Qaroo Post


Channel's geo and language: Ethiopia, English


Qaroo Post is an Educational and news media established with a great vision to be the best Media in our country
CHANNELIIN Qaroo Post ODEEFFANNOO WAYTAAWAA YEROO YEROOTTI SINIIF LAKKISA
https://telega.io/c/QarooPost

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Statistics
Posts filter


Jeneraal Taddasaa Warradaan Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay ta’uun muudaman.

Jeneraal Taddasaa Warradaan waggoota lamaan darban itti aanaa bulchiinsa yeroo fi hogganaa sekeetara kaabinee nageenyaa fi Tasgabbii ta'uun tajaajilanii jiru.

@Qaroopost


USDT fi crypto kamiyyuu namoonni gurgurachuu barbaaddan @Walaloo_bot irratti nu qunnamuu dandeessu.

Hub:- screenshot gootanii erguun amma fi ammaamiin akka gurgurattan ibsuun jalqabdu

Usdt 1 qarshii 135 kaasee hanga 150tti baayyina isaa irratti hundaa’uun ni bitna.


USDT fi crypto kamiyyuu namoonni gurgurachuu barbaaddan @Walaloo_bot irratti nu qunnamuu dandeessu.

Hub:- screenshot gootanii erguun amma fi ammaamiin akka gurgurattan ibsuun jalqabdu

Usdt 1 qarshii 135 kaasee hanga 150tti baayyina isaa irratti hundaa’uun ni bitna

Dabalataan
Chaanaala Telegram fi Page Facebook bituus ta’ee namoonni gurguruu barbaaddan nu qunnamaa. Garee Teelegiraamii bara 2022 dura banamanis ni bitna


Artist Andu'aalam Gosaa mirgi Wabii dhowwame.

Artist Andu'aalam Gosaa du'a kaadhimaa isaa Qananii Addunyaan shakkamee erga to'atamee guyyaa lama booda mana murtii dhihaate.

Abukaatoon isaa Obbo Liban Abdii madda Oduu BBC'tti akka himanitti, poolisiitu Andu'aalam mana murtii federaalaa dhaddacha Araadaatti dhiheesse.

Jalqaba torban kana Kibxata barii erga kaadhimaan Andu'aalam ''sababa ammaaf hin beekamneen kufuu'' booda qorannoof to'annoo jala oolchuu poolisiin beeksisee ture.

Modeela, akkasumas beeksisa garagaraa dalaguun kan beekamtu Qananii Addunyaa umrii 25'tti du'uu seenaa dhalootaasheerratti ibsameera.

Owwaalchisees guyyaa Roobii magaalaa Finfinnee Bataskaana Kaatediraalii Qulqulluu Sillaaseetti raawwatameera.

Dhaddacha har'aa irratti poolisiin Qananiin ALI Ebla bultii 1, 2017 barii sa'aatii kudhanitti mana jireenyaashee gamoo shanaffaarraa kufuu dubbate.

''Isa waliin waan jiraattuuf…isa shakkinee to'annoo seeraa jala oolchinee jirra.

''Kanaafuu shakkii kanaan kaanee qorannoo akka gaggeessinuuf guyyaan 14 [qorannoof] nuuf haa kennamu jedhanii gaafatani,'' jedhan abukaatoon isaanii Obbo Liban.

Poolisiin dhaddacharratti hanga ammaa ashaaraa kaasuu, qorannoof reeffa hospitaalatti erguu akkasumas ragaa namaallee sassaabaa akka jiran dubbatan.

''Amma suuraa galmee waliin walitti qabsiisuuf, jecha ragaa namootaa fudhachuuf, hanga qorannoon reeffaa dhufu qorannoo waan goonuuf,'' guyyoota 14'n gaafachuu dubbatan.

Haa ta'u malee, manni murtii gaaffii mirga wabiin gadhiifamuu akka dide himan.

