📆 Daily Devotional 66 | Spiritual Growth
╭════▪▪▪▪════╮
✅ Fakkeenya 31:30 ✅
╰════▪▪▪▪════╯
🌷 HARIIROO GAA'ELA DURAA (Premarital Relationship)
✅ Kutaa 4ffaa
📕 “Simboon nama irraa in darbiti miidhaginnis nama in gowwoomsiti, dubartiin Waaqayyoon sodaattu garuu in jajamti.” (Fak. 31:30)
🛑 Gaa’ela Fedha Waaqayyoo Akkamitti Beekuun Danda’ama?
Kun gaaffii amantoota baay’eeti. Akkasumas deebii kan barbaadu dha. Haala kana Waaqayyo irraa yaada inni nuuf qabu hubachuun wanta barbaachisaa dha. Waaqayyo immoo hunda keenyaaf yaada gaarii qaba. (Erm. 29:11, Isa. 48:17)
Yeroo nama gaa’elaaf ta’u filannutti bareedina ilaaluun kan hin hafne yoo ta’e illee, bareedina alaa fi keessaa irratti madaallii eeguu qabna. Kunis Fak. 31:30 irratti ifatti kaa'amee Jira. “Simboon nama irraa in darbiti miidhaginnis nama in gowwoomsiti, dubartiin Waaqayyoon sodaattu garuu in jajamti.” (Fak. 31:30) Bareedinni keessaa kan jalqabu Waaqayyoon sodaachuun. Yoo hubannee ilaalle namni hundinuu bareedaa dha. Namni hundinuu haala ajaa’ibsiisaan uumameera; kanaaf nama jaallanne waliin wal fuudhuun gaariidha. Bareedinni alaa yeroo yeroo gad bu’aa deemuun hin hafu. Bareedinni keessaa garuu hin badu. Kanaaf xiyyeeffannoo eenyummaa isa keessoo irratti gochuun gaarii dha. Hiriyaa gaa’elaa gaarii argachuuf walumaa galatti Waaqayyo irratti kadhannee, Waaqayyo irratti hirkachuun barbaachisaa dha. (Fak. 19:14, Um. 2:18, Far. 127: 1-2, Fak. 3:5), fiixaan ba’iinsa gaa’ela qabu argachuuf gaggeessaa Waaqayyoo argachuu qabna. (Far. 32:8, Isa. 58:11).
Waaqayyoon amanachuu fi isatti hirkachuu barbaachisa. Fedha Waaqayyoo beekuuf jalqaba isaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu qabna. Waanuma fedhe irratti fedhii Waaqayyoo beekuun dura walitti dhufeenya nuti isaa wajjin qabnu baay’ee murteessaa ta'ee argama. Waaqayyo fedha isaa kan ibsuuf warra isaa wajjin jiraatanii fi isatti qabamanii jiraataniif. (Yoh. 15:7)
🛑 Fedhii Waaqayyoo beeknee kara ittiin faana bu’uu dandeenyu keessaa ijoon akka armaan gadiitti tarreeffamaniiru.
➊. Sagalee isaa beekuu. (Far. 118:105)
➋. Kadhannaa (HoE. 13:1-3) Kadhannaan fuula isaatti yoo dhiyaanne Waaqayyo nutti dubbata. Kaayyoo fi akeeka nuuf qabuuf kallattii adeemsaa nuuf qajeelcha.
➌. Dhuga bahuumsa keessa keenyaa: Yaada Waaqayyoo keessa yommuu taanu keessi keenya nagaa fi gammachuu dhaan guuta. (Fil. 4:6-7)
Buddeena jireenyaa ~ MQ
Daily Devotional: @Getu_Official
"Soorata Hafuuraa Guyyaa Guyyaa"
👉💐👉💐👉💐👉💐
@Singer_Megertu_Official
@Kakuu_Studio