Hanqaaquun Gatii Qarshii 16'n Gabaaf Dhiyaate
Koomishiniin Qonnaan Bulaa fi Misooma Qonna Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, ayyaana Bara Haaraa dhufaa jiru sababeeffachuun, hanqaaquu miiliyoona 18 ta'u gabaa magaalattiif dhiyeessuu isaa ifoomseera. Akka ibsa koomishinichaa fi maddeen keenya himanitti, kutaalee magaalaa Finfinnee hunda keessatti hawaasni hanqaaquu tokko gatii qarshii 16 qofaan gabaa irraa bitachuu akka danda'u haalli mijaayee jira.
Hanqaaquun cinaattis, waldaalee fayyadamtootaa magaalattii keessatti argamaniin bu'aaleen aannanii fi meeshaaleen nyaataa adda addaas gatii madaalawaa ta'een dhiyaachaa jiru.
Haaluma kanaan, oomishaaleen akka dhadhaa kiiloo giraamiin tokko qarshii 900, aannan liitirri tokko qarshii 100, akkasumas aayibiin ykn baaduun kiiloo giraamiin tokko qarshii 500'n gurguramaa akka jiru ibsameera. Kunis qaala'iinsa jireenyaa yeroo ayyaanaa uumamu tasgabbeessuu keessatti gahee guddaa ni taphata jedhamee abdatama.
Dhiyeessiin oomishaalee kanaa kutaalee magaalaa kudha tokkan keessatti suuqiiwwan ykn wiirtuuwwan gabaa 170 ta'an irratti hawaasaaf kan dhiyaatu ta'uun eerameera. Jiraattonni fi fayyadamtoonni magaalattii iddoowwan gabaa kanneenitti argamuun oomishaalee qulqullina qaban gatii madaalawaa kanaan bitachuu akka danda'an yaadachiifameera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA