Aktericha Jeems Wuud, Abidda Loos Anjalasiifi Falasxiinii
Akteriin Ameerikaa Jeems Wood maalif tibba kana ijoo dubbii miidiyaa hawaasaa ta’e.
Akterichi beekamaan Jeems wood tibba kana ijoo dubbii ta’ee jira.
Artistiin kun balaa Abiddaa Loos Anjelesitti manni jireenyaa isaa kan gubate yommuu ta’u, gadda guddaan itti dhaga’amuum miidiyaa gubbaatti yeroo inni bo’utu mullate. Taatee gaddisiisaa Loos Anjeles kanatti , akkuma yeroo darbe gabaasne qabeenyaafi manneen jireenyaa Artistoota Hooliiwuud hedduun barbadaa’eera. Isaa keessaas Jeems Wuud isa tokko.
Jeems Wuud yeroo Israa’el Gaazaa rukuttutti deeggartoonni Falasxiiniifi dhaabbati mirga namoomaa addunyaa garaa garaa Israa’el dhukaasa akka dhaabduuf dhiibbaa garaa garaa taasisaa turaniiru, yeroo kanatti Jeems Wuud Fuula miidiyaa Hawaasaa “X” ykn maqaa duraanii Tiwiiter irratti
“Dhukaasi hin dhaabbatu, araaramni hin jiru, dhiifamnis hin jiru, hunda isaanii Ajjeesi” jechuun katabe. Dabalataanis maxxansa isaa biroo irratti yeroo Israa’el haleellaa marsaa biroo taassistutti, suuraa aayyoo diigamiinsa manneenii irra taa’uun gadda maatii jalaa du’aniif boochu maxxansuun “Waaqayyoof galati, haa ta'u Israa'el Saroota Baayiden hin dhaggeeffanne.
Hojii gaarii hojjette..” jechuun maxxanse.
Kana irraa ka’uun Loos Anjalisitti yeroo manni isaa jalaa gubachuun mana dhabeessa ta’utti, deeggartoonni Falasxiinii “Hojii kee, nyaatte, diigamiinsa mana namaa gammadaa turte” jechuun miidiyaa irratti tibba kana ijoo dubbii taasifataniiru.
Akteriin kun CNN irratti yeroo gaaffiif deebiin taasifamaafi turetti ture manni isaa jalaa barbadaa’uutti gaddee tamsaasa kallattii irratti kan bo’e. Kana sababeeffachuunis “yeroo daa’imman mana keessatti gubatan kan hin gaddine , mana kootu gubate jettee boossaa” qeeqni jedhu akka malee naannawaa jira.
Haala nama gaddisiisuun balaa Abiddaa kanaan yeroo Ammaatti lubbuun namoota 10 darbuun qabeenyi Doolaara Biliyoona tokkoo ol kan barbadaa’e yommuu ta’u, yeroo Ammaa Ameerikaan balaa kana to’achuuf hanqinni bishaanii ishee mudachaa jiraachuu gabaafamaa jira!
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