''Amma ajjeechaan waan shakkameef yeroodhaaf mirga wabii isaa hin ilaallu, bu'aan qorannoo reeffaa haa dhufu ragaanis walitti haa qabatuuti beellama itti aanutti dhimma wabii isaa ilaalla,'' jechuu dubbatan.

Amma yoo bahe miidiyaa hawaasummaarratti wanti jiru xiqqoo waan ho'eef beellama tokkoffaadhaan mirga wabii isaa eegun xiqqoo rakkisaadha,'' jechuun abbaan seeraa beellama qabachuu himan.

Akkaatuma kanaanis, guyyaan 13 eeyyamamee beellamni itti aanu ALI Bitootessa 17, 2017 beellamni biraa qabamuu BBC' gabaaseera.

@QarooPost


#Update

Dhimma du’a Qananii Addunyaa Waaqoo irratti Poolisiin Magaalaa Finfinnee maal jedhe?

Kutaa magaalaa Lammii Kuraa Aanaa 3 iddoo addaa "manneen Sanshayin" fuula duratti kan argamu gamoo Wuddaasee irra jiraachaa kan turte Aadde; Qananii Addunyaa Waaqoo bitootessa 01/2017 halkan keessaa naannoo sa'atii 10:00 manashee kutaa nyaata itti qopheessan biraan kan jiru barandaa darbii 5ffaa irraa sababa yeroof hin beekamneen kuftee deeggarsa yaalaaf gara Hospitaala Yaanneet geeffamaa osoo jirtuu lubbuunshii darbeera.

Poolisiin Finfinnee Odeeffannochi erga qaqqabeen garee qorannoo ijaaruun bakkicha deemee odeeffannoo teeknikaa fi taaktikaa barbaachisaa ta’e wolitti kan qabate yoo ta’u, reeffa ishees qorannoo dabalataaf gara Hospitaala Daagmaawwii Minilik akka deemu taasiseera.

Qananii Addunyaa yeroo barandaarraa kuftetti manicha keessa kan ture artist Andualem Gosa poolisiin to’annoo seeraa jala oolchuun qorannoo gaggeessaa kan jiru yoo ta’u, bu’aa qorannoo isa xumuraas ummataaf ifa akka taasisu ibsaa, marsaalee miidiyaa adda addaa irratti bu'aa qorannoo poolisootaan duratti odeeffannooleen afarfaman sirrii kan hin taane ta’uu bira darbee qorannoo yakkichaa irratti burjaajjii inni uumu hubatanii namoonni dhuunfaa odeeffannoo dogoggoraa dabarsanuufi tamsaasan gocha jaraarraa akka of qasatan Poolisiin Finfinnee beeksiseera.

Maddi: Addis Ababa Police
@QarooPost


Oduu Gaddaa 😭😭

Jaalalleen weellisaa Andualem Gosa #Qananii_Addunyaa har'a ganama sa'atii tokko irratti gamoo #5ffaa irraa of darbattee battalumatti lubbuun ishee darbite .
Maatii fi hiriyoota maraaf jajjabina hawwina! waaqayyoo lubbuu kee haa maaru baay'ee nama gaddisiisa.
RIP 😭😭😭

@QarooPost


Hajjiin bara kanaa birrii kuma 625 .

Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sirna eegalchiisa galmee Hajjii Bara 1446 AH (2017 AH) ilaalchisee ibsa miidiyaaf kenne

Mana Marii Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaatti Dameen Hajjii fi Umraa Hajjii bara 1446 AH (A.L.H bara 2017) galmee Hujjaajota fedhii Hajjii taasisuu qaban Waxabajjii 15 /2017 irraa eegalee akka eegalu beeksise.

Sirna Hajjii bara Hijiraa 1446/ ALH 2017 kanaaf baasiin waliigalaa birrii kuma 625 yoo ta'u, kunis daballii sharafa doolaaraa irraan kan ka'e ta'uun ibsa kanaarraa hubatameera.

