YOUTH FOR CHRIST MINISTRY


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Religion


Engaged for Christ
TastE & SEE THE LORD IS GOOD
Come join us for an inspirational word from God. We are an imperfect people serving a perfect God! So, let’s exalt His name together and worship Him in the beautify of His holiness!
God loves you💝

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Religion
Statistics
Posts filter


⏰❤️ Hariiroo jaalalaa fayya qabeessa qabaachuuf sadarkaa isa,... Itti fufaa dubbisaa

▶️"Jaalala hiriyyummaa keessatti wanti namoonni baayeen dagatan...➡️ See More

          👇👇👇
   👉 See More  👈
   👉 See More  👈
           👆👆👆


🚨 Hariiroo Jaalala sirrii,..↪️ See More


🔔 Channelee Barnootaa Gurguddoo gadi tuquudhaan join taasisaa! 💖
Click to join

➿➿➿
👇👇👇
'https://t.me/addlist/4e8EfR1mqNFlY2E8' rel='nofollow'>           ⇣
╔┓┏╦━━╦┓╔┓╔━━╗
║┗┛║┗━╣┃║┃║╯╰║
║┏┓║┏━╣┗╣┗╣╰╯║
╚┛┗╩━━╩━╩━╩━━~

💓 Best channel collection
Click to join

➿➿➿
    👇👇👇
            ⇣
▣ Click to join ▣
      ▣ Join ▣
      ▣ Join ▣
      ▣ Join ▣


💓 Wave 01 collection channels
Click to join

➿➿➿
   👇👇👇
             ⇣
  █▓▒░JOIN░▒▓█
  █▓▒░JOIN░▒▓█
  █▓▒░JOIN░▒▓█
  █▓▒░JOIN░▒▓█
  █▓▒░JOIN░▒▓█


✍️ Contact: @Getu_Abera


Channel hedduu fayyadan waantota irraa argachuu dandeenyu filachuun join godhadhaa
Waver 👉 @Daani28
👇👇


ILMA NAMAA
===========
Yesus Kakuu Haaraa keessatti yeroo 88 “Ilma Namaa” jedhamee waamame. Dhugaa dubbachuuf, 'Ilma Namaa' kan jedhu maqaa jalqabaa Yesus yeroo ofii Isaa eeruu itti fayyadamedha; (fkn, Maatewos 12:32; 13:37; Luqaas 12:8; Yohaannis 1:51).

Maqaaleen Kristos biroo kan akka Ilma Waaqayyoo, waaqummaa Isaa irratti xiyyeeffachuu isaaniitiin ifatti mul’ata. Ilmi Namaa garuu faallaa kanaatiin namummaa Kristos irratti xiyyeeffata. Waaqayyo Hisqiʼel raajicha siʼa 93 “ilma namaa” jedhee waameera. Haala kanaan Waaqayyo Hisqi’eeliin nama jedhee qofa waamaa ture. Ilmi namaa jecha periphrastic jecha “nama” jedhu qofaadha. Yesus Kristos dhuguma nama ture. Inni “fooniin” dhufe (1Yohaannis 4:2).

'Ilma Namaa' kan jedhu kun maqaa gad of deebisuu Isaa agarsiisuu dha. Namni Lammaffaan Sadan tokkummaa, uumama bara baraa, ulfina samii dhiisee foon namaa uffatee, Ilma Namaa ta’ee, mana horii keessatti dhalatee “nama biratti tuffatamee fi gatame” (Isaayaas 53:3) Waaqa namummaa uffate Kristos. Itti yaadanii sadarkaa Isaa Mootii Samii irraa gara Ilma Namaatti gadi buusuun kun fakkeenya gad of qabuu ti (Filiphisiiyus 2:6–8 ilaali).

