Oromia Times


Channel's geo and language: Ethiopia, English
Category: Education


Telegiraam chaanaalii kana irratti oduu fi odeeffannoo Oromiyaa fi addunyaa ni argattu.
Yaada: @fayisa8
Youtube 👉👉
https://youtube.com/channel/UCLPTQfMXS6we7aTT4g9MwCw

Related channels  |  Similar channels

Channel's geo and language
Ethiopia, English
Category
Education
Statistics
Posts filter


Qondaaltoota olaanoo duraanii WBO'f Muudamni kenname.

Qondaaltoota Waraana Bilisumma Oromoo waliigaltee araaraa fudhachuun galaniif mootummaan naannoo Oromiyaa muudama kenneera.

Haaluma kanaan:-

1. Obbo Yaadasaa Nagaasaa Sadarkaa Hogganaa Biirootti gorsaa nageenyaa Pireezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa,

2. Obbo Oromiyaa Rabbumaa Tasammaa Hogganaa Itti Aanaa Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa,

3. Obbo Toleeraa Raggaasaa Hogganaa Itti Aanaa Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa ta’uudhaan muudamaniiru.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s


Paaspoortii Haaraa

Paaspoortii Haaraan Itiyoophiyaatti oomishame ifoome

Paaspoortiin Haaraa fi ammayyaan Itiyoophiyaatti oomishame ifoomeera.

Paaspoortiin kun teeknooloojii ammaayyaan kan oomishame yoo ta’uu har’a Bakka Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen argamanitti ifoomeera.

Paaspoortiin kun ragaa nama dhuunfaa fi ashaaraa qubaa kan qabu yoo ta’u, Viizichi Itiyoophiyummaa beeksiisu akka ta’e eerameera.

Hojiin Dizzaayinii isaa guutummaan guutuutti Mootummaa Itiyoophiyaan kan uwwifame ta’uus ibsameera.


https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s


#Kutaa_12ffaa

Qormaati kutaa 12ffaa bara kanaa (2017) yoom kennama?

"Qormaatichi sadarkaa isaa, nageenya isaa, fi iccitii isaa eeguun qophaa'aa jira" - Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaataa

Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaataa Qormaataa Biyyoolessaa"Barattoonni qormaata bara 2017 kutaa 9-10tti kaarikulamii duriin, kutaa 11-12tti ammoo kaarikulamii haaraatiin barataniiru," jedhe.

"Haa ta'u malee bara 2015tti barattoonni kutaa 10ffaa manneen barnootaa akka Saampilii filataman keessatti kaarikulammii haaraa hojiirra ooleera" jechuun ibsaniiru.

Barattoonni bara barnootaa 2016 naannoo Amaaraatti qormaata fudhachuu qabu turan garuu sababa rakkoo nageenyaatiin kan hin qoramnee fi manneen barnootaa kaarikulamii durii kutaa 11ffaa barsiisaa turan keessatti barachaa turan bara 2017tti kan qoramanis ni jiru.

"Qormaanni Intiraansii bara 2017 haalawwan jiran sadan armaan olitti ibsaman tilmaama keessa galchuun, ulaagaa, nageenya, fi iccitiinnisaa haala eegameen qophaa'aa jira" jechuun Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaataa biyyolessaa beeksiseera.

Qophiin qormaataa:

1) Kutaa 9ffaa kaarikulamii duraan jiru irratti hundaa'a.

2) kutaa 10ffaa irraa Qabiyyee walfakkaataa kaarikulamii duraanii fi haaraa.

3) kutaa 11ffaa irraa Qabiyyee walfakkaataa kaarikulamii duraanii fi haaraa.

4) Kutaa 12ffaan guutummaan guutuutti kaarikulamii haaraa irratti hundaa’uun akka qophaa’u ibsamee jira.

Adeemsi qormaata qopheessuu armaan olitti ibsame gosoota barnootaa hundaaf kan hojjetu yoo ta’u, gosti barnootaa Ikooniomiksii garuu kaarikulamii keessatti haaraa kan seene sababa ta’eef qabiyyee kutaa 12ffaa qofa irratti hundaa’uun kan qophaa’u ta’uun isaa ibsameera.

