Forward from: Singer Megertu Official
SEENAA GARAA NAMA NYAATU !
#Seenaa_baayee_nama_hawwatuudha_dubbisaa.
Dubartii tokkotu mana raabsaa foonii keessa hojjetta ture. Guyyaa tokko gaafa hojiishee xumurtee jettu, kutaa foon diilalleessu ykn mana firiijii seente achiin booda akka tasaa balballi firiijii osoo isheen keessa jirtuu itti cufame kuticha keessas ishee qofatu ture.
lyya guddaadhaan iyyuu eegalte balbalichas reebuu eegalte, garuu iyya ishee namni dhagahuuf naannoo sana hin turre. Hojjettoonni hundi gara manaatti galaniiru bakkee ta'aniis sagalee keessa jiru dhagahuun hin danda'amu.
Sa'atii 5 ega achi keessa turtee booda du'aaf jireenya gidduu taate, waardiyyaan warshaa foonii sanaas dhufee balbalicha irraatii bane, waan nama dinquu lubbuun ishees du'a irraa baraaramte.
Sa'atii muraasa booda waardiyyichaan "akkamiin dhuftee balbala kana narraa banuu dandeesse garuu?" Jettee gaafatteen.
Waardiyyichis deebisee akkas jedheen "waggaa 35'f warshaa foonii kana keessa hojjedheera hojjettoonni hedduus ba'anii hin galu garuu si qofa kan gaafa ganama ganama dhuftu nagaa na gaafattee gaafa galgala baatu ammoo nagaa natti dhaamtee kan deemtu. Namni baay'een akkuma wantan jiruuttillee hin lakkaa'ani.
Har'a ganama gaafa dhufte akkuma guyyaa kaanii "akkam jirta" naan jettee darbite. Garuu galgala kana sagalee kee "nagaan bulaa bor wal agarra' jettu hin dhageenye. Tarii lafa hojii yoo jiraatte jedheen deemee sii ilaaluufis nan murteesse.
Anis akkuma warra kaanii nama ta'uukoo wanta na yaadachiisuuf Yeroo hundaa "akkam" fi "nagaatti" isheeti naan jettu nan eega. Kanas sirraa dhaga'uu dhabuu kootiin rakkoon akka jiru nan hubadhe. Kanaafan iddoo hunda si barbaadee asitti si argee balbala sirraatii bane".
Ergasii imimmaan ishee lakkuu lolaasaa itti marmitee waan du'a irraa na oolchiteef galatoomi jetteeni.
Argitanii ilaalcha gaarii fi kabaja namaaf laachuun hammam akka bu'aa qabu?
Ilaalcha gaarii namaaf qabaachuun abbumaaf tola.
Singer Megertu official