Bara 2016 baasiin Hajjiif murtaaye doolaara 5772 yoo ta'u bara kana (2017) doolaara 4921 tti gadi buusuun danda'ameera jedhame,kunis daballii gatii sharafa doolaaraatiin wal qabatee hujjaajotatti akka hin cimne ilaalcha keessa galchuun ta'uu ibsameera.

Daballii sharafa Doolaaraa fi fooyyessa mootummaan Sawudii taasisee irraa kan ka'e bara darbe doolaarri 1 birrii 57 tti sharafamaa kan ture, bara kana (2017) birrii 127 sharafamaa jiraachuu ibsameera.

Kanaan dura galmeen Hajjii Ramadaana Ramadaana booda kan taasifamaa ture yoo ta'u bara kana jijjiirraa mootummaan Sawudii sirna hajjiirratti taasiseen, galmeen Hajjii Ramadaana dura kan xumuramuu fi namoota Isa booda dhufan kan hin keeessummeessine ta'uu ibsuun, buufatalee galmee itti dhiyaatutti Osoo yeroon hin dhumiin passport fi waraqaa eenyummaa haarome,qabachuun akka galma'an manni marichaa ergaa dabarseera.

@QarooPost


"Hijaaballe ni uffatti barnoota ishees ni baratti" - Hiriirtota

Manni maree dhimmoota Islaama Tigraay dhorgaa hijaabaa waliin wal qabatee murteen mana murtii fi biiroo barnootaa hojirra akka oolu gaafachuu hiriira nagaa adeemsisaa jiru.

Hiriira nagaa dhaadannoo "Hijaaballe ni uffatti barnoota ishees ni baratti" jedhuun manni marichaa waame irratti namoonni kumaatamaan lakkaa'aman argamaniiru.

Hiriirtonni kunis dhaadannoo:

- Barattoonni Musliimaa dubaraa gara kutaa barnootaa haa deebi'an!

- Heerri biyyaa haa kabajamu!

- Ajajni mana murtii haa kabajamu!

- Nagaa fi Haqni Tigrayiif! Jechuun qabatanii bahaniiru.

Suuraa - TV Tigrai
@QarooPost


Ameerikaan TikTokii cufte.

@QarooPost


Luba Balaay Makonniinitti murtaa’e.

Lakkoofsa Herreega Gamtaa Afrikaarraa Doolaara miiliyoona 6 fi kuma 50 waliin dhahuuf yaaluun yakka malaammaltummaan kan himataman Luba Balaay Makonniin Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Lidataatti dhihaachuun yakka himatamaniin balleessaa raawwachuu isaanii itti murtaa’eera.

Shakkamtoonni 5 Gamtaa Afrikaarraa kaffaltiin akka raawwatamuuf ajajni tokkooyyuu osoo hin jiraatiin Doolaarri miiliyoonni 6 fi kumni 50 akka kaffalamuuf sanada sobaa Baankiif dhiyeessuun kaffaltii gaafachuu isaaniin yakka waliin dhahuu cimaan himatamuun kan yaadatamuudha.

Lubni Baalay Makonniin ragaa ittisaa dhiyeeffatanii kan turan ta’us ragaan dhiyeeffatan ragaa Abbaan alangaa dhiyeesse qolachuu dhabuun sagalee guutuun murteen balleessummaa itti murtaa’eera.


Forward from: ABDII SABAA
Luba Balaay Makonniinitti murtaa’e.

Lakkoofsa Herreega Gamtaa Afrikaarraa Doolaara miiliyoona 6 fi kuma 50 waliin dhahuuf yaaluun yakka malaammaltummaan kan himataman Luba Balaay Makonniin Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Lidataatti dhihaachuun yakka himatamaniin balleessaa raawwachuu isaanii itti murtaa’eera.

