Barattoonniifi maatiin barattootaa bu’aa qormaataa ilaaluuf dararamaa jiru.
Faayidaawwan Qormaati Oonlaayinii ta’uu keessaa tokko barattoonni bu’aa isaanii yeroon akka baraniifi, bu’aan barattootaa malaammaltummaa tokko malee akka dhihaatuuf ture.
Barattoonni wayita qormaata xumuranitti bu’aa isaanii yerosuma baraniillee gadi ba’uu ni danda’u turan, haa ta’u malee “Analysis “ dalaguufi xiinsammiu barattootaaf jechaa guyyaa muraasi ni kennama! Kan ammaa kunoo maalif burjaajjii uume?
Akkuma beekamu bara darbe barattoonni muummee “Comprehensive Nursing “ heddumminaan darbaniiru, bara kana garuu ijoollee hedduun yaaddoo keessa galaniiru, sababni isaas qorumsi ba’e akka odeeffannoowwan nu qaaqqabaniitti “Blue Print” ala ture. Kun barattoota kuffisuuf ta’e jedhamee kan raawwatame fakkaata. Bu’aan barattoota hedduu kuffisuu irraa argamu barattoota hedduu digrii baachuun hoji dhaboo ta’anii lafa ta’an hirrisuuf yommuu ta’u , barattoonni kunniin waggaa tokko lafa ta’an akka barataatti akka lafa taa’an barbaadameeti. Kun ammoo miira barataa waggaa hedduu carraaqeefi miira maatii barattoota giddu gala kan hin taasifannedha. Qaamni dhimmi ilaallatu daba dhaloota irratti raawwatamu akkanaa sakatta’uun dirqama saaxiluu qaba.
Dabalataa Bu’aa qormaata ilaallachuuf maatiifi barattoonni kan rakkachaa jiran sababa dhaabbati marsaariiticha hoogganu akkaataa mootummaan bajata ramadeen hin dalagneefidha. Mootummaan serveriif bajata barbaachisa akka ramadu beekamaadha , haa ta’uyyuu malee maallaqa rakasaan serverii dadhaba kireessuun yeroofi miira maatii akkasumas barattoota miidhuun fudhatama hin qabaatu.
Mootummaan dhaabbata kana irratti qorannoo barbaachisaa taassisuun tarkaanfii fudhachuu qaba. Yeroo mara sababa Serverii dadhabaan kireeffameef barattoonniifi maatiin barattoota dararamaa kan oolan yommuu ta’u , sirnaan dalaguu diduu serverii rakashaaf barattoonni bu’aa isaanii ilaallachuuf qormaata sana caalaa cannaqamu.
Qaamni gochaa malaammaltummaa akkanaa raawwatu qoratamuun sirreeffamni barbaachisaan taassifamuu qaba.
Itoophiyaan keessumattuu Oromiyaan addunyaa waliin adeemuuf malammaltummaan gama maraan adeemsifamu dhaabbachuu qaba. Serverii dadhabaa kireessuun sababa bajati mootummaan ramade hanqateef ta’uufi rakkoo malaammaltummaa dhaabbata tajaajila kana kennaa jiruu ta’uun qoratamuu qaba.
Miidiyaa @Abdii_Sabaa qofa osoo hin taane dhimmi kun dhimma qaamni saba kana bakka bu’u marti irratti xiyyeeffachuun sakatta’uu qabudha.
Gamanumaan miidiyaan @Abdii_Sabaa barattootaafi maati barattootaaf bu’aa gaarii kan hawwu yommuu ta’u, odeeffannoowwan jiran hordofuun kan isiniin geenyu ni ta’a.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