ODUU:
US Ameerikaan tarkaanfii waraanaa Iraan irratti fudhachuu eegaluun ishee nageenya addunyaatiif yaaddoo guddaadha – UN
US Ameerikaan tarkaanfii waraanaa dhaabbilee Niiwukilaraa Iraan irratti fudhachuu eegaluun isheen, kallattiidhaan nageenyaa fi tasgabbii addunyaatti yaaddoo cimaa kan uumu akka ta’e, barreessaa ol’aanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutereez akeekkachiisan.
Pirezidaantiin US Ameerikaa Doonaald Tiraamp Israa’el deeggaruudhaan tarkaanfii waraanaa Iraan irratti fudhachuu fi dhiisuu murtee isaanii torban lama keessatti akka beeksisan dubbatanii turan.
Halkan edaa ammoo murtee isaanii kana ifatti otoo hinbeeksisiin, xiyyaarota waraanaa erguudhaan iddoowwan gabbisa Niiwukilaaraa Iraan sadii irratti haleellaa raawwachuun isaanii gabaafameera.
Barreessaa ol’aanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kana hordofuun karaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii X irratti ergaa dabarsaniin, haleellaan US Ameerikaan Iraan irratti raawwatte kun yaaddeessaa ta’uu beeksisan.
Kun ammoo gara sadarkaa idil addunyaatti babal'achuudhaan nagaa fi tasgabbii addunyaatiif yaaddoo guddaa akka ta’u Guutereez dubbataniiru.
Biyyoonni miseensa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii hundi Chaartara dhaabbatichaa fi seera addunyaa akka kabajanis gaaffataniiru.
Waldhabdee biyyoota lamaanii kanattis boba’aa dabaluudhaan akka hammaatu gochuurraa akka of qusatan waamicha dhiheessaniiru.
As Tuquun Daawwadhaa!SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