Shakkamtoonni 5 Gamtaa Afrikaarraa kaffaltiin akka raawwatamuuf ajajni tokkooyyuu osoo hin jiraatiin Doolaarri miiliyoonni 6 fi kumni 50 akka kaffalamuuf sanada sobaa Baankiif dhiyeessuun kaffaltii gaafachuu isaaniin yakka waliin dhahuu cimaan himatamuun kan yaadatamuudha.

Lubni Baalay Makonniin ragaa ittisaa dhiyeeffatanii kan turan ta’us ragaan dhiyeeffatan ragaa Abbaan alangaa dhiyeesse qolachuu dhabuun sagalee guutuun murteen balleessummaa itti murtaa’eera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡


Dhohinsi volkaanoo haalota lamatti uumamu: isaanis effusive fi explosive. Yoo ta'aan,

Dhohinsi effusive:- Laavaa dhaabbataa, dhangala’aa ta’een kan beekamu yoo ta’u, yeroo baay’ee walnyaatinsa basaltic kan ta’ee fi viscosity gadi aanaa kan qabu dha.  Dhohinsi kun gaazonni salphaatti akka ba’an kan taasisu yoo ta’u, jeequmsi akka hin uumamne taasisa.  Dhohinsi dhangala’aa yeroo baay’ee bakka ho’aa irratti kan uumamu dha.  Dhiibbaan naannoo isaanii sababa dhangala’aa laavaa bal’inaan mul’atuun biqiltootaa fi bu’uuraalee misoomaa balleessuu kan dabalatu yoo ta’u, kunis teessuma lafaa jijjiira. Yeroo booda laavaan haala qilleensaatiin miidhame biyyee lalisaa akka guddatu gumaacha, qonna guddisa.  Haa ta’u malee, dhiibbaan battalaa akkaataa idileetti naannootti kan argamu yoo ta’u, dho’iinsa explosive wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu cimaa miti.

Innii lammaffaa isaa yeroo ammaa biyyaa keenya Naannoo afarittii kaan ummamedha.

Dhohinsaa explosive:- gaazota, araa fi meeshaalee pirooklaastikii humnaan gadi lakkifamuudhaan kan beekamudha.  Dhohinsi kun kan uumamu maagmaa viiskoosiitii guddaa qabu kan akka andesitic ykn rhyolitic kan gaazota dhiibbaa Guddaa qabaaniin umaama.  Miidhaan naannoo  irratti geessisan bakkaa tokkoottii yoo umaamee Lafa kiilometra bayyee irraattii dhangala'uu danda'aa fi balaa guddaa kan fidu yoo ta’u, kunis sirna ikoo naannoo bal’inaan balleessuu, faalama qilleensaa fi haala qilleensaa baramaa jeequu dabalata.  Duumessi araa ifa aduu cufuu kan danda’u yoo ta’u, yeroodhaaf qabbanaa’uu Qileensa kan fidu yoo ta’u, gaasonni akka salfar daayi’oksaayidii gadi lakkifamuun ammoo rooba asiidii irratti gumaacha kan godhu yoo ta’u, qulqullina biyyee fi bishaanii miidha. Kanaaf of egannoo haa gonuu!

Maddi:- @astrogeol
@QarooPost


Balaa Xiyyaaraa Kaaliifoorniyaatti muudateen lubbuun namoota 2 darbe

Kaaliifoorniyaa Magaalaa Fulertanitti Xiyyaarri Xiqqoon tokko caccabuun lubbuu namoota 2 galaafachuu gabaafameera.

Balichaan namoota 18 irra miidhaan qaamaa qaqqabuu Poolisiin Magaalichaa beeksiseera.

Ka’umsi balichaa qoratamaa jiraachuu Sputnik gabaaseera.

@QarooPost


"Itoophiyaa keessatti daa'imni hagana ulfaatu dhalachuusaaf hanga ammaatti ragaa isaa hinqabu; wanti barreeffames hin jiru" jedhan oggeessi fayyaa daa'ima kana deessisan Dr. Rattaa Tizaazuu.

