jirru yaadadhaa! Gaaffiin keenya Yesuus Guyyaa meeqatti du’aa ka’e? kan jedhuu dha. Guyyaa meeqatti du’aa akka inni ka’e hubachuuf, yoom akka inni awwaalameefi yoom akka du’aa ka’e hubachuun barbaachisaadha; ibsa Kaalchar/Coulter giddu-galeessa godhannee yoo ilaalle, Yesuus galgala Roobiitti bari'u aabamee, Roobii ganama fannifamee, Roobiidhuma du’ee awwaalame; galgala Dilbatatti bari’u immoo du’aa ka’e; kanaaf Kamisa, Jimaatafi Sanbata-duraa garaa lafaa keessa oolee bule; kun immoo guyyaa sadii qofa utuu hintaane, “Guyyaa sadii booda” kan jedhu dhugoomsa!


2. Guyyaa qophee:
Guyyaa sanattis sanbatni itti lixuuf waan tureef, namoonni in qophaa’u turan. (Luq 23:54).

✍️ Sanbatni erga darbee, Maariyam isheen Magdaalaa, Maariyam haati Yaaqob, Solomeenis dhaqanii dhagna Yesuus dibuudhaaf urgooftuu bitan. (Mar 16:1)

✍️ Guyyaan qophaa’ummaa darbee, borumtaa isaa luboonni warri angafoonniifi faarisoonni Philaaxos duratti walitti qabamanii, ‘Gooftaa, inni wallaalchifataan sun utuu jiruu, ‘Guyyaa sadii booda nan ka’a’ jechuu isaa yaadanneerra. Kanaaf, awwaalichi hamma guyyaa sadaffaatti akka eegamu abboomi!” jedhan. (Mat 27:62-64)

Luqqisoota armaan olii kana al-tokko irra deebitanii akka qalbeeffattan nan barbaada! “Sanbatni erga darbee dhaqanii urgooftuu bitan” kan jedhu, Dilbata akka hintaane, beekamuu qaba. Dilbata bariinaan garuma awwaalaa akka isaan dhaqan yaadadhaa! Kanaaf, sanbatni tokko (sanbatni waggaa) darbee, sanbatni biraan (sanbatni torbanii) utuu itti hinseenin ta’uu akka qabu Kaalchar ibsaniiru. Kun immoo, guyyaa qophee, sanbatoota lamaan (kamisaafi sanbata-duraa) gidduu jiru, jimaata ta’uu qaba. Kanaaf, guyyaan qophee inni (Luq 23:54) irratti ibsame, Guyyaa Roobii, qophee sanbata waggaa yoo ta’u, guyyaa isaan dhaqanii urgooftuu bitanii qophaa’an immoo jimaata ta’uu qaba.

Sababiin isaas akka aadaa warra Yihudotaatti guyyaa sanbata jedhame kamittiyyuu, hojii daldalaa dabalatee sochiin kamiyyuu dhorkamaa waan ta’eef, urgoofticha lafa bitan hinqaban; isaanis akka seerichaatti boqochuuf dirqama qabu.


Akkuma Yoonaas garaa qurxummii guddichaa keessa guyyaa sadiifi halkan sadii bule, akkasuma ilmi namaa garaa lafaa keessa guyyaa sadiifi halkan sadii in bula. (Mat 12:40). Raajiin kun akkasumaan kan dubbatame utuu hintaane, Yesuus akkuma jedhe guyyaa sadiifi halkan sadii garaa lafaa keessa tureera” jedha barreessichi. Ibsi afaan Ibrootaa, ‘Guyyaa sadiifi halkan sadii’ kan jedhu guyyaa guutuu sa’a 24 qabu irraa kan hafe kan biraatti bakka itti hiike hinqabu jedhu. Akka ibsa kanaatti fakkeenyummaan Yoonaas garaa qurxummii keessa tureefi Yesuus garaa lafaa keessa ture tokkodha.

# Yesuus akkuma jedhe guyyaa sadiifi halkan sadii awwaala keessa turee, guyyaa guutuu sadii booddee akka inni ka’e gabaasi Maarqos sirriidha jedhu. “… guyyaa sadii booddee garuu du’a keessaa in ka’a” jedhe. (Mar 8:31; 10:34). Mee itti daballee luqqisii muraasa akka inni guyyaa sadaffaatti du'aa ka'u balballoomsan haa ilaallu!

