#Itoophiyaan Mana Maree Nageenyaa #Gamtaa_Afrikaatti teessoo argachuuf deeggarsa gaafatte
Itoophiyaan bara 2025-2027’tti Mana Maree Nageenyaa Gamtaa Afrikaa keessatti teessoon argachuuf sochii eegaluu Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximootewoos (PhD) dubbatan.
Geediyoon fedhii biyyattii kana kan ibsan marii ambaasaaddaroota biyyoota Afrikaa garagaraa teessoo isaanii Finfinnee godhatan waliin guyyaa kaleessaa gaggeeffame irrattidha.
Itoophiyaan ergama nagaa kabachiisaa fi tokkummaa Afrikaa keessatti gahee olaanaa taphachaa turuu eeruun biyyoonni Afrikaa iyyata Itoophiyaa kana akka deeggaran gaafataniiru.
Kana malees, Itoophiyaan Afrikaa sirna gita bittaa jalaa baasuu, Dhaabbata Gamtaa Afrikaa fi Gamtaa Afrikaa hundeeessuu, Afrikaadhaaf sagalee ta’aa turuufi Ajandaa 2063 dhugoomsuuf hojjachaa jiraachuu Geediyoon eeraniiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