Walumaagalatti barattoonni kutaa 9-12 jiran hundi qormaanni kun qabiyyee kaarikulamii baratan (akkuma itti baratan) irratti hundaa’uun kan qophaa’u ta’uu beekanii qophii barbaachisaa ta’e akka godhan Tajaajilichi dhaameera.

Warri, barsiisonni, fi hawaasni guutuun barattoonni qophii barbaachisaa akka godhan deeggarsa barbaachisaa ta’e akka gootan dhaamnas jedheera Tajaajilichi.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s

Viidiyoowwaan barnootaa argachuuf 👇👇👇👇👇
https://youtube.com/channel/UCLPTQfMXS6we7aTT4g9MwCw




Barattoota kuma 100 fi kuma 50’f qormaata oonlaayiniin kennuuf qophiin taasifamaa jira

Barattoota kuma 100 fi kuma 50’f oonlaayiniin qormaata akka fudhataniif qophiin taasifamaa jiraachuu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan Waltajjii marii damee misooma Barnootaarratti haasawaa taasisaniin, damecharratti milkaa’uuf hojii qindoomina qabu hojjechuun murtessaadha jedhan.

Keessattuu lammiileen hundi barnoota argachuuf carraa walqixa akka qabatuuf ,Hiyyeesaa fi Sooreessa gidduu garaagarummaa jiru dhiphisuuf hojjechuu qabna jedhan.

Biyyaattiin jijjiramu kan dandeessu Sirna Barnootaa jijjiruun ta’uu eeruun, riiformiiwwan hedduun bocamuun hojirra oolaa jiraachuu kaasaniiru.

Haaluma kanaan manneen Barnootaa keessatti adeemsi baruuf barsiisuu foyya’aan akka jiraatuuf xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Qormaata waliin walqabate Barattoota kuma 100 fi kuma 50’f Oonlaayiniin qormaata akka fudhataniif qophiin taasifamaa jiraachuu ibsuu ragaan Ministeera Barnootaarraa argame ni mul’isa.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s

Viidiyoowwaan barnootaa argachuuf 👇👇👇👇👇
https://youtube.com/channel/UCLPTQfMXS6we7aTT4g9MwCw








Forward from: QUBEE ACADEMY
Kutaa #12 #8 #6
Biiroo Barnootaa Oromiyaa

Qabiyyee Qorumsaa Naannoo fi Biyyooleessaa

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s


#Kutaa 12ffaa #Grade 12

Guraandhala 12/2017 Qormaatni biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2017 kan qophaa'u;  -Kitaaba Kutaa 11ffaafi 12ffaa  Sirna Barnootaa Haaraa keessaa yoo ta'u,
- Kutaa 9ffaafi 10ffaa Sirna Barnootaa Moofaa keessaafi
- Barnootni Ikoonomiksii immoo Kutaa 11ffaafi 12ffaa keessaa qofa  qormaatni kan qophaa'u ta'uun hubatameera.
Dabalataanis, barattootni kutaa 10ffaatti sirna barnootaa haaraan baratanii turan gaaffii sirna barnootaa lamaanuu keessa jiru irraa waan qophaa'uuf garagarummaan hin uumamu.
Kanaafuu, Barattootni keenya haala ibsame kanarratti hundaa'uun akka qophooftan isin yaadachiifna.

Barsiisotniifi maatiin barattootaas deeggarsa barattoota keenyaaf taasisaa jirtan kanaan akka itti fuftan kan jedhu dhaamsa biiroo keenyaati.

Walumaa galatti, Qormaatni Kan Qophaa'u Sirna Barnootaa Barataa turtaniifi jirtan keessaa ta'uusaa mirkanaa'eera. Waan baranne hinqoramtan, kanaafuu, kan barattan irratti qophaa'aa! Waliif #share


https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s




Bu’aan qormaata bahiinsaa/#Exit_Exam
#Online ammaa ilaalchuun ni danda'ama
https//:result.ethernet.edu.et irraati
Carraa gaarii barattoota hundaaf

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s


Carraa Kanatti Fayyadamaa!

Daldala jalqabuu ykn babal'isuu yaadaa jirtuu?

Dhaabbanni MDI jedhamuu mata Duree: “Vision for Venture: Creating Winning Business Plan” jedhuun Bitootessa 02, 2025 Galgala sa’a 2:00 irratti hayyoota dhimma kanarratti muuxannoo guddaa qaban 2 qabatee dhufaa jira.

Irratti hirmaachuu feetuu?

Galmeen: https://us06web.zoom.us/meeting/register/FYJaWDg-Qz2FOUiiMljNlQ

Oduu dabalataaf Chaanaalii Telegram https://t.me/DaandiiDhalootaa irratti nu hordofaa.

Galatoomaa!


Tajaajiloonni Ministeera Haqaan kennaman waraqaa eenyummaa dijiitaalaa qofaan akka ta’u qophiin taasifamaa jiraachuu ministeerichi beeksise.

Ministir Deetaan Ministeera Haqaa Balaayihun Yirgaa, waraqaa eenyummaan dijiitaalaa labsii lakk.1284’n beekamtii kan argate waan ta'eef tajaajiloonni Waajjiraalee ministeerichaa eenyummeessa dijiitaalaa qofaan akka kennaman ibsaniiru.

kanaafis sadarkaa Ministeeraa fi dhaabbilee itti waamamtootaatti qophiin godhamaa jiraachuu dubbataniiru.

Akaakuu tajaajilootaa Waraqaa eenyummaa dijiitaalaa qofaan kennaman adda baasaa jiraachuus kaasaniiru.

Bara kana tajaajilli waraqaa eenyummaa abukaatotaa kennuu fi haaromsuu waraqaa eenyummeessaa dijiitaalaa qofaan akka ta'uuf qophiirra kan jiru yoo ta'u, ragaalee hunda guutummaan guutuutti gara dijiitaalaatti jijjiiraa jiraachuu eeran.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s




#Atileetiksii

Atileet Dirribee Waltajjiin fiigicha mana keessaa meetira kuma 3 halkan edaa Faransaay Liyoonitti dorgomame injifatte.

Haaluma Kanaan

1ffaa:- Atileet Dirribee- daqiiqaa 8:39.49 sa'aatii saffisaa bakkichaa galmeessuun injifatte.

2ffaa:- Atileet Yeneewaa Nibrat ammoo daqiiqaa 8:48.39 xumuruun sadarkaa 2ffaa baaterti.

Atileet Dirribee torbeedhuma kana keessa dorgommii fiigicha mana keessaa meetira kuma 1 fi 500 Faransaay Liiviitti dorgomame injifachuu kan yaadatamuudha.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s


Akkam jirtu maatiiwwan Qubee Academy?

Tooftaa Qo'annaa

Akkamittiin Qo'achuu qaba, akkamittiin qormaata kutaa 12ffaa milkaa'uu danda'a, akkamittiin barataa/tuu cimaa/tuu ta'u danda'a?
Gaaffii fi Yaada qabdan kallattiin gaafadha.

Gaafa kibxata galgala sa'aatii 12tti karaa toora Yuutuub chaanaalii 'Qubee Academy' tamsaasa kallattii irratti nu eegaa.

Galatoomaa!

Qubee Academy
Qubee Academy


Dhaloota Qubeen Dhaloota Qubeef!!


Forward from: QUBEE ACADEMY
Yuutuub chaanaalii kana 'subscribe' godhaa Qubee Academy Jabeessa.

Yuutuub chaanaalii kana irratti dhimmoota teeknooloojii wajjin walqabatan ni argattu
👇👇👇👇👇👇👇
https://youtube.com/@qubeedigital?si=wGQ0_hLdGc26gfUx

Dhaloota Qubeen Dhaloota Qubeef!

Chaanaalii Afaan Oromootin barsiisu .... Adaraa wal jabeessaa.


Yuunivarsiitiin Dabraa Birhaan bara 2017 keessa barattoota 1481 sagantaalee 35n qormaata ba'insaaf kan qopheesse yoo ta'u.

👉 sagantaalee 13 keessatti 100%
👉 sagantaalee 8 keessatti 90%-99%
👉 sagantaalee 6 keessatti 75%-89%

Akkasumas barattoota waliigalaa keessa barattootni 87% qormaaticha kan darban ta'u Yuunivarsiitiichi beeksiseera.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s



20 last posts shown.