Singer Megertu Official


Гео и язык канала: Эфиопия, Английский
Категория: Религия


Barsiisa macaafa qulqulluu, faarfannaa hafuuraa, ergaalee gama hafuuraatti nama jajjabeessan guyyaa guyyaadhaan ni argattu.
Buy Ads: https://telega.io/c/Singer_Megertu_Official
Youtube: www.youtube.com/@Singer_Megertu_Official

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Английский
Категория
Религия
Статистика
Фильтр публикаций


💡Hubannaa fi ogummaan yoomiyyuu gorsituu kee bara baraan si biraa hin hafnedha... See More

👉 See More
See More


✅ Madaalliin Ogummaa fi Hubannaa shanan maal fa'a?,.... See More


1 Yoh 5:4-5

4 Sababii namni mucaa Waaqayyoo ta'e hundinuu biyya lafaa mo'uuf, ba'aa ulfaatoo itti hin ta'an; humni ittiin biyyi lafaa mo' amu kunis amantii keenya.

5 Eenyutu biyya lafaa mo'uu danda'a? Yesus ilma Waaqayyoo ta'uu isaa nama amanu duwwaatu biyya lafaa mo'uu danda'a.


@Singer_Megertu_Official
@Yerusaalem_Haaraa
@Kakuu_Studio


Репост из: Getu ✉️ Official
Kan Akka Waaqayyoo siif Yaadu Hin Jiru.

Yeroo tokko tokko Waaqayyo caalaa gaarii wantan ofiif yaadun ofitti fakkaadha. Yeroo Waaqayyo dhiisi ❌ naan jedhu, 'indee hin dhiisu lakki maaf dhiisa' jedha 😏 hmmmm,... Yeroo inni wanti kun si hin fayyadu naan jedhu, 'indeee  maal jechuudha na fayyada malee, kun anaaf gaariidha' ittiin jedha. Ayiii,....
Garuu fedhaaf akeeka Waaqayyoo duuba wanti ta'u hunduu gatii hamaa si baasisa.
❗Si miidha.
❗Si cabsa.
❗Gatii hin malle si baasisa. Waaqayyo dhiisi yeroo siin jedhu, dhiisi, utuma si dhukkubsuu, utuma si boossisuu, utuma obsa kee nyaatuu dhiisi. Baqqaa dhiisi! Yoo hafe wayyaam. ✅

Yeroo inni calluma si jalaa jedhu atis calluma jedhii galateeffadhu. 🙏 Yeroo inni qofaatti si baasu, ati immoo tola isaa yaadii gammadi. Kan akka Waaqayyoo siif yaadu hin jiru. Dhugaadha. ✅

@Getu_Official


📆 Daily Devotional 81 | Spiritual Growth
    
╭════▪▪▪═════╮
✅ Faarfannaa 63:6 ✅
╰════▪▪▪═════╯   

Lafa Ciisicha kootti Sin Yaadadha (በመኝታዬ አስብሃለሁ)

📖 “Lafa ciisicha kootti sin yaadadha, yeroon ilaalaa bulus waa'ee kee nan yaada;”
          Faarfannaa 63:6

Jaalalli saala faallaa gidduu jiru namatti tola. Jaalalaa fi jaalala qofatu qaama lamaan walitti hidha waan ta'eef jibbaaf bakki hin jiru. Isheen yaadannoo isaati. Dubartiin yeroo hunda hiriyaa gaa’elaa ishee yaaddi! Warri jireenya akkanaa keessa darbitan miira kana sirriitti beektu jedheen yaada.