Ilma Namaa jechuun maqaa waaqummaati. Hisqiʼel 'ilma namaa' taʼuu dandaʼa; qubee jalqabaa 'i' fi 'n' xiqqaan barreeffama. Yesus garuu 'Ilma Namaa' ti. Garuu asitti 'I' fi 'N' guddaatiin barreeffama. Akka kanaan, Yesus fakkeenya ol aanaa Waaqayyo ilma namaa akka ta’uuf yaade hundumaa, qaama dhugaa fi ayyaanaati (Yohaannis 1:14). Isa keessatti “guutummaan Waaqummaa hunduu bifa qaamaan jiraata” (Qolaasaayis 2:9). Sababa kanaaf Ilmi Namaa cubbuuf dhiifama gochuu danda’eera (Maatewos 9:6). Ilmi Namaa Gooftaa Sanbataati (Mar 2:28). Ilmi Namaa lubbuu fayyisuuf dhufe (Luqaas 9:56; 19:10), du’aa ka’uuf (Maarqos 9:9), fi murtii raawwachuuf (Yohaannis 5:27). Yeroo qoramuuf angafa lubaa duratti dhiyaatetti, 'Yesus, “Hunda keessaniin nan jedha: Ammaa booda Ilmi Namaa gara mirga Isa jabaa taa’ee duumessa samii irra yeroo dhufu ni argitu” (Maatewos 26: 64) jedhe. Ibsi kun battaluma sanatti dhaddacha xumure; dubbii Yesus dubbate kanaan du'a itti murteessan.

Ilmi Namaa raawwii raajiiti. Yesus angafa lubaa duratti Ilma Namaa ta’uu Isaa dubbachuun isaa raajii Daani’eel 7:13–14 irratti dubbateera. Daani’eel ulfina, waaqeffannaa fi mootummaa bara baraa Masihichaaf kenname argeera—asitti “Ilma Namaa” jedhamee waamame—Yesus raajii kana ofii Isaa irratti hojii irra oolcheera. Yesus yeroo biraattis waa’ee mootummaa Isaa dhufuu dubbateera (Maatewos 13:41; 16:28). Ilmi namaa, raawwii raajii Kakuu Moofaa keessaati.

Yesus guutummaatti Waaqayyo ture (Yohaannis 1:1); garuu guutummaatti namas ture; (Yohaannis 1:14). Akka Ilma Waaqayyoo fi Ilma Namaatti maqaan lamaan isaaf malu.

Barsissaa akkasii nuyi chaanali kana irraattii fennuuf yeroo hundaa akka si qaqqabuuf liinkii armaan gadii xuquun "JOIN" Godhi .Eebbifamaa
Join Us!
Waan maatii keenya taateef eebbifami, yaada ykn qeeqa qabdu nuuf kenni. Obboleessa keessan D.A
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/Youth4Christ1


Qoosaaf Qoosan👇👇

Jechoota baayyee nama bohaarsan,kofachiisan argachuu barbaadduu ammuma join godhadhaa👇👇👇kunooti


Channel hedduu fayyadan waantota irraa argachuu dandeenyu filachuun join godhadhaa
Waver 👉 @Daani28
👇👇


Qoosaaf Qoosan👇👇

Jechoota baayyee nama bohaarsan,kofachiisan argachuu barbaadduu ammuma join godhadhaa👇👇👇kunooti


Video is unavailable for watching
Show in Telegram
#Yesuus_deebiee_dhufa!
#Dhiirsi_misirroo_dhufee_nu_fudhata!


Channel hedduu fayyadan waantota irraa argachuu dandeenyu filachuun join godhadhaa
Waver 👉 @Daani28
👇👇


MIISHINEEROTAA
Mishineerummaan kiristaanummaa kan eegalee fi yeroo jalqabaaf du'aa ka'uu kiristoos kan beeksise Maariyaam yoo taatu, du'aa ka'ee, ol ba'uu isaa booda bartootni isaa waa'ee du'ee du'aa ka'uu kiristoos,waa'ee dubbii jireenya barabaraa fi karaan isaa ammoo maal akka ta'e lallabuutti, barsiisuutti ka'an. Taateen kun jaarraa 1ffaa keessa jechuudha. Kanas akkuma arganitti, akkuma dhagaa'anitti, akkuma barsiifamanitti itti fufan. Miishineerotni kunis ergama Waaqayyo biyya lafaaf qabu sodaa fi naasuu tokko malee Wangeelaaf lubbuu isaanii aarsaa godhanii addunyaa kana Kiristoosiin dhaalchisan. Bu'aa dhuunfaa isaanii otoo hin ilaalin, manakoo, dhalakoo osoo hin jedhin, ittin miindaa nyaadha osoo hin jedhin, bonaaf ganna,  kun yeroodha yeroo miti osoo hin jedhin kiristoosiin ifa jireenyaa fi jireenya isa ta'e dhaloota duukkana keessa jiraniin ga'aa turan. Isaaniin Waaqayyo haa eebbisu, silaa Wangeelicha eenyuutu nutti hima wal hin argin hafna malee duukkana keessatti. Warri Maariyaam, Pheexiroos, Yohaannis, Yaaqoob, Maatewoos, Barnabas Phaawuloos,...darbees gara biyya keenyatti Abbaa Gammachiis(Oneesmos Nesiib) ykn Hiikaa, Asteer Gannoo, Ganameefaa... Wangeela mootummaa kiristoos nu biraan ga'anii jiru. Waaqayyo isaan haa eebbisu malee.
  