Magaalaa Finfinneetti kan argamu Hospitaala Yaadannoo Zawudituutti harmeen tokko daa'ima kilogiraama jaha ulfaatu dahuushee hospitaalichi beeksiseera.

Hospitaalichatti Ispeeshaalistii Ulfaa fi Gadaamessaa akkasumas Hogganaa Kutaa Ulfaa fi Gadaamessaa kan ta'an, Dr. Rattaa Tizaazuu, "Ulfaatinni daa'ima dhalattoo naannoon kilogiraama jaha kan barame miti," jechuun BBC'tti himan.

Haati daa'ima kana deesse guyyoota dura buufata fayyaa magaalaa Finfinneetti argamurraa wal'aansa fooyyeef riifariidhaan gara hospitaalichaatti ergamuu kan himan Doktar Rattaan, "Yeroo dhuftu dhibee sukkaaraa kan qabdu yemmuu ta'u, ulfi ishees torbee 38 ta'ee ture," jedhan.

Yeroo akkanaatti dhibee sukkaaraa haadhaa akka yaalan kan himan Dr. Rattaan, dhibeen sukkaaraa harmee kanaa garuu rakkisaa akka ture himan.

"Kanaafis yaala baqaqsanii hodhuun dursitee akka deessu murteessine," jechuun adeemsa ture ibsu.

Harmee tana baqaqsanii yaaluun deesisuuf sababoota lama kan eeran ogeessi ulfaafi gadaameessaa kun, sababni inni tokko daa'imni meeshaa altiraasaawundiin yeroo ilaalamu guddaa ta'uusaa yemmuu ta'u, sababni inni lammaffaan immoo harmeen kun kana durallee wallaansa baqaqsanii yaaluun kan deesse ta'uu himan.

Haaluma kanaan harmeen kun Roobii ALI Mudde 16, 2017 daa'ima ulfaattinnisaa kilogiraama jaha ta'e dahuu dandeesseetti jedhan.

Harmeen daa'ima kanaatiis, kanaan dura daa'ima deessee kan turte yemmuu ta'u, ulfaatinni daa'imashee duraanii garuu akka kan isa yeroo ammaatti guddaa akka hintaane himuushee Dr. Rattaan himaniiru.

Maddi:- BBC
@QarooPost


Atileet Komaandar Silashii Sihin Pirezdaantii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa ta'uun filatame.

Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa yaa'ii walii galaa 28ffaa guyyoota lamaaf Hoteela Iskaay Laayititti gaggeesse xumuruun Atileet Komaandar Silashii Sihin Pireezdantii federeshinichaa taasisuun filateera.

Atileet Silashiin sagalee 27 kenname keessaa sagalee 11 argachuun caalmaa sagaleen filatamuu danda'ee jira.

@QarooPost


Amerikaan xiyyaara ofiishee rukutte!

Amerikaan Galaana Diimaa irratti xiyyaara waraanaashee F/A -18 rukutuun kuffisuun dhagahame.

Ministeerri Ittisaa US (Pentaagon) ibsa kenneen garee Hawutii qarqara Yaman irra socho'u irratti haleellaan erga geggeeffamee booda xiyyaara kana dogoggoraan rukutuu eere.

Doonii waraanaa Amerikaa USS S.Truman jedhamturraa misaa'ela dhukaafameem xiyyaarri kun haleelamuu himameera.

Balaliistotni xiyyaarichaa yerosuma utaalanii kan qubatan yoo ta'u tokkorra miidhaa cimaan gahuu gabaafame.

Ibsi gareen Hawutii baasu eegamaa jira.

Maddi: Washington Post
@QarooPost


Perezidaantiin Faransaay Imaanuyeel Maakiroon Finfinnee galan.

