Forward from: GAGGEESSUMMAA
🌼 BARA HAARAA KANATTI QOPHII AKKAMII QABDA? 🌲🎄
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Baay'ee ariifataa jirta nan beeka. Mee takkaa as gori. Asuma gara dubbii kanaatti. Boodan deebi'aatti kan boodaatu si qabata. Yaadaa fi qalbiin dhuftee? Galatoomi! Dubbichi dubbii salphaa miti! Baay'een kana hubachuu dhabuudhaan warqee fi albuuda dhalootaaf isaan keessa jiru ukkaamsuun imala achiin hafuutti sokku.
✅ Amaleeffannaa gatii hin qabne, dhaala dhalootaaf hin malle, kan jaarraa duraa irraa isa hafootti darbee miidhu ta'uu isaaf bakki awwaalchaayyuu ragaadha. Eeyyeen bakka awwaalchaa!
📌 Argannoo haaraa,
📌 Kalaqa hedduu,
📌 Qabeenya hin tuqamne,
📌 Beekumsa humna guddaa qabu baay'eetu lafa awwaalchaa jira. Kuni immoo, galaa fi galma dhalootaatti hongee buusuun rirmaaf hiixannaa hiikkaa hin qabne ta'a. Kanaaf sababni isuma waliin ilaaluuf jirru, summii dhalootaa sana!
🌟 Maalinni laata? Hojii har'aa beellamaan dabarsuu sanidha! "Booda,... bor,.... bor oolee,... bara dhufun hojjedha," isa jedhamu. Hojii har'aa boruuf qusachuu isa ta'e. Qusannaa ba'aa malee bu'aa hin qabne! Gochaa yookaan hojii har'aa boruuf ol kaawwachuun qusannaa osoo hin taane qisaasa'insa yerooti. Yeroon qisaasa'e immoo abbuma isaa aarsaa hin malle kanfalchiisa. Hojiin har'aa har'uma malee kan boruuf taa'u miti. Yoo boruuf darbe kan borus boruuf jira.
✅ Amaleeffannaan akka kanaas teessoo jireenyaa ofiitti dhibaa'ummaa affeera. Dhibaa'ummaan affeerame immoo dhiibee hiyyummaa gam-hundaatti nama kenna, galaa dhalootaas lolaa badiisaatti darbata.
➡️ Kanaafuu waan amma hojjechuun nurra jiraatu ammuma haa hojjennu. Karoora qabna, mul'ata qabna. Kana immoo fiixaan baasuuf, akka hojii har'aa bulfachuun nu miidhu baruun isa jalqabaati. Isa utuu hin beekiin, haala akka kanaan dabarsaa turreefis ofiif dhiifama gochuun fala.
✅ Kanaa booda gara hojiitti galuudha. Tole! Hojii har'aa bulfachuu dhiisuunis egaa beellama hin barbaaduutii, ammumaa haa eegallu. Kan ammaa ammuma hoo, amma isuma ammaa! Hayyee!
✍️ Kan ammaa ammuma.
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa ✅