Egaa har'ammoo darabeen isaa na ga'ee jira. Darabeen dhaloota ammaati. Warri Sagalee jireenyaa kana bu'aaba'ii heedduu keessa buutanii baatanii dhaloota biraan ga'aa jirtan Waaqayyo isin haa eebbisu. Ani ergamaa sagalee kanaa ta'een ergamee jira; kanaafan sodaa malee Wangeela mootummaa Waaqayyoo saba duukkana keessa jiru, Saba hongee hafuuraan rukutamanii jiran bira deemee Mootummaa Kiristoos lallabuuf yeroo hundumaa miixannaa kooti. Yesuus Kiristoos jireenya ta'uu isaa biyyi lafaa kun itti fufteema dhaga'uu qabdi amma gaafa kiristoos dhufee warra kan isaatii fudhatutti.

Isa kanaafis ani lallabaa, ergamaas ta'een jira; kanas ani dhugaan dubbadha malee hin sobu; amantiidhaan dhugaadhaan geggeeffamees warra saba Waaqayyoo hin ta'in nan barsiisa.
1Xim2⁷

Yesusiin malee jireenyi hin jiru.

t.me//Youth4Christ1


Foormii armaan olii kana obbolootni argitan guutuudhaan yaada qabdan irratti kennaa, keessumaa obbolootni shamarranii dhimma kanaaf qorannoo geggeeffamaa jiru kana afaan oromiffaatiinis waan jiruuf xiyyeeffannoodhaan akka guuttan adaraa isiniin jenna!


ይህ መጠይቅ በግሬት ኮሚሽን ሚኒስትሪ ኢትዮጵያ የሴቶች አገልግሎት ክፍል የተዘጋጀ ሲሆን የመጠይቁም ዓላማ ወጣት ሴቶችን በሁለንተናዊ እድገት ለማገዝ ነው። ይህንንም ስራ ለመስራት  ትክክለኛ መረጃ  ከወጣት ሴቶች ማግኘት ቀዳሚ ተግባር ስለሆነ የወጣት ሴቶች ሁለንተናዊ እድገት ሂደት ላይ እንደምንሳተፍ በመቁጠር በግልጽነትና በታማኝነት በመሙላት እንድንተባበር ይሁን። 

ይህ መጠይቅ ማን እንደሞላ ስምንና አድራሻን ስለማያሳይ በነፃነት ሃሳብን በመግለፅ ይሙሉ።
የምትፈልጉትን ቋንቋ መርጣችሁ መሙላት ትችላላችሁ

ለአማርኛ 👇
https://forms.gle/Y4xxLuh5b6whw6Uv9

Afaan Oromoo 👇
https://forms.gle/4tKWHaEah1vpCXxe6

For English language👇
https://forms.gle/kuWjknG13WSuCXKEA




Channel hedduu fayyadan waantota irraa argachuu dandeenyu filachuun join godhadhaa
Waver 👉 @Daani28
👇👇


Channel hedduu fayyadan waantota irraa argachuu dandeenyu filachuun join godhadhaa
Waver 👉 @Daani28
👇👇


🫀🫀 💔 Onnee kee qulqulluu jaalala sobaatiin hin faalin! Gorsi gabaabaan kuni... Itti Fufaa dubbisaa

👉 👉 See More
            See More


⏰ Eeggannoo fi turtii Jaalalaa keessatti,... See More


Akkuma nyaanni foon keenya irraa waantota baayyee ittisu, nyaanni sammuu keenya waantota baayyee ittisa. Kanaaf nyaata sammuu keef ta'u argachuuf channalii kana join godhachuun sammuukeef soorata taasisi.
🤜🤛👇🤜🤛


