Kennaa Kee Adda Baasii Beeki! Itti Fayyadami! ✍️
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
🔵 Dhalli namaa kamiyyuu ogummaa dhokataa fi kennaa garaagaraatiin kuulamee gara dachee kanaatti afeeramee dhufe. Dirqamni hireen kenniteen baay'een namootaa carraa irratti utuu himata banuu, himata galmeen isaa hin cufamneen hawwii fi fedhii isaa qofaan hidhii sochoosaa jiraata. Kanaaf abjuu hanga har'aatti hin abjoonneen, hanga har'aatti qooda kee adda hin baafatin jirta taanaan of barbaaduutti deebi'i, kennaan kee suma keessa jira.
Kennaa dhokatee awwaalame abbummaatiin kan isa barbaadu dhabee jiru barbaaddee baasuun kee siin olitti dhaloota si booda jiraniif hojii kennaa ofii barbaaduu uumtaaf! Kennaa kee argattee mul'ata kee waliin walqunnamsiisuuf haalota danqaa taa'anii gaara sitti fakkaatan qalbii fi ogummaadhaan hurriitti akka inni jijjiiramuuf tooftaa dha'i!
Qormaata Si Mudachuu Malaniif Of Qopheessi!
👍 Namootni danuun waan tokko gochuuf ka'anii, yeroo dadhabanii immoo of duuba deebi'an sitti mul'atuu? Ati yeroo teessee ilaaltu jara kana akkamitti ilaalta? Akka natti fakkaatutti waan sitti toluu miti. Atis egaa yeroo waan tokko yaaltee osoo fiixaan hin baasiin of duuba deebitu kanuma fakkaatta.
Oromoon yeroo mammaaku “Qeerransa eegee hin qaban, qabnaan hin gadhiisan!” jedha. Akkuma kana jabinni namaas kan beekamu gaafa waan dadhabe deebisee irbaata dandeettii isaa taasifatudha. Gootummaan nama tokkoos kan beekamu yeroo waan salphaa fiixaan baasu osoo hin taane, yeroo waan maqaa qabuu fi sammuu namaa gararraa tahe hojjatee agarsiisudha. Akka beektonni jedhanitti waan fiixaan baasuu hin dandeenye jalqabuurra waan fixuu danda'an jalqabuu yookaan immoo dhiisuu wayya jedhu. Namoonni nuti jaboodha jennee waamaa oolluu fi namoonni addunyaa kanaaf fakkeenya ta'anii wantota adda addaa hojjetanii lafa kaa'an baay'een isaanii namoota kufaatiin michuu taasifatee tureedha. Hammuma kufan dogoggora ofii irraa barataa adeemu. Jireenyi immoo mana barnootaa gaariidha waan ta'eef, haala gaariidhaan nama barsiifti. Osoo kufaatiin hin jirree jireenyi hin jiru. Qorteetu nama qoraafti. Qoraaftees gaara nama baafti. Qormaanni qoraasuma milkiiti. Kufaatiin immoo yaaliirraa dhufa. Sammuun teessu gidiraa qofa yaaddi! Namni taa'uu guddisus huuba lafaa fuudhee ka'a jedhama mitiiree?
@Gaggeessummaa ✅