#update
Gaaffiin barattoota Yuunivarsiitii Maqalee haqa qabeessa waan ta'eef deebii argachuu qaba jedhameera
Yuunivarsiitiin Maqalee dhimma kana ilaalchisee ibsa baase
Kaleessa mooraa guddicha Yunivarsiitii Maqaleetti, sababa hanqina nyaataaf jecha mormi barattootaa gabaasuun keenya ni yaadatama.
Kana hordofuun itti gaafatamaan Abbaa Taayitaa To’annoo Nyaataa fi Qorichaa Bulchiinsa Yeroo Tigraay Obbo Taamee Araadoom ergaa fuula feesbuukii isaanii irratti dabarsaniin gaaffiin barattootaa haqa qabeessa waan ta’eef deebii argachuu qaba jedhaniiru.
Yuunivarsiitiin Maqalee gama isaatiin ergaa barattootaaf dabarsaniin, meenuun nyaataa biyyoolessaa Ministeera Barnootaatiin barattoota yunivarsiitiif qophaa’e raggaasifamee hojiirra oolmaaf ergamuu isaa ibsuun yuunivarsitichi Gamtaa barattootaa waliin ta’uun hojiirra akka oolche ibseera.
Yuunivarsitichi itti dabaluudhaan, Meenuu irratti wantootni sirreeffamuu qaban yoo jiraatan, hanga Meenuu biyyaalessaa irraa qabiyyee fi baajataan adda hin baanetti, gaaffiin karaa gamtaa barattootaatiin dhiyaachuu ni danda'a, garuu sanaan alatti, Meenuu sadarkaa biyyaatti hojiirra oole mormuun bu'uuraalee misoomaa yunivarsiitichaa balleessuu, hojjattoota mana nyaataa jeequun, nageenya barattoota, hawaasaa fi biyya irratti miidhaa geessisa sababa ta’eef , komii keessan karaa nagaa ibsuu akka qabdan isin beeksifna jedheera.
Mormiin kaleessa mooraa Yunivarsiitii Maqaleetti geggeeffamaa ture gara hookkaraatti jijjiiramuu isaafi mormii kana dhaamsuuf humnoonni nageenyaa bobbaafamuu gabaasuun miidiyaa @Abdii_Sabaa ni yaadatama!
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