✍️ Akka itti ga'isaniif, akka reebamuuf, akka fannifamuufis saba Waaqayyoo warra hinta'initti dabarsanii isa in kennu; guyyaa sadaffaatti immoo du'aa in kaafama" isaaniin jedhe.”— Mat. 20:19

✍️ “Kanaafis awwaalichi hamma guyyaa sadaffaatti akka eegamu, abboomi! Kun yoo ta'uu dhaabaate garuu bartoonniisaa dhufanii isa hatanii namootaan immoo, 'Inni du'aa ka'eera' in jedhu; wallaalchisuun inni gara dhumaa kun immoo isa duraa irra caalaa kan hammaatu in ta'a" jedhaniin.”— Mat. 27:64

✍️ “Kana irratti, "Ilmi namaa maanguddootaafiluboota warra angafootaatiin, barsiisota seeraatiinis guddaa dhiphachuuniifi raawwatee tuffatamuun, du'atti kennamuun in ta'a; guyyaa sadaffaatti immoo du'aa in ka'a" jedhee isaanitti in hime.”— Luq. 9:22

✍️ “Waaqayyo garuu guyyaa sadaffaatti du'aa isa kaasee, akka inni mul'atu godhe.”— HoE. 10:40

✍️ “Inni awwaalameera, caaffanni qulqullaa'oon akka jedhanitti guyyaa sadaffaattis du'aa kaafameera.”— 1Qor. 15:4

Barreessichi qorannoo isaa irraa ka’uun dhimma kana karaa sadiin ibsa; isaanis: Kalandarii/dha’aa lakkoofsa guyyaa ayyaana Yihudootaa, guyyaa qopheefi guyyaa guddichadha. “Guyyaan sun guyyaa itti qophaa'an; guyyaan Sanbata isatti aanus guyyaa guddaa ture. Kanaaf dhagna warra fannifamanii, guyyaa Sanbataatti fannoo irra akka hinoolle gochuudhaaf, lafeen miillan isaanii cabsamanii fannoo irraa akka gad buufamaniif, warri Yihudootaa Philaaxosin gaafatan.”— Yoh. 19:31

1. Kalandarii/dhahaa lakkoofsa ayyaana warra Yihudootaa:
Akka lakkoofsa ayyaaneffannaa warra Yihudootaatti, ayyaanni Faasiikaa bara sanaa, (Bara 30 A.D) Eebla 5 yookiin Niisaan 15 irra oole; kun immoo guyyaa Kamisaati malee Sanbata duraa miti jedhu. Kanaaf, guyyaa Yesuus itti fannifame, guyyaa qophaa’ummaati kan jedhame, qophaa’ummaa ayyaana Faasiikaa, gaafa Roobiiti malee, qophee sanbata torbanii ykn Jimaata jechuu miti jedhu.

✍️ Akka ibsichaatti sanbatoota lamaaf Yesuus awwaala keessa tureera; tokko ayyaaneffannaa naannoftuu waggaa itti sanbata ayyaaneffatan (sanbata waggaa—kamisa), inni kan biraan immoo, sanbata torbee—Sanbata duraadha. Kalandarii kanaan yoo deemne, Yesuus, Roobii galgala, utuu sanbatni waggaa hinseenin, galgala sa’a 12:00 tti awwaalamee, Sanbata-duraa halkan, Niisaan gaafa 17, dilbatatti bari’u du'aa ka’e; kun immoo halkan sadiifi guyyaa sadii—guyyaa sadii booda kan jedhu nidhugoomsa.

Dhimma guyyaa qophee Irbaata Faasiikaafi guyyaa ayyaana Faasiikaa jedhu irratti xiyyeeffannoo Yohaannisfi kan warra sadeenii yeroo ibsan: Akka ibsa Yohaannisitti, “Yesuus guyyaa qophee Faasikaa, yeroo itti Hoolaan Faasiikaa mana qulqullummaa keessatti qalamutti du’e; kanaaf, irbaatni inni bartoota Isaa wajjin nyaate, geggeessaadha malee Faasiikaa dhugaa miti” jedhu. Itti dabaluudhaanis, “Xiyyeeffannoon warra sadeenii Yesuus bartoota isaa wajjin Irbaata Faasiikaa akka nyaate ibsuu yoo ta’u, xiyyeeffannoon Yohaannis immoo, Yesuus Ofii Isaatii Hoolicha Faasiikaa Isa sirrii akka ta’e ibsuu dha” jedhu.