Daawit yeroo hunda qaama tokko akka hawwu dubbata. Waa'ee qaama kanaa yeroo ka’u, yeroo taa’u, yeroo rafu, hirribaa yeroo ka’u ni yaada. Dhugaa kanas akkas jedhee maxxanseera: "Lafa ciisicha kootti sin yaadadha, yeroon ilaalaa bulus waa'ee kee nan yaada;” jedheera. (Far 63:6)

Waaqayyo yeroo hundumaa yaadannoo keenya ta'uu qaba. Adeemsa keenya hundumaa keessatti nu waliin akka ta'uuf sammuu banaa qabaannee isa waliin akka taanu ayyaana nuuf haa baay'isu. Yeroo hundumaa waa'ee namoota jaallannuu akkuma yaadnu jaalala Waaqayyoo isa anaa fi siif gatii kaffale haa yaadnu. Garaan keenya yeroo rakkina keessa jirru qofa Waaqayyoon barbaaduu hin qabu. Yeroo teenyu, yeroo dhaabbannu, yeroo rafnu, yeroo kaanu, yeroo deemnu Waaqayyo yaadannoo keenya yeroo hundumaa haa ta'u. Kanaaf, "Dubbiin ani har'a si abboomu kunis garaa kee keessa haa taa'u! Isas keessa deddeebi'ii ijoollee kee barsiisi! Yeroo mana kee keessa teessu, karaa irra yeroo adeemtu, yeroo ciiftu, yeroo kaatus waa'ee isaa dubbadhu!" (Keessa Deebii 6:6-7)

🛐 Kadhannaa: Yaa Waaqayyo jaalala bara baraatiin waan na jaallatteef sin galateeffadha. Yeroo hundumaa yaadannoo koo akka taatuf ayyaana keetiin na gargaari. Ameen. 🙏

Buddeena jireenyaa ~ MQ
Daily Devotional: @Getu_Official
"Soorata Hafuuraa Guyyaa Guyyaa"
   👉💐👉💐👉💐👉💐

@Singer_Megertu_Official
@Yerusaalem_Haaraa
@Kakuu_Studio


📆 Daily Devotional 80 | Spiritual Growth
    
╭════▪▪▪═════╮
    ✅ Ibroota 12:4 ✅
╰════▪▪▪═════╯
    
Namoota hundumaa wajjin Nagaadhaan Jiraadhaa!
   
📖 “Namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraadhaa! Isa malee namni tokko illee goofticha hin argu waan ta'eefis, jireenya qulqullummaaf dhama'aa!” — Ibr. 12:14

Qajeelfamoota namoota HUNDUMAA wajjin Nagaadhaan jiraachuuf Gargaaran

#1ffaa: Dhiifama Gochuu

Hundi keenya iyyuu ni dogoggorra. Kanaan kan kaʼes, warra kaan mufachiisuu dandeenya, warri kaanis nu mufachiisuu dandaʼu. Kanaafuu, nuti warra kaaniif dhiifama gochuun keenya, warri kaanis dhiifama nuu gochuun isaanii barbaachisaa dha. Nama nu mufachiiseef dhiifama yommuu goonu haaloo isatti qabachuu ni dhiisna. ‘Hamaa hamaadhaan hin deebisnu,’ balleessaa isaa yookiin dadhabina isaas yeroo hunda hin yaadannu. Haa taʼu malee, baayʼee yoo miidhamnee fi wanta nu irratti raawwatame irraanfachuun yoo nutti ulfaate hoo? Taanaan, nama sana kabajaan dhuunfaatti haasofsiisuu qabna. Kaayyoon keenya namni sun dogoggora akka raawwate mirkaneessuu utuu hin taʼin, nagaa buusuu taʼuu qaba.

#2ffaa: Gad Of Qabuu, Kabajas Argisiisuu

Kan gad of qabnuu fi warra kaan kan kabajnu yoo taʼe, namoonni nuu wajjin taʼuun isaan gammachiisa. Gaarummaa akka isaanitti argisiisnuu fi akka isaaniif yaannu, akkasumas taʼe jennee miira isaanii akka  hin miine ni hubatu. Haa taʼu malee, warra kaan akka caallu kan yaannu yoo taʼe ykn yeroo hundumaa yaada keenyatti kan cichinu yoo taʼe, wal morkii fi walitti buʼiinsa kakaasna. Namoonni nu irraa fagaatu; michoota horachuunis nu rakkisa.

