Forward from: Gaa'ela 𓆩♡𓆪 Marriage
❌ Gaa'elli Iddoo itti ija Dunuunfatanii Seenanii erga keessa lixanii banatan miti!
Baay'een keenya ija dunuunfannee itti seennee eenyummaa nama sanaa fi maalummaa gaa'ela sanaa utuu hin barin gaafa itti lixnee arginu, akka hin fudhanne kan nu taasisan ni jirra. Gaa'elli gola nama beekan beekanii itti hin xumurre dha. Dachee kana irratti namni iddoo itti walitti dhiyeenya dhiyoo qabu; akka barsiisa kitaaba qulqulluutti immoo kan namoonni saala faallaa lama nama tokko ta'an gaa'ela keessatti dha. Maarree, namoonni kun tokko haa ta'anii/jedhaman malee guyyaadhaa guyyaatti walii isaaniitiif haaradha, waan haaraa walii isaanii irraa baratu. Gaa'elli mana barumsaa umurii dachee irra jiraannu keeessatti barataa jiraannu dha. Gaa'ela keessatti kan kabajamuu/eegamuu/kunuunfamuu qabu nama jaalannee waliin jiraannu utuu hin taane gaa'ela qaama lamaan walitti hidhee jiru sana dha. Qaamni lamaan itti gaafatamummaa walqixa ta'e gaa'ela sana eeguuf/kunuunsuuf/tiksuu keessatti ni qabaatu. Gaa'elli tokko kan diigamu yeroo namoota gaa'ela sana utubanii akka waliin jiraataniif kennameef keessaa tokko yookiin lamaan isaanii dirqama bahachuu qaban bahachuu dhiisani dha. Gaa'elatti yeroo seenan ija dunuunfamaan; jecha jaalalli jaaamaa dha jedhamu waan dhugoomsu fakkaatuun itti seenamee guyyaa itti seename immoo ijji jaalalaa jaame banamu fakkaatuun erga keessa seenanii ija itti banatan miti. ❌
Gaa'elli dhaabbata guddaa Waaqayyo dachee kana irratti saala faallaa lamaaf; dhiiraa fi dubartiidhaaf kenne dha. Gaa'ela nama jaalannutu nuuf kenna faallaa kanaa nama jaallannuuf kennina utuu hin taane Waaqatu kenna. ✅
@Gaaela_Gaarii ✅
@Marriage_Counseling
✉️✍️ @Gaaelabot