Channel hedduu fayyadan waantota irraa argachuu dandeenyu filachuun join godhadhaa
Waver 👉 @Daani28
👇👇


(Maatewos 18 )
------------
23 Yesus itti fufee, "Akkasumas mootummaan waaqaa mootii hojjetoota isaa irraa gatii lakkaa'achuuf murtoo godhetti in fakkeeffama.
24 Yommuu inni lakkaa'achuu jalqabetti immoo, nama inni meetii miliyoonii baayee irraa qabu tokko itti fidan.
25 Namichi waan baasu dhabnaan garuu, gooftaan isaa gatichi haa baafamuuf, inni, haati manaa isaa, ijoolleen isaa, wanti inni qabu hundinuus akka gurguraman abboome.
26 Hojjetaan sun immoo miilla gooftaa isaa jalatti lafa dha'ee, 'Gatii kee hundumaa siifan baasaatii anaaf obsi' jedhee cimsee kadhate.
27 Kana irratti gooftaan isaa hojjetaa isaa sanaaf garaa laafee isa gad dhiise; gatii isa irraa qabus in dhiiseef.
28 "Hojjetaan sun garuu akkuma gad ba'een, hojjetaa dhuma akka isaatii kan gatii akka birrii dhibba tokkoo irraa qabutti ba'ee, morma isaa hudhee qabee, 'Gatiin si irraa qabu anaaf baasi!' jedhe.
29 Hojjetichi akka isaatii sun immoo miilla isaa jalatti kufee, 'Anaaf obsi, gatii kees siifan baasa' jedhee kadhate.
30 Abbaan gatii garuu in dide; hamma namichi gatii isaa baasuufitti, dhaqee mana hidhaatti isa galchisiise.
31 Hojjetoonni akka isaatii warri kaan waan ta'e kana yommuu argan baay'ee gaddan; dhaqaniis waan ta'e kana hundumaa gooftaa isaaniitti himan.
32 Kana irratti gooftaan isaa hojjetaa isa duraa sana waamsisee, 'Ati hojjetaa hamaa nana! Ani gatii si irra jiru sana hundumaa waan ati ana kadhatteefan siif dhiise.
33 Akkuma ani siif oo'e, atis immoo hojjetaa akka keetiitiif oo'uun siif hin ta'u turee ree?' jedheen.
34 Akkasitti gooftaan isaa dheekkamee, hamma inni gatii isa irra jiru hundumaa baasutti, dabarsee warra isa dhiphisanitti kenne.
35 ''Isinis tokkon tokkon keessan garaa keessaniin obboleessa keessaniif yoo dhiisuu dhaabaattan, abbaan koo inni waaqa irraa akkas isin in godha" jedhe.

t.me//Youth4Christ1


CUBBUU DHIIFAMA HIN QABNE
====================
Cubbuun dhiifama hin qabne maal akka ta'e beekuuf hojii Hafuura Qulqulluu beekuun barbaachisaa dha.

Inni yommuu dhufu waa'ee cubbuu, waa'ee qajeelummaa, waa'ee firdiis, biyya lafaa in hubachiisa. Isaan waan anatti hin amanneef, cubbuu isaanii in argisiisa; ani gara abbaa dhaquu kootiin isinis na arguu dhabuudhaan qajeelummaa koo in agarsiisa; isa biyya lafaa kana abboomutti faradamuu isaatiin, firdii in agarsiisa. (Yoh 16:8-11)

#Yoh 16:9 irratti #Isaan kan jedhu biyya lafaa warra Yesusitti hin amanne agarsiisa. Yesusitti amanuu diduun cubbuu isa dhiifama hin qabne dha.

#Yoh 16:10 irratti #Isin kan jedhu amantoota—warra Yesusitti amanan qajeelummaa hubachiisa.

#Yoh 16:11 irratti immoo #Isa #biyya #lafaa #abboomu kan jedhu Seexanatti firdii hubachiisa.

