TGStat
TGStat
Type to search
Advanced channel search
  • flag English
    Site language
    flag Russian flag English flag Uzbek
  • Sign In
  • Catalog
    Channels and groups catalog Search for channels
    Add a channel/group
  • Ratings
    Rating of channels Rating of groups Posts rating
    Ratings of brands and people
  • Analytics
  • Search by posts
  • Telegram monitoring
Ethio-Psych Hub (የኢትዮጵያ ሳይኮሎጂ ማዕከል)

5 Sep, 19:04

Open in Telegram Share Report

𝗜𝗻𝗷𝗶𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗳𝘂𝗱𝗵𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳 𝗹𝗼𝗹𝘂𝘂𝗳𝗶 𝗹𝗼𝗹𝗮𝗺𝘂𝘂𝗻 𝗱𝗶𝗿𝗾𝗮𝗺𝗮𝗮? ⚔️

✅Moo’icha ykn injifannoo dhugaa yoo barbaadde, dirqama lola yookiin dorgommii jireenyaa hunda keessa darbuu qabda. Sababni isaas moo’ichi kamiyyuu kan dhufu erga lola jabaa ykn dorgommii cimaatti dhiyaattee boodadha. 𝗡𝗮𝗺𝗻𝗶 𝘀𝗶𝗿𝗲𝗲 𝗶𝗿𝗿𝗮 𝗰𝗶𝗶𝘀𝗲𝗲 𝗱𝗼𝗿𝗴𝗼𝗺𝗺𝗶𝗶 𝗺𝗼’𝗲𝗲 𝗯𝗮𝗱𝗵𝗮𝗮𝗳𝗮𝗺𝗲𝗲 𝗯𝗲𝗲𝗸𝘂 𝗵𝗶𝗻 𝗷𝗶𝗿𝘂.

✅Osoo hindaldaliin daldalaan, osoo hinbaratiin barataan, osoo hinfiigin atileetiin, osoo hinqotiin qotee bulaan, osoo hinhojjetiin hojjetaan dorgomtee mo’ichi argamu hin jiru. Namni kophaa dorgomu moo’icha hin qabu. Osoo hindorgomiin namni 1ffaa bahee jedhamee badhaafamee beekus hin jiru.

⭕️Akka tasaa dorgommii keessa lixuu yookiin hirmaachuu dandeessa, garuu akka tasaa dorgommii injifachuu ykn moo’achuu hin dandeessu. Jireenyi dorgommii dha.
𝗬𝗼𝘂 𝗰𝗮𝗻 𝗲𝗻𝘁𝗲𝗿 𝗮 𝗰𝗼𝗺𝗽𝗲𝘁𝗶𝘁𝗶𝗼𝗻 𝗯𝘆 𝗰𝗵𝗮𝗻𝗰𝗲, 𝗯𝘂𝘁 𝘆𝗼𝘂 𝗰𝗮𝗻𝗻𝗼𝘁 𝘄𝗶𝗻 𝗶𝘁 𝗯𝘆 𝗰𝗵𝗮𝗻𝗰𝗲!

✍🏽Hubadhu! Yeroof garuu karaa qaxxaamuraa (shortcut) kan dorgommii jireenyaa mo’an fakkeessanii kan ka'an akka jiraanis beeki. Warri akkasii garuu, akkuma habaaboo ganna keessatti daraaree yeroo bonni dhufu harca’uuti; milkaa'inni isaanii yeroo gabaabaaf qofaadha. Baay'ina dorgommii fi qabsoo irratti hirmaatteen carraan moo’ichaakees dabalaa adeema.

🤷‍♀️Mee fakkeenya tokko haa ilaallu: Atileetii tokko fiigicha gosa garagaraa sadii irratti hirmaatuufi inni biroo immoo dorgommii gosa tokko qofa irratti hirmaatu haa ilaallu. Inni gosa sadii irratti dorgomu yoo moo’ate warqii sadii gonfachuu danda'a. Dadhabbiifi shaakkallii inni gaggeessuus harka sadiin isa gosa tokkoon hirmaatu nicaala. Kanaafuu, dorgommii jireenyaa keessatti qorumsi hammam gurguddatees, carraan ati injifannoo guddaa argattu isa caalaatti si cimsa. Ta’us garuu karaa hundumaa milkaa’uuf jettee waan hunduma hojjechuu akka hin dandeenye beeki; 𝗷𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗶𝗶𝗳𝗶 𝘆𝗮𝗮𝗹𝗶𝗶𝗻 𝗷𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮𝗮 𝗱𝗮𝗮𝗻𝗴𝗮𝗮 𝗾𝗮𝗯𝗮, 𝗱𝗮𝗻𝗱𝗲𝗲𝘁𝘁𝗶𝗶𝗻 𝗻𝗮𝗺𝗮𝗮𝘀 𝗮𝗸𝗸𝗮𝘀𝘂𝗺𝗮. Waan gochuu dandeessu beeki.

𝗪𝗮𝗮𝗾𝗮𝘆𝘆𝗼 𝗵𝘂𝗺𝗻𝗮𝗮𝗳𝗶 𝗱𝗮𝗻𝗱𝗲𝗲𝘁𝘁𝗶𝗶 𝗸𝗲𝗲 𝘀𝗶𝗶𝗳 𝗵𝗮𝗮 𝘁𝗮’𝘂. Jabaadhu, haala ilaaltee abdii hinkutiin. 𝗝𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗶 𝗺𝗮𝗱𝗮𝗮𝗳𝗶 𝗴𝗼𝗱𝗮𝗮𝗻𝗻𝗶𝘀𝗮 𝗵𝗲𝗱𝗱𝘂𝘂 𝗾𝗮𝗯𝗱𝗶. Ta’us garuu nidarba, boru guyyaa biraadha!

Dr. Jineenuus

Join Us 👇🏿👇🏿👇🏿👇🏿

https://t.me/Ethio_Psych_Hub
Daawwitee Post
Chanalii kana jalaa kanneen akka :~ 👉Walaloo 👉Asoosamoota gaggabaaboo🏃 👉Seenaawwan nama barsiisan🚶 👉Qoosaawwan adda addaa🤣 👉Seenaa jaalalaa ❤️fi 👉Mudannoof muuxannoo 🤦 ✔️ @Daawwite dhaan argattu Na qunnamuuf https://t.me/Daawwitee

548 0 1 5
Catalog
Channels and groups catalog Channels compilations Search for channels Add a channel/group
Ratings
Rating of Telegram channels Rating of Telegram groups Posts rating Ratings of brands and people
API
API statistics Search API of posts API Callback
Our channels
@TGStat @TGStat_Chat @telepulse @TGStatAPI
Read
Академия TGStat Telegram Research 2019 Telegram Research 2021 Telegram Research 2023
Contacts
Справочный центр Support Email Jobs
Miscellaneous
Terms and conditions Privacy policy Public offer
Our bots
@TGStat_Bot @SearcheeBot @TGAlertsBot @tg_analytics_bot @TGStatChatBot