Roobii, Mukarratti fannifame__Yoh 19:14, 31; Mar 15:42; Luq 23:17, 54
“Kunis guyyaa qophee Faasiikaa gara sa'aatii ja'affaatti ture. Philaaxos yommus Yihudootaan, "Ilaa mootii keessan" jedhe.”— Yoh. 19:14
“Borumtaas Sanbata waan ta'eef namoonni guyyaa sanatti in qophaa'u turan; yeroon isaa immoo gara galgalaa ture.”— Mar. 15:42
“Guyyaa sanattis Sanbanni itti lixuuf waan tureef, namoonni in qophaa'u turan.”— Luq. 23:54

#Kamisa, Guyyaa ayyaana maxinoo__Lew 23:4-8
Faasiikaan Waaqayyoo ji'a isa duraa, ji'ichattiis gaafa guyyaa kudha afuraffaa dimimmisa galgalaa jalqaba. Ji'a kanattii guyyaan kudha shanaffaan immoo guyyaa ayyaana Maxinoo isa kan Waaqayyoo ti; yommus guyyaa torba maxinoo nyaadhaa!__Lew 23:5-6

#Jimaata, Dubartoonni Urgooftuu Qopheessan__Mar 16:1
“Sanbanni erga darbee, Maariyaam isheen Magdalaa, Maariyaam haati Yaaqoob, Salomeenis dhaqanii dhagna Yesus dibuudhaaf urgooftuu bitan.”— Mar. 16:1

#Sanbata-duraa, Akka seerichaatti boqotan__Luq 23:56
“Achumaa deebi'anii immoo waan ittiin reeffa isaa sukkuuman urgooftuudhaafi dibata qopheessan; guyyaa Sanbataatti garuu akka seerri ajajutti in boqotan.”— Luq. 23:56

#Dilbata, Yesuus du’a ka’e__Mat 28:1; Mar 16:1; Luq 24:1; Yoh 20:1

✍️ Egaan, Faasiikaan Waaqayyoo ji'a isa duraa, ji'ichattiis gaafa guyyaa kudha afuraffaa dimimmisa galgalaa jalqaba.”— Lew. 23:5. Guyyaan 14ffaa Yihudootaa, Niisaan 14ffaa jedhama. Niisaan 14ffaan guyyaa Faasiikaati. Kana jechuun Yesuus Roobii galgala qabamee, nuuf jedhee gidirfamaa bule jechuudha. Kunis Niisaan 14, halkan isa Roobiitti bari'uufi guyyaa sa'aatii 12 guutuu of keessatti qabata. Kanaafuu, Niisaan 14ffaa keessaa galgala isa Roobiitti bari'uu Yesuus niqabame jechuudha. Roobii ganama sa'aatii 3ffaa irrattimmoo nifannifame. Yeroon isa fannisanis bari'ee sa'aatii sadiitti ture— Mar. 15:25.

👉 Yesuus sa'aatii 3 hanga sa'aatii 6tti erga fannoorra turee booda, sa'aatii 9tti waan du'eef, guyyaama kana awwaalamee Sanbata-duraa halkan ykn galgala dilbatatti bari'u du’aa ka’e jechuudha. Akka ibsa Kaalchar (Coulturie) dubbiin “… guyyaa sadiifi halkan sadii garaa lafaa keessa in bula” jedhu, salphaatti kan irra darbamu utuu hintaane, raajii fakkeenyummaa dhugaa qabuufi bifuma kanaan kan raawwatameedha. Fakkeenyi ergichaa Yoonaas 2:1 irraa kan fudhatamee dha.


👉 “Waldootiin kiristiyaanaa hundumtuu jechuun nidanda’ama, ibsa #Kitaaba_Qulqulluu lafatti gataniiru. Kristiyaanonni bara har’aa garri caalaan isaanii, Yesuus Jimaata fannifamee Dilbata ganama akka ka’etti amanu; akka ibsa isaanii kanatti akka Yesuus dubbatetti guyyaa sadiifi halkan sadii garaa lafaa keessa hinbulle; garuu, halkan guutuu lamaafi guyyaa guutuu tokko qofa; kun immoo dhugaa utuu ta’ee fayyisaa ta’uu isaa gatii dhabsiisa. Haa ta’u iyyuu malee, ergaawwan Wangeelaa fannoo guyyaa Jimaataa [Good Friday]fi du’aa ka’uu guyyaa Dilbataa [Easter Sunday] hindeeggeran. Wangeela irratti kan barraa’e yeroon du’aafi du’aa ka’uu Yesuus Kiristoos isa jedhame kanarraa addaadha. Kristiyaanonni Ortodoksii, “Guyyaa sadiifi halkan sadiin garaa lafaa keessa tura” jechuun isaa guyyaa guutuu jechuu utuu hintaane, kutaa guyyichaafi kutaa halkanichaa keessaa yeroo muraasa ibsuu nidanda’a’ jedhu. Garuu Macaafa Qulqulluu keessatti jechi ‘guyyaa’ jedhu akkasitti ibsamee hinbeeku. Uumama 1 irratti “Ganamis ta’e, galgallis ta’e kun guyyaa tokkoffaadha” jedha.

