Komii Barattoota Yunivarsiitii Jimmaa.
Yunivarsiitiin Jimmaa waggoota hedduudhaaf barattoota baayyee mummeewwaan barnootaa garaagaraatiin Barsiisee Eebbiisiisaa tureera.
Yunivarsiitichi bartoota qaxalee Abdii biyyaa ta'an qulqullina barnootaa gaha taheen omishee baasaa tureera.
Haa ta'u male wayita kana Barattoonnii yunivarsiitichaa komii isaanii dhiheeffachuu irratti argamu.
Komiin isaaniis hanga hammaatti waamichi taasifameef akka hin jirree fi keessumayyuu barattoonni Damee fayyaa barattoota yunivarsiitii Kan biroo irraa waggaa tokko boodatti hafanii akka jiranii fi miidhamaas akka jiran heeran.
Halli keenninsa barnootaas hedduu boodatti Kan hafeefi guyyaa waamichaas sababaa hin beekkamneen guyyaa hin beekkamnetti akka dabarsanis dubbatan.
Kanaafuu barattoonni kunneen "miidhaa cimaadhaaf saaxilamaa jirraa haalli baruuf barsiisuu yunivarsiitichaa toora dhabee jiraa,kun ammoo erga muudachuu jalqabee waggoottan 3 lakkoofsiiseeras"jechuudhaan komii isaanii dhiheeffatan.
Egaa dhimmi kun xin-sammuu barattoota kana miidhaa akka jiruu fi booddeettis akka isaan hambisaa jiru yaada barattoota irraa hubatameera.
Kanaafuu qaamni dhimmichi ilaallatu deebii itti Nuuf haa laatus jedhan.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