ABDII SABAA


Гео и язык канала: Эфиопия, Ория
Категория: Новости и СМИ


SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
💬Contact Us💬
@AbdiiSabaaDm
🎯BARNOOTAAF
@abdii_sabaa_university

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Ория
Категория
Новости и СМИ
Статистика
Фильтр публикаций


Irreecha Hora Harsadee Bara 2019 Baga Geessan .

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

MIIDIYAA @ABDII_SABAA


Raayyaan Ittisa Biyyaa Maqalee Keessa Darbuun Gara Daangaa Eertiraatti Imalaa Jira

Raayyaan Ittisa Biyyaa magaalaa Maqalee keessa darbuun imala isaa gara daangaa Eertiraatti taasisaa akka jiru dhaga'ameera.

Haaluma kanaan, raayyichi Maqaleedhaan achitti iddoowwan Saafiyaa fi Addi Akal jedhaman to'annoo jala oolchuu isaa ragaaleen bahaa jiran ni addeessu. Dabalataanis, magaalaa Hagare-Salaam dabalatee daandiiwwan magaalaa Maqalee bahaa
guutummaatti to'achuu isaa ibsameera.

Gama biraatiin, miseensonni Duula Addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Humna Nageenyaa Tigraay waliin qindaa'uun, dhaabbilee magaalaa Maqalee keessa jiran saamicha irraa eeguuf bobbii isaanii taasisaa akka jiran beekameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

MIIDIYAA @ABDII_SABAA


Irreecha Hors Finfinnee Bara 2019 Baga Geessan .

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

MIIDIYAA @ABDII_SABAA


AMMEE: Maqaleen To'annoo Jala Ooluu fi Hoogganaan Kominikeeshinii TPLF Qabamuu Dhaga'ame

Yeroo ammaa kana magaalaan Maqalee guutummaatti to'annoo miseensota duula addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Humna Nageenyaa Tigraay jala galuu ishee dhaga’ame.

Akka insa madda keenyaatti, komaandoowwan raayyichaa uffata siivilii uffachuun ganama gara magaalattii kan seenan yoo ta'u, waaree booda sa'aatii 11:00 irratti naannoo Kuhaa fi Buufata Xiyyaaraa to'ataniiru. Yeroo ammaa kana hojiin nageenya magaalaa Maqalee kabachiisuu hojjetamaa akka jiru himameer.

Dabalataanis Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Tigraay garee TPLF'n ijaaramee ture Dr. Abrahaam Hagos, haala yeroo irratti ibsa kennuuf osoo qophaa'aa jiranii miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaatiin to'annoo jala oolfamaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

MIIDIYAA @ABDII_SABAA


Eeyyee ni kafala hojjedhaa Teelebirriin baafadhaa. ASBEKS

🤖 https://t.me/Asbeksbot/start
⚡️ @AsbeksPlatform


Ayyaana Irreechaa Sababeeffachuun Daandiiwwan Cufaman fi Daangaa Sochii Konkolaattotaa

Poolisiin Oromiyaa ayyaana Irreechaa Hora Harsadee Fulbaana 24, bara 2019 magaalaa Bishooftuutti kabajamu sababeeffachuun, daandiiwwan cufamanii fi konkolaattota sochii irraa dhorkaman ifoomseera.

Haaluma kanaan, konkolaattonni fe'umsaa ulfaataa kamiyyuu Fulbaana 22 guyyaa sa'aatii 10:00 irraa eegalee hanga Fulbaana 24, 2019 guyyaa sa'aatii 6:30tti:
Karaa Sulultaatiin gara Finfinnee kan seenan magaalaa Caancoo fi Ficheetti akka dhaabatan,
Karaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitiin gara Finfinnee kan seenan magaalaa Shanoo fi Sandafaatti akka dhaabatan,
Karaa Buraayyuutiin gara Finfinnee kan seenan magaalaa Holotaatti akka dhaabatan,
Karaa Sabbataatii gara Finfinnee kan seenan magaalaa Walisootti akka dhaabatan, fi
Karaa Adaamaatiin gara Finfinnee kan seenanii fi Finfinnee irraa bahan daandii saffisaa (qofa akka fayyadaman Poolisiin dhaamsa dabarseera.
Gama biraatiin, taaksiiwwanii fi baajaajonni magaalaa Bishooftuu keessatti argaman Fulbaana 23, 2019 ganama sa'aatii 12:00 irraa eegalee manneen ofiitti akka dhaabbatan (sochii irraa akka of qusatan) ajajameera.

Konkolaattota geejjiba uummataa fi manaa ayyaanichaaf dhufaniif, kallattii ittiin dhufanitti iddoon dhaabbannaa gahaan waan qophaa'eef, iddoowwan kanneeniin alatti daandii irraa fi hoteelota cinaatti dhaabuun guutummaatti dhorkaa ta'uu Poolisiin Oromiyaa akeekkachiiseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

MIIDIYAA @ABDII_SABAA


Koloneel Tinsaa'ee Birhaanee Ajjeefamuu 'Sudan Times' Gabaase

Naannoo Tigraay keessatti mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF gidduutti waraanni haaraan deebi'ee eegaluu isaa hordofuun, ajajaan TPLF Koloneel Tinsaa'ee Birhaanee tarkaanfii Raayyaan Ittisa Biyyaa fudhateen ajjeefamuu isaa gabaasni oduu 'Sudan Times' ifoomseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

MIIDIYAA @ABDII_SABAA


Obbo Ashaadilii Hasan Irra Deebi'uun Pirezidaantii Naannoo Benishaangul-Gumuz Ta'uun Muudaman

Manni Maree Naannoo Benishaangul-Gumuz yaa'ii hundeeffama mootummaa har'a, Fulbaana 22, 2019 gaggeessaa jiruun, Obbo Ashaadilii Hasan irra deebi'uun Pirezidaantii Mootummaa Naannichaa taasisuun filatee muudeera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

MIIDIYAA @ABDII_SABAA


ODUU AMMEE: Gibxiin Diploomaatiin Itoophiyaa Sa'aatii 48 Keessatti Kaayiroo Irraa Akka Ba'an Ajajje

Tarkaanfii Itoophiyaan diploomaatii Gibxii Finfinneetti argaman Ahimad Moharam Ahimad Suliimaan "nama hin barbaadamne" (persona non grata) jechuun sa'aatii 48 keessatti biyyattii akka gadhiisanii ba'an ajajuu ishee hordofuun, mootummaan Gibxiis tarkaanfii haaloo ba'uu fudhateera. Haaluma kanaan, Kaayiroon gorsaa Imbaasii Itoophiyaa kan ta'an diploomaatichi daangaa yeroo sa'aatii 48 walfakkaatu keessatti biyya akka gadhiisanii ba'an ajajtetti.

Gibxiin tarkaanfii kana kan fudhatte qajeeltoo idil-addunyaa "tarkaanfii walfakkaatu fudhachuu" (principle of reciprocity) hordofuun ta'uu ibsuun, murtoo Itoophiyaa garuu "kan nama gaddisiisu" jechuun qeeqteetti.

Wal-ari'iinsi diploomaatotaa biyyoota lamaan gidduutti dhalate kun, hariiroo Eertiraa waliin dhiheenya addaan cite waliin wal hidhatee, dhiphina siyaasaa fi nageenyaa Gaanfa Afrikaa gara sadarkaa baay'ee yaaddessaatti akka ceesise ibsamaa jira.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

MIIDIYAA @ABDII_SABAA


Eeyyee ni kafala hojjedhaa Teelebirriin baafadhaa. ASBEKS

🤖 https://t.me/Asbeksbot/start
⚡️ @AsbeksPlatform

Показано 10 последних публикаций.