#3ffaa: Looguu Irraa Fagaadhu

Waaqni keenya lammummaa, afaan, iddoo hawaasa keessatti qabaniin yookiin bifa, gogaa, naannoo isaanii irratti hundaaʼuudhaan namootaaf hin loogu. Inni “namoota saba hundumaa nama tokko irraa uume.'' Kana jechuun, ilmaan namootaa hundi obbolaa dha jechuu dha. Yeroo nama hundumaatti kabajaa fi gaarummaa argisiisnu, isaan gammachiisna, nutis ni gammanna, Uumaa keenyas ni gammachiisna.

#4ffaa: Garraamii Taʼuu

Yommuu garraamii taanu, namoonni kaan akka tasgabbaaʼan gargaarra. Namoota tasgabboofne akka taane waan beekaniif, nu haasofsiisuun isaanitti hin ulfaatu; dogoggora keenya nutti himuun illee isaanitti salphata. Namni tokko yommuu nutti aaru, deebii laafaa kennuun keenya isa tasgabbeessuu dandaʼa.

#5ffaa: Arjaa fi kan Galateeffatu Taʼuu

“Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa.”
Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun sassatoo fi waaʼee ofii isaanii qofa kan yaadani dha. Gammachuu dhugaan kan argamu garuu arjaa taʼuudhaani.  Namoonni arjaa taʼan qabeenya caalaa nama waan jaallataniif gammadoo dha. Jaalala akkasii qabaachuun isaanii yeroo namni tokko arjummaa isaanitti argisiisu galateeffachuu fi dinqisiifachuuf isaan kakaasa.  ‘Nama doqnaa fi galata hin beekne moo, nama arjaa fi galateeffatuu wajjin taʼuutu na gammachiisa?’ jedhii of gaafadhu. Kana irraa maal baranna? Amala warri kaan akka argisiisan barbaaddu qabaadhu.

✍️ Yeroo Gaarii siif hawweera

Namoota ni fayyada jettanii yaaddaniif #Share godhaa 🙏

Buddeena jireenyaa ~ MQ
Daily Devotional: @Getu_Official
"Soorata Hafuuraa Guyyaa Guyyaa"
  👉💐👉💐👉💐👉💐

@Singer_Megertu_Official
@Yerusaalem_Haaraa
@Kakuu_Studio


Репост из: Gaa'ela 𓆩♡𓆪 Marriage
Видео недоступно для предпросмотра
Смотреть в Telegram
Jaalalli sirriin akkasi! 💓

@Gaaela_Gaarii
@Marriage_Counseling


Gosoota hariiroo guyyaa guyyaan namoota waliin goonu bakka afuritti (4) qooduun ni danda’ama. Itti fufaa dubbisaa

👇👇👇

https://gaggeessummaa.com/gosoota-hariiroo/


Isaayaas 60:3

3 Sabni lafa irraa gara ifa kee, mootonnis gara biiftuu isa siif ba'uu in dhufu.


@Singer_Megertu_Official
@Kakuu_Studio


📆 Daily Devotional 79 | Spiritual Growth
 
ABDII KOO ❤️
    
╭═════▪▪▪══════╮
✅ Faarfannaa 62:5 ✅
╰═════▪▪▪══════╯        

📖 “Lubbuun koo gab jettee Waaqayyoon duwwaa in eeggatti, abdii koo isa irra nan kaa'adha.”
Far. 62:5


Jireenya mi'aawaa fi jaalatamaa kan taasisu keessaa tokko abdii dha. Jireenyi abdii hin qabne jiraachuu dhiisuu irraa adda bahuu hin danda'u. Abdiidhaan jiraatama. Abdiin kun dukkanni keenya ammaa boru ifa guddaan akka bakka bu’u nutti hima. Boru har'a irra akka fooyya'us nuuf mirkaneessa. Wanti abdatamu baay'ee ta'us, abdiin dhugaa kan milkaa'ina dhugaa biraan nama gahu isa kam Akka ta'e waliin haa ilaallu.