Pirezidaantiin biyya Faransaay Imaanuyeel Maakiroon daawwannaa hojiif yeroo dhufanitti Muummicha Ministeeraa Itiyoophiyaa Dr. Abuy Ahmadiin buufata xiyyaaraa idil-addunyaa booleetti simannaan ho'aan taasifameeraaf.

Pirezidaantichi turtii isaaniitiin marii biyyoota lamaaniirratti kan hirmaatanii fi bakkawwan garaagaraa kan daawwatan yeroo ta'u eebba masaraa mootummaa guddichaarratti akka hirmaatanis barameera.

Masaraan mootummaa kan pirezidaantonni biyyattii keessa jiraataa turan deeggarsa maallaqaa biyya Faransaayiin kan haareffamee xumurame yeroo ta'u, eebbaan booda uummataaf banaa ta'uudhaan namoonni akka daawwatan ni taasifama.

@QarooPost


Pireezdantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon dhuma torbee kana Itoophiyaa fi Jibuutii ni daawwatu.

Pireezdantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon Muddee 20 - 22, 2024 Itoophiyaa fi Jibuutii akka daawwatan ibsame. Turtii Itoophiyaa keessatti Muddee 21 fi 22 taasisaniin Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad fi qondaaltota olaanoo biyyattii waliin akka mari'atan ni eegama.

Kana malees, Maakroon MM Abiy Ahimad waliin ta’uun Masaraa Biyyaalessaa (masaraa guddichaa) deeggarsa mootummaa Faransaayiin haaromfame eebbisuun daawwattootaaf banaa akka taasisan Gaazexaan ‘Capital’ gabaaseera.


16/12/2024
Waltajjiin ajandaa walitti qabuu marii biyyaalessaa Oromiyaatti eegaluun dhaga'aame.

Naannoo Oromiyaatti waltajjiin ajandaa marii walitti qabuu har’a Muddee 07, 2017 ALI Adaamaatti eegalamuu Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksise.
Waltajjicha irratti bakka bu'ootni kutaalee hawaasaa aanaalee 356 irraa walitti babba’an ni hirmaatuun eegama.

Watajjiin kun dhaabbileen siyaasaa ijoo naannicha keessa socho’an Adda Bilisummaa Oromoo (#ABO) fi Kongiresii Federaalawaa Oromoo (#KFO) adeemsicha kana irratti gaaffii “hirmaachisummaa fi walabummaa” kaasuun maricha irratti hirmaachurraa yeroo of qusatanii jiranitti eegalame.

Komishinichi marii hunda hirmaachise taasisuuf hojjechaa akka jiru ibsuus, dhaabbileen siyaasaa kanneen adeemsa hundeeffama komishinichaa fi hirmaachisummaa marii kanaa “haqa qabeessa miti” jechuun adeemsa marii kanarratti hirmaachurraa of qusataniiru.

#Addis Istaandaardi

@QarooPost


Dooniin xaa’oo biyyee kuntaala kuma 550 ol feete Jibuutii geese

Dooniin xaa’oo biyyoo Daappii jedhamu kuntaala kuma 550 olfeete Jibuutii gahuu Korporeeshiniin Hojiilee Qonnaa Itoophiyaa beeksise.
Xaa’oon biyyoo Daappii jedhamu kuntaalli miliyoonni 2.4 yeroo dhiyootti dooniwwan afuriin fe’amuun buufata Jibuutii kan qaqqqaban ta’uu himeera.
Xaa’oo biyyoo bara omishaa 2017/18 barbaachisu keessaa hanga ammaatti kuntaalli miliyoonni tokkoo ol Buufata Jibuutii qaqqabuu ragaan korporeeshinicharraa argame ni mul’isa.
Xaa’oo Buufata Jibuutii qaqqabe keessaa hanga ammaatti kuntaalli kumni 472 fi 210 gara biyya keessatti geejjibsiifamuu ibseera.

@QarooPost

20 last posts shown.