✍️ Akkaataan seera lakkoofsa Waaqayyoofi kan ittiin bulmaata seera Yihudootaa tokkumadha. Kunis, guyyaan tokko yeroo lakkaa'amu halkanirraa jalqaba. Akkaataan Seera lakkoofsa guyyootaa seera uumamaa boqonnaa tokkorra jiru, kan inni nu barsiisu, guyyaan kan lakkaa'amuu jalqabe galgalarraa kaaseetu malee akka biyya keenyaa guyyaa irraa kaasee miti. Kana jechuun Galgala sa'aatii 12 ida'uu guyyaa sa'aatii 12 wal qixa ta'a guyyaa guutuu tokko ykn sa'aatii 24 ta'a jechuudha.

👉 Waaqayyo ificha "Guyyaa", dukkanichas "Halkan" jedhee in moggaase; galgallis ta'e, ganamnis ta'e; kun guyyaa tokkoffaa dha.”— Uma. 1:5. Akka biyya keenyaatti garuu, guyyaa sa'aatii 12 ida'uu galgala sa'aatii 12 wal qixa ta'a guyyaa guutuu tokko ykn sa'aatii 24 ta'a jechuudha. Kanaafuu, seerri lakkoofsa guyyoota Israa'eel (Yihudootaa), kan Waaqayyoo irratti waan hundaa'uuf nutis isatti fayyadamnee lakkaa'uu qabna jechuudha.

✍️ Kanaafuu, Guyyaa tokko jechuun ganamaafi galgala of keessaa qaba jechuudha; guyyaan ganama yeroo aduun baatu irraa eegalee hanga galgala yeroo aduun lixxuutti; halkanni immoo, galgala yeroo aduun lixxu irraa eegalee hanga ganamaatti kan turu jechuudha; yeroowwan walitti fufan kanatu guyyaa guutuu tokko jedhama.

TORBAN XUMURAA/TORBAN DHIPHINAA

#Jimaata, Bitaaniyaatti Urgooftuu dibame
Yoh 12:1__Kiristoos Ayyaaneffamuu Faasiikaa guyyaa ja'an jirutu Bitaaniyaatti urgooftuu dibame.

#Sanbata-duraa, Ulfinaan Yerusaalemitti ol gale__Mat 21:5
“inni, "Namoota Xiyoonitti himaa! Mootiin keessan gad of deebisee, kunoo, inni harree [yaabbii] keessaa, ilmoo harree irra taa'ee siif in dhufa" isa jedhuu dha.”— Mat. 21:5

#Dilbata, Utuu karaa darbuu muka harbuu sana abaare__Mat 21:18; Mar 11:12, 20
“Yesuus ganama barii gara mandarichaatti utuu deebi'uu in beela'e.”— Mat. 21:18

#Wiixata, Maree Yesuus irratti taa’ame__Mat 26:2; Mar 14:1
Guyyaa lama booddee ayyaanni faasiikaa akka dhufu nibeektu jedha__Mat 26:2. “Ayyaanni Faasiikaafi ayyaanni Maxinoo guyyaa lamatti galee ture. Luboonni warri angafoonnii fi barsiisonni seeraa karaa ittiin Yesuusin haxxummaadhaan qabsiisanii ajjeesan in barbaadu turan.”— Mar. 14:1

#Kibxata, Qophee Irbaata Faasiikaa__Mat 26:17; Luq 22:7
“Jalqaba ayyaana Maxinoottis bartoonni gara Yesuus dhufanii, "Hoolaa Faasiikaa akka nyaattuuf eessatti akka qopheessinu barbaadda?" jedhaniin.”— Mat

20 last posts shown.