Baay’een namootaa waan adda addaa irratti garaa isaanii hidhuudhaan abdii isaanii ni godhatu. Tokko tokko qabeenya irratti abdii isaanii kan hidhan yeroo taʼu, wanti isaan abdatan yommuu hin raawwatamnetti garaan isaanii caba guddaan miidhama. Kaan immoo "Ana waanan ta'eef" jedhanii ofitti hirkatanii abdatu. Garuu namni waan hundumaa kan danda’u waan hin taaneef, wanti isaan yaadan hundi lafa irraa hin danda’amu ta’a. Kanaaf yeroo kanatti "Homaa gochuu hin danda'an" jechuun dhiphina guddaa keessa of galchu.

Daawit lubbuu isaatiin akkas jedha: “Lubbuun koo gab jettee Waaqayyoon duwwaa in eeggatti, abdii koo isa irra nan kaa'adha.” jedha. (Far. 62:5) Abdiin dhugaa fi itti fufiinsa qabu kan argamu Waaqayyo qofa irraayi. Eenyutu lafa onaa irratti isa abdatee hafe? Eenyutu ija gaddaatiin lafa ilaale? Namni tokkollee hin jiru! Kanaaf abdii keenya Waaqayyo irra haa kaawwannu. Abdii sagalee isaatiif inni amanamaa waan ta'eef.

🛐 Kadhannaa: Waaqayyo ati abdii koo amanamaa waan taateef sin galateeffadha. "Lubbuun koo gab jettee Waaqayyoon duwwaa in eeggatti, abdii koo isa irra nan kaa'adha.” Ameen. 🙏

Buddeena jireenyaa ~ MQ
Daily Devotional: @Getu_Official
"Soorata Hafuuraa Guyyaa Guyyaa"
   👉💐👉💐👉💐👉💐

@Singer_Megertu_Official
@Yerusaalem_Haaraa
@Kakuu_Studio




Репост из: Getu ✉️ Official
📖 “Ogummaan Waaqayyoo gad fagoo dha, inni aango-qabeessa; eenyutu mata-jabina isaatiin isaan mormee nagaatti jiraate?” (Iyo. 9:4)

💬Yeroo tokko tokko jireenya keenya keessatti haala rakkisaa keessa yeroo darbinu, yeroo amantiin keenya qormaata nu mudateen qoramu, Waaqayyo waan nu gargaaruu hin dandeenye fakkaachuu danda’a. Akkuma Iyoob jedhe: “... Aariin koo utuu miijanamee, badiisi anatti dhufe hundinuus madaallii irra utuu kaa'amee,...” (Iyo. 6:2)

Iyoob kana kan jedhe yeroo namni tokkollee waan hubate itti hin fakkaannetti, gaddii fi gaabbiin isaa utuu madaalamee fi lakkoofsi miidhama isaas utuu beekamee hawwee ture. Kiristaanummaan keenya tasgabbaa’aa, ofitti amanamummaa, boqonnaa kan hin qabnee fi ogummaa Waaqayyoo fi humna guddaa kan hin qabne yoo ta’e, dhimma yeroo qofa ta’us, qoramni cimaan nu mudachuun isaa waan hin oolledha. Waan hundumaa beekuu Waaqayyoo keessatti; Gooftaan waan hundumaa danda'uu isaa irratti hubannoo gadi fagoo akka qabaannuuf guyyaa guyyaan fuula isaa duratti akka cimnu ayyaana isaatiin nu haa gargaaru! 🙏

Dhuma irratti Iyoob, "Ogummaan Waaqayyoo gad fagoo dha, inni aango-qabeessa; eenyutu mata-jabina isaatiin isaan mormee nagaatti jiraate?" jedheera. Ameen! 💖 🙏

“Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin!”
— Fak. 3:5

@Getu_Official
@Kakuu_Studio
@Singer_Megertu_Official






📆 Daily Devotional 78 | Spiritual Growth
     
╭═══▪▪▪▪════╮
✅ Maatewos 6:33 ✅
╰═══▪▪▪▪════╯


BADHAADHUMMAA KAROORA WAAQAYYOO

📖 “Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama.” (Mat. 6:33)


