NADHII GAMMADAA
Kutaa 1ffaa
Qabsaawaa Oromoo
Nadhii Gammadaa (1955-) qabsaawaa mirga Oromoofi miseensa ABO ture. Nadhii Gammadaa bara 1993 keessa bakka buuteen isaa kan dhabame yoo ta’u du’uu ykn mana hidhaa jiraatuun isaa haga yoonatti hinmirkaneeffamne.
Seenaa Duuba
Nadhiin naannoo Oromiyaa aanaa
Zuwaay Dugdaatti Maqaan dhalootaa isaa Qaasim H/Usmaan Roobaa jedhama. Maqaan ittiin waamamu maqaa qabsoo Nadhii Gammadaa jedhamuun beekkama. Nadhiin bara 1955 Kutaa Arsii Aanaa Zuway Dugdaa keessatti, Abbaa isaa H/Usmaan Roobaafi Haadha isaa Aadde Amiinaa Borsee irraa dhalate. Maqaan Nadhii jedhu kun maqaa abbaa isaa kan H/Usmaan Roobaa ture. Abbaan isaa amantaa Islaamaa erga baratee booda, maqaa isaa gara H/Usmaanitti jijjiirrate. Nadhiin maqaa abbaa isaa kana fudhatee Nadhii Gammadaa jedhamee waammamuu jalqabe. Nadhiin obboloota dhiiraa saddeetiifi obboloota durbaa afur qaba.
Nadhiin mana barnoota sadarkaa 1ffaa irraa kaasee hanga yuunivarsiitiitti barumsaan cimaa ture. Nadhiin qormaata biyyoolessaa darbee
Yuunivarsiitii Finfinnee gale.
Yuunivarsiitii Finfinneetti barnootaa faarmaasii baratee waggaa tokko akkuma fixeen barnoota addaan kutee qabsoo bilisummaa Oromoo geggeessuuf bara 1978 ABOtti makame.
ABOtti makamee yeroo gabaabaa keessatti miseensa koree giddugaleessa ta’e.
Nadhiin bara 1993 wal ga’ii ABO irratti hirmaachuuf Waardiyoota isaa ja’a (6) wajjiin osoo gara iddoo Bookee 27 jedhamuutti deemuuu, bakka Asakoo jedhamu tan daangaa Arsiifi Harargee jidduutti argamtutti butamee, achi buuteen isaa dhabame. Nadhiin goota sammuu qaroo, kan yoo dubbatu haasawa isaa jechoota akka rasaasaatti onnee nama kutu, kan sagalee onnattummaafi kutannoon dubbatu saniin hedduu beekama. Akka namoonni tokko tokko jedhanitti Nadhii Gammadaa Maqaleetti dararaan mana hidhaatti irra gahaa jira yoo jedhan kaanimmoo Nadhiin lubbuun hin jiru jedhu. kunis ragaa qabatamaan kan deggerame miti.
Walumaa galatti Nadhiin seenaa Oromoo keessatti nama seenaan isaa barabaraan yaadatamu eessa akka jiru du’ee jiraafi lubbuun jiraan isaa kan hinbeekamne nama seenaa guddaa qabuudha. Nadhii Gammadaa as-buuteen dhabame haajedhamu malee, barbaacha isaaf xiyyeeffaannoon gama mootummaatiin wanti hojjatame hinjiru. Namnii namaaf falmuuu haa barbaadamu ilaalun gaariidha.
Akkuma sagalee haasawa isaa Nadhiin goota murannoofi kutannoo dhugaa kan qabuudha. Jechoota muraasa gatii qabdu, kan haasawa isaa humna qabeessaa keessaa;
1. “Biyya keenya jaalannu nama wajjiin qoodanna, feenu immoo akka barbaadnetti bulfachuun mirga keenya.!”
2. “Osoo halagaan biyya keenyarratti nu bulchuuf lafa dhiituu, kan hidhatee muratee dhaadatu, nuti ammoo mirga keenya kabachiisuudhaaf wanti murachuu nu hanqisu hin jiru.!”
3. “Hiree Ummata Oromoo kan murteessu, Ummata Oromooti malee, anatu sii beeka, karaa kana deemtu malee, kan nuun jedhuufi kan afaan qawweetiin nu doorsisu jiraatu, Ummanni keenya fudhachuuf qophii miti.!”
4. “Seenaa Abaaboota keenyaa kan Aanooleetti dhumanii san jiraachisuun, biyya keenya Oromiyaa harka Oromootti, Oromiyaa harka ilmaan haqaa kan Oromoo Ummata Oromootiif dhaabbataniitti galchuu qofaani.!”
5. “Hundi keenyayyuu; Ummanni Oromoo bakkayyuu, harka wal qabannee, waliin dhaabbannee, waan warri Aanoolee itti wareegamaniif san gatii itti godhuudhaaf fuuldura haa tarkaanfannuu.”
6. “Oromoon tokko. Amantiin addan bahu. Oromoon gosaan addan bahu. Lagaan addan bahu. Gaaraan addan bahu. Kan Oromoo adda qooduuf tattaafatu haa badu.”
7. “Biyya Oromoo irratti abbaan biyyaa Oromoodha. Biyya Oromoorratti Oromoo malee, namni biraa murteessuu hin danda'u. Kan warra biraa nurratti murteessisuu dhidhiibu haa badu.!” fi kan biroo jechoota hedduu Ummata Oromoo hundaaf dhaamee jira.”...itti fufa
@etbisahusen