TGStat
TGStat
Type to search
Advanced channel search
  • flag English
    Site language
    flag Russian flag English flag Uzbek
  • Sign In
  • Catalog
    Channels and groups catalog Search for channels
    Add a channel/group
  • Ratings
    Rating of channels Rating of groups Posts rating
    Ratings of brands and people
  • Analytics
  • Search by posts
  • Telegram monitoring
ABDII SABAA

2 Oct, 14:41

Open in Telegram Share Report

Ayyaana Irreechaa Sababeeffachuun Daandiiwwan Cufaman fi Daangaa Sochii Konkolaattotaa

Poolisiin Oromiyaa ayyaana Irreechaa Hora Harsadee Fulbaana 24, bara 2019 magaalaa Bishooftuutti kabajamu sababeeffachuun, daandiiwwan cufamanii fi konkolaattota sochii irraa dhorkaman ifoomseera.

Haaluma kanaan, konkolaattonni fe'umsaa ulfaataa kamiyyuu Fulbaana 22 guyyaa sa'aatii 10:00 irraa eegalee hanga Fulbaana 24, 2019 guyyaa sa'aatii 6:30tti:
Karaa Sulultaatiin gara Finfinnee kan seenan magaalaa Caancoo fi Ficheetti akka dhaabatan,
Karaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitiin gara Finfinnee kan seenan magaalaa Shanoo fi Sandafaatti akka dhaabatan,
Karaa Buraayyuutiin gara Finfinnee kan seenan magaalaa Holotaatti akka dhaabatan,
Karaa Sabbataatii gara Finfinnee kan seenan magaalaa Walisootti akka dhaabatan, fi
Karaa Adaamaatiin gara Finfinnee kan seenanii fi Finfinnee irraa bahan daandii saffisaa (qofa akka fayyadaman Poolisiin dhaamsa dabarseera.
Gama biraatiin, taaksiiwwanii fi baajaajonni magaalaa Bishooftuu keessatti argaman Fulbaana 23, 2019 ganama sa'aatii 12:00 irraa eegalee manneen ofiitti akka dhaabbatan (sochii irraa akka of qusatan) ajajameera.

Konkolaattota geejjiba uummataa fi manaa ayyaanichaaf dhufaniif, kallattii ittiin dhufanitti iddoon dhaabbannaa gahaan waan qophaa'eef, iddoowwan kanneeniin alatti daandii irraa fi hoteelota cinaatti dhaabuun guutummaatti dhorkaa ta'uu Poolisiin Oromiyaa akeekkachiiseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

MIIDIYAA @ABDII_SABAA

61.2k 0 21 515
Catalog
Channels and groups catalog Channels compilations Search for channels Add a channel/group
Ratings
Rating of Telegram channels Rating of Telegram groups Posts rating Ratings of brands and people
API
API statistics Search API of posts API Callback
Our channels
@TGStat @TGStat_Chat @telepulse @TGStatAPI
Read
Академия TGStat Telegram Research 2019 Telegram Research 2021 Telegram Research 2023
Contacts
Справочный центр Support Email Jobs
Miscellaneous
Terms and conditions Privacy policy Public offer
Our bots
@TGStat_Bot @SearcheeBot @TGAlertsBot @tg_analytics_bot @TGStatChatBot