Walqunnamtii saalaa gaa'ela keessatti jiraachuu qabu (#Sex_in_marriage)
Waaqayyo dhiiraa fi dubartii akka uumama wal qunnamtii saalaa raawwachuu danda'utti uume. Sirni narvii keenya sochii walqunnamtii saalaa irraa gammachuu akka argatuuf kan qophaa’eedha. Macaafni Qulqulluun hiriyoonni gaaʼelaa qaama isaanii waliif akka galan itti hima. Akkasumas qaama isaanii of eeggannoo malee waliif kennuu akka qaban nu barsiisa. Yeroo Sooma fi kadhannaa irraa kan hafe. (1Qor. 7:3-5).
O
f to'achuu dhabuudhaan Qorumsa Seexanaa Dhufu!
Yeroo tokko tokko waa’ee walqunnamtii saalaa hiriyoota gaa’elaa (abbaa manaa fi haadha manaa) gidduu jiru hubannoo gahaa dhabuu isaanii irraa kan ka’e yeroo wal falman ni mul’atu.
❌
Ittisuu?Inni tokko (abbaa manaa yookiin haati manaa) walqunnamtii saalaa raawwachuu kan barbaadu yoo ta’u inni kaan immoo fedhii dhabuu danda’a. Yeroo kanatti qaamni dhorkame sun nama sanaaf miira qajeelaa qabaachuu dhabuu danda’a. Kana malees, kun irra deddeebi’ee yommuu ta’u, gaa’elaan ala ba’uudhaan ejjaaf saaxilamuu danda’a. Kun immoo yakka guddaadha.
✅ Kanaafuu walqunnamtiin saalaa yookiin saalqunnamtiin gaa'ela keessatti waan barbaachisaa ta'edha. Akkamitti?
Yeroo itti aanu:👉 Walqunnamtii saalaa qajeelaa
👉 Rakkoolee walqunnamtii saalaatiin hiriyaa kee gammachiisuu dhiisuudhan dhufu
👉 Hiriyaa gaa'elaa kee akkamitti gammachiisuu dandeessa?
👉 Qaamni saalaa dhiiraa ka'uu dadhabuun hariiroo keessatti rakkoo akkamii fida?... kan kana fakkaatan qorannee waliin ilaalla!
Nu waliin turaa
🙏 Galatoomaa!
Yaada fi gaaffii
@Gaaelabot nuuf barreessaa.
@Gaaela_Gaarii@Marriage_Counseling