👩🎓👨🎓 Qo’annaa Wangeela Yohaannis Kutaa 1ffaa 📖
🎯 Kaayyoo Barreeffamuu Wangeelicha
🚩Wangeelli Yohaannis Wangeelota arfan nuuf kennaman Keessaa isa tokkodha. Wangeelonnis sadan Maatewoos, Luqaas fi Maarqoos Qabiyyeen isaanii Baay’inaan Walfakkaatadha. Kanaafis #Synoptic_Gospels Jedhamuun Beekkama. Garuu Wangeelli Yohaaannis Qabiyyeen isaa isaan kaanirraa Hammaan addadha.
Yohaannis gaafa Wangeela kana Barreessu akkuma Qabiyyee isaa irraa hubachuu dandeenyu, Dinqiiwwanii fi Mallattoo (Milikkitoota) Baay’inaan Gabaasu caala barumsa irratti xiyyeeffachuu filateera.
🚩Ka’umsi akkasumas Giddu galeessi fi Xumurri Barsiisa Wangeela Yohaannis #WAAQUMMAA #KIRISTOOS Irratti kan bu’uureffamedha. Yohaannis Kan Inni Yaada Isaa Irra Godhate Eenyummaa Gooftaa Keenya Iyyesuus Kiristoos Irrattidha. Kanaafis Taateewwaan Gooftaan Keenya Wangeela Kana Keessatti raawwate #Dinqii osoo hin taane #Mallattoo (Milikkita) Jedhamuun beekkamu. Sababni isaas Taateewwan ta’an sun #WAAQUMMAA #KIRISTOOSIIN waan argisiisaniif, Mallattoo Agarsiiftuu #Waaqummaa #Kiristoosidha. Akkasumas Jechoonni Gooftaan Keenya Iyesuus Kiristoos #ANI jedhee dubbate torban Wangeela kana Keessattii barreeffamuun isaani Eenyummaa #Waaqummaa #Kiristoos barsiisuuf Wangeelli kun barreeffamu isaa hubanna.
🚩Yohaannisis Barumsa kana irratti bal’inaan akka xiyyeeffatu godheera jedhamee kan yaadamu, babal’achuu barsiisawwan sobaa bara sanatti Eenyumma #Kiristoos Irratti ka’anidha. Akka fakkeenyaatti IYYESUUS KIRISTOOS nama malee WAAQA miti kan jedhan #Noostistoota fi Niiqolaawota fudhachuu dandeenya. Isaan Malee kan biraas turaniiru.
📝Barreessaa Wangeelicha
🚩Barreessaan Wangeela kanaa ofii isaa “#bartuu #isa #Gooftaan #Jaallatu’’ jedhee of waama. Bartuun kun bartoota kudha lamman keessa isa tokkodha; Sababni isaas namni kun nama Irbaata #Gooftaa irratti Gooftaa waliin turedha [Yoh 13:23]. Kunis kan inni ta’uu danda’u bartoota #Gooftaatti siqan sadan [Pheexroos, Yaaqoob, Yohaannis] keessaa tokkodha [Mat 17:17]. [Yoh 13:23-25] Keessatti Yemmu Pheexroos Barticha Gooftaan Jaallatutti dubbatu argina; Kanaafu Barreessaan Wangeela kana Pheexroos ta’uu hin danda’u. Akkasumas Barreessaan Wangeela kanaa Yaaqoobiin ta’uu hin danda’u; sababni isaas Yaaqoob barreeffammuu Wangeela Kanaan dura akka wareegame argina [HOE 12:1-2]. (Bara 44 DH.K.B).
🚩Kanaafu Barreessaan Wangeela Kanaa Yohaannis isa duukaa buutuu Gooftaa ture, obboleessa Yaaqoob ilma Zabdewoosidha.
📨 Eenyuuf akka barreeffame
🚩Wangeelli Kun Yihuudota Xiyyeeffannoo Jalqaba Godhatus Namoota Hundumaaf akka barreeffame qabiyyeen isaa ragaadha.
⏲️ Yoom akka Barreeffame
🚩DH.K.B Naannoo Bara 90-100 gidduu barreeffamu isaa seenaan maddeen garagaraa irraa Abbooti Amantaa dur turan Waabeffachuun ni dubbata.
✍️ Kan Qopheesse God’s Word Presence dha.
🚩Nutti Makamuuf👇👇
🔗https://t.me/Youth4Christ1
🔗https://t.me/Youth4Christ1