Egaa Hafuurri Qulqulluun: waa'ee cubbuu—biyya lafaaf, waa'ee qajeelummaa—amantootaaf, waa'ee firdii immoo—bitaa biyya lafaa kan ta’e Seexana hubachiisuuf dhufe. Qoodamsichi siniif ifee? Mee haa balballoomsinu:

Biyya lafaa jechuun warra Yesus Kristosiin fayyisaa lubbuu isaanii godhatanii hin fudhannee dha. Hafuurri Qulqulluun waa'ee 'cubbuu' biyya lafaa hubachiisa. Warri Yesus Kristositti hin amanne 'biyyi lafaa' cubbuu dhiifama hin qabne keessa akka jiranii fi hojii isa fannichaan hojjetamee xumurametti amanuu dhiisuu kan agarsiisuu dha. Yesus guutummaa biyya lafaaf du'ee dhiifamuu cubbuu argachiisuuf beenyaa hundumaa kaffaleera; garuu kan gatii kaffalame kanatti fayyadamanii jireenyatti jiran muraasa yommuu ta'an, ammallee sabni hedduun fayyina waggaa kuma lama dura raawwatame kana hin fudhatin jiru.

Kan fayyinicha argachuu danda'an warra murtoo namummaa taasisuun gara dhugicha bara baraa dhufan qofa dha. Gatii kaffalame keessa jiraachuu warri didan yeroo bara baraa keessatti gatii kaffalaa dabarsuuf jiru. Kanaaf Hafuurri Qulqulluun warra Yesusitti amanuu didanitti cubbuu isaanii agarsiisa; amantootatti qajeelummaa Yesus agarsiisa; isa biyya lafaa kana abboomu Seexanichatti fannoo Yesusiin itti faradamuu isaatiin murtii agarsiisa.

Amantootni 'Cubbuu dhiifama hin qabne' qabaachuu yookiin hojjechuu danda'uu? Namni Yesus Kristositti amane
'cubbuu dhiifama hin qabne'

hin qabu. Cubbuu guddaan Waaqayyo siif hin dhiifne hin jiru. Himni kun namoota dalga hubatan baay’eedhuma isaan aarsa. Cubbuun Yesus fannoo irratti gatii isaa hin kaffalle hin jiru. Yoos immoo Mat 12:32 fi Mar 3:29 irratti, "Namni Hafuura Qulqulluu arrabse bara baraan dhiifama cubbuu hin argatu kan jedhu maal jechuudha ree?" jettee gaafachaa jirta ta’a.

Eenyu illee ilma namaatiin mormee waa isa irratti yoo dubbate, dhiifama in argata; eenyu illee hafuura qulqulluudhaan mormee isa irratti yoo dubbate garuu, bara kanatti bara dhufuttis dhiifama hin argatu isaaniin jedhe. (Mat 12:32)


Ani dhuguman isinitti hima cubbuun hundinuu arrabsoon kam illee afaan namaa keessaa yoo ba’ee ilmaan namootaaf in dhiifama. Eenyu illee hafuura qulqulluudhaan mormee isa irratti yoo dubbate garuu, cubbuu bara baraatiin yakkaa ta’a malee, bara baraan dhiifama hin argatu isaaniin jedhe. (Mar 3:28-29)


Mee hubadhu! Yesus Kristos dubbii kana jarreen warra Gooftummaa Isaan morman Faarisootatti dubbate. Faarisotni,
"Bi'el Zebul angafa Seexanootaatu si keessa jira"

jedhaniin Yesusiin. Masihii ta'uu Isaa mannaa, hafuura hamaa qabaachuu Isaa dhugaa ba'aniif.

Barsiisonni seeraa warri Yerusaalemii dhufan immoo,
“Bi’el Zebul isa keessa jira; humna angafa Seexanootaa kanaanis hafuurota hamoota in baasa” jedhanii Yesus irratti dubbatan. (Mar 3:22)
Hafuurri Qulqulluun kan dhangala'e erga Yesus mirga abbaa taa'ee booda, jiraataa ta'uu Yesus, kabajamuu Isaa fi namootni hundinuu Yesus Kristositti akka amananiif waa'ee Yesus dhugaa ba'uuf guyyaa shantamaffaatti warra abdachiifameef dhangala'e. Kanaaf Hafuurri Qulqulluun kan dhufe waa'ee du'aa ka'uu Yesus Kristos mirkaneessuu fi dhugaa ba'uuf yoo ta'u, namni tokko Hafuura Qulqulluutti qoose jechuun, Isa Inni, "Yesus Kristos Isa jiraataa fi Isa jireenya kennutti amanaa!" jedhu fudhachuu diduu jechuu dha.

t.me//Youth4Christ1

20 last posts shown.