Ishee Sodaadhu! Lafa kana irra sodaawwan hedduutu jira. Namoonni hedduun hundaa caalchisanii du'a sodaatu. Har'a garuu waan du'a caalaa hadhaa'aa fi ati sodaachuu qabdu tokkon sitti hima. Waaqayyo karaa itti namoota rakkisoo adabu tokko qaba. Uleen adabaa kun kan gangalchee qullaa nama reebuu fi achittis bishaan namatti naqudha; fiixeen isaas ilkee torbaan qabaa caalaa kan nama dhukkubsu, yoo iyyanis kan namni nama irraa hin qabnedha. Yoo karaan kee Waaqayyotti toluu dide, yoo deddeebiin kee isa gammachiisuu dide Waaqayyo harka adaba kanaatti dabarsee si kenna.
Keessumattuu obboloota koo dhiiraaf kun ergaa guddaadha. Dhiirri yeroo lafa kana irra jiraatu dachee kanaaf gaachanadha. Rakkoowwan gurguddaa fuuldura dhaabbachuu kan danda'us dhiiradha. Mana isaa eeguu, ijoollee isaa fi haadha warraa isaa irra darbee, waldaa Kiristiyaanaa fi biyya eeguun itti gaafatamummaa Waaqayyo isatti kennedha. Warra itti gaafatamummaa kana eeguu dadhabaniif immoo manni hidhaa isaan itti adabaman tokko qophooftee jirti. Iddoon adabaa gadi fagoon du'a caalaa nama sodaachiftu kunis #dubartii yaadni ishee hin beekamnedha. Caaffanni qulqullaa'aan akkas jedha...
Ani wanta du'a caalaa hadhaa'u nan arge; innis dubartii yaadni ishee akka kiyyoo fi futtaasaa ta'e, harki ishees akka funyoo sibiilaa ta'ee dha; namni Waaqayyo duratti gaarii ta'e ishee jalaa in ba'a; namni cubbamaan garuu isheedhaan in qabama. (Lal. 7:26)
Mootichi Solomoon bu'aa ba'iiwwan hedduu, badhaadhummaa fi mootummaa, ogummaa fi akka gowwaas ta'ee yeroo waan hedduu qorate keessatti waan du'a caalaa hadhaa'u hin agarre. Haa ta'u malee yeroo yaanni garaa isaa haadha manaawwan 1000 walitti isa qabsiisee, 1001 ffaa mootittii biyya Saabaa itti dabalsiise sana garuu waa hubate. Haadha manoota isaa 1001 walitti qabate keessatti garuu wanti du'a caalaa hadhaa'aan dubartii keessa akka jiru hubate. Wanti du'a caalaa hadhaa'u waraana keessa utuu hin taane dubartoota keessa akka jiru Solomoon biyya lafaa hubachiise.
Wanta du'a caalaa hadhaa'u kana sodaadhu. Halkaniif guyyaa kan ati sodaachuu qabdu du'a caalaa dubartii akkasii kanadha. Dhiironni jajjaboo fi dhiibbaa geessisan kan isaan sodaatan RDX fi TNT, hiyyummaa fi qorama, kufuu fi irraanfatamuu caalaa dubartiidha. Yeroo biyya lafaa irra jiraattu wanta hadhaa'aa fi du'a caalaa sodaachisaa kana jalaa ba'uu yoo barbaadde Waaqayyo duratti qajeelummaadhaan jiraadhu. Biyya lafaa kana irratti dhumni nama cubbamaa garuu harka dubartii yaanni ishee hin beekamneeti. Kanaaf ishee sodaadhu! Mana hidhaa akkasii keessa jirta yoo ta'e immoo fuula Waaqayyootti kufi...!
Isinan Jaaladha!
@marriage_counseling@Gaaela_Gaarii