Seenaa dhugaadha!
Garuu baayee na gaddisiise! Sorry!Seenaa waan ilmi namaa keessa darbuuf malu keessa darbuuf dhalatee guddatee, nama jabaa ta'ee yeroo of gahee gaa'ilaaf gahutti. Akkatuma dhiirri tokko gaa'ilaaf dubara tokko fuudhaaf gaafatutti ni gaafate. Isheenis gaaffii isaarra dhaabbachuun yeroo keenniteefii boodarra yaada isaatti waliigaluun tole jettee hiriyummaa gara gaa'ilatti ofuu waliin jalqabani.
Namni kun nama amala qabeessa, bilchaataa fii nama uumaa isaa sodaatu akka ta'e maddi odeeffannoon ni ibsa.
Ji'oota muraasa erga wal baranii hariiroo hiriyummaan turanii booda gara gaa'ilaatti akka seenaniif murteessaniyyuu yeroo sanaaf haalli mijatoo waan hin taaneef yeroo dabalataa akka waliif kennaan murteessani. Baay'ee waljaalatu, keessumaa isheen baay'ee lubbuu dhabdiifii jedhu namoonni itti siqan.
Yeroon isaan itti hariiroo jaalalaa jalqaban kun inni hojii mootummaa miindeffamee hojjechaa kan jiru yemmuu ta'u, isheen immoo Yuuniversiitii barachaati jirti.
Waliigalteen isaanii barnoota akka xumurteen bultoo akka ijaarratan waliigalan. Hariiroon isheen isaaf qabdu baay'ee addaa fii akka baayee isaa jaallatu cimsite isa hubachiifti turte kanuma sana sababeeffachuun, Guyyaa tokko garuu guyyaan murtoon isaanii hawwiin eegaa turan akka ifa bariitti eegaa jiran dukkana limixii uffate. Akkas ta'e. galgala wayii yaada akkas jedhu maddisiise inni dhiira: baay'een ishee jaalladhaani ani.
Isheenoo akkuma Afaan ishee kanamoo ni sobdi laata? Garaa qulqulluu akkumaan ishee jaalladhu iddoo naaf kennitii laata? Imala jireenyaa koo keessatti tarii yoon beela'e nawaliin beeloftii moo na dhiiftee deemti? Waan jedhu yaada isaa guute.
Hubadha! Namooti baay'ee akka isheen baay'ee jaalattuufii abbaa manaa isheellee godhachuuf nama baay'ee iddoo keenituufidha jedhu hiriyoonni ishee.
Gurbaan akkas godhe, akka isheen isa biraa deemtee yuuniversiitii waggaa 2ffaa barachuuf mooraa seenteen booda, lakkoofsa haaraa, bilbila telegiraamii banuun nama biraa fakkaatee ishee waliin walquunname dubbisuu jalqaba. nagaa keetii Ana X jedhama, sin beeka, yeroo ati ijoollee turtetti maatii keetti maanguddoo ergadhee sin fuudha jennaan, lakki matiin kee ijoolleedha intali keenya jedhanii na didani. Ati amma na dagatetta. Ani garuu sin yaadadha. Amma Ani sababa barnootaan Gara Biyya Awustiraaaliyaa deemeen achi jiraachaa jira. Waggaa 5 fixeera. Akka carraa guyyaa sadii booda Itoophiyaa, finfinnee nan dhufa. Isheen immoo akkasiin deebii kennitiif: dhugaamoo? Akkamiinan si wallaaleree? Baayee namatti tola. Gurbaan deebii akkas jedhu laateef ati nan beektu yeros baay'ee. Ishee: mee suuraa kee naaf ergi jettiin, tole jedhee nama bifa gaarii qabu facebook irraa buusee itti erge. Isheenis: woow! baayee miidhagda jettiin. Gurbaa: kan kee naaf ergimee amma wallaalchifattee mitii? Jedheen . isheenis suuraa ergiteefii. Innis woow! Baayee miidhagdes ni guddattes jedhaan.
Kana booda gurbaan akkas jedheen maarree nan dhufa waan ta'eef maaliif si fudhee hin deemu? Awustiraaaliyaa jedheen? Hiriyaa godhatteemoo akkami jedhee deebiseef? Ishee: Lakki hin qabu mucaa tokko baay'ee na rakkisaa jira. bada keessiikoo itti hin jiru, barnootarran jiras jettiin. Dhugaadha? jedhee deebisaaf, Isheenis eeyyee dhugaadha jettiin.
Hubadhaa kan isheetti haasaaa jiru hiriyaa isheen waada waliif galtee jirtudha! Garuu akka nama biyyaa Awustiraaaliyaa jirutti itti haasaa'a jira.
Kutaa itti aanuuf
👇🏿👇🏿👇🏿
Kutaa 2ffaa