Waaqayyo akka badhaadhina argattu barbaada, milkaa’ina kee mirkaneessuuf karooraa fi mala addaa qaba. Karaan addaa Waaqayyo badhaadhina keessaniif qopheesse kun caqasa har'aa keessatti ifatti ibsameera. Mee gadi fageenyaan haa ilaallu:

1. Mootummaan Waaqayyoo maali?
Mootummaan Waaqayyoo uumama hundumaa irratti, keessumaa laphee saba isaa keessatti bulchuu isaati. Mootummaa barbaaduu jechuun akka fedha Waaqayyootti jiraachuu, walitti dhufeenya isa wajjin ijaaruu fi kaayyoo isaa lafa irratti raawwachuuf hojjechuu jechuudha. Jechi "barbaadi" jedhu itti yaadanii, adeemsa wal irraa hin cinne, carraaqqii godhamu kan agarsiisudha. Murtoo yeroo tokkoo utuu hin taane guyyaa guyyaan Waaqayyoon naannawaa jireenya keenya hundumaa keessatti dursa kennuufidha.

2. "Qajeelummaa Isaa"
Qajeelummaan jireenya amalaa fi ulaagaa Waaqayyoo calaqqisu jiraachuudha. Innis qulqullina naamusaa, abboommii isaatiif bitamuu fi amantiidhaan jiraachuu of keessaa qaba.

3. "Kan barbaachisu hundinuu isiniif in kennama." Kan barbaachisu hundinuu" jechuun fedhii bu'uura jireenyaa kan agarsiisu: nyaata, dhugaatii fi uffata (Mat. 6:31-32). Waaqayyoof dursa yoo kennite, fedhiin foonii kee akka guutamu siif mirkaneessa.

Waan Gochuu Qabdu:

1. Jireenya Guyyaa Guyyaa Keessatti Waaqayyoof Dursa Kenni!
Guyyaa tokkoon tokkoon kadhannaa, dubbisa Macaafa Qulqulluu fi karoora keetif qajeelfama isaa barbaaduudhaan jalqabi! Murtoo Waaqayyoof dursa kennuuf, jechuunis jaalala, haqa, gara laafinaa fi gad of deebisuu wajjin walsimu qabaadhu.

2. Qophii Waaqayyoo Amanachuu!
Yaaddoo fedhii foonii keetii dhiisii amanamummaa Waaqayyootti amanadhu. Eebba duraan argatteef galata horadhu!

3. Jireenya Qajeelaa Jiraachuu!
Gochaa fi murtoon kee Dubbii Waaqayyoo wajjin akka walsimu mirkaneessuuf qoradhu. Qajeelfamaa fi jabinaaf Hafuura Qulqulluutti hirkatanii qulqullummaa hordofuu.

4. Jireenya Bara Baraa irratti xiyyeeffachuu!
Qabeenya yeroof yookiin milkaa’ina biyya lafaa ari’uu mannaa guddina hafuuraa fi namoota biroo tajaajiluu irratti invest gochuu. Wangeela waliif qoodaa, Mootummaa Waaqayyoo lafa irratti tarkaanfachiisuuf dammaqinaan hojjedhaa.

Wantoota kana yommuu hojjettu Waaqayyo hojii harka keetii ni eebbisa. Yeroo ammaa kana homaa yoo hin qabaannellee akka badhaadhinaaf carraa siif kenna. Milkaa’ina maallaqaa ni argatta, dhuma irrattis Mootummaa Waaqayyoo ni dhaalta.

Kadhannaa: Yaa Waaqayyo eebba kee fi karoora ajaa'ibaa naaf qabduuf galatoomi. Qajeelfama kee amanamummaadhaan akkan hordofu na dandeessisi. Ameen. 🙏

Buddeena jireenyaa ~ MQ
Daily Devotional: @Getu_Official
"Soorata Hafuuraa Guyyaa Guyyaa"
  👉💐👉💐👉💐👉💐

@Singer_Megertu_Official
@Yerusaalem_Haaraa
@Kakuu_Studio


📆 Daily Devotional 77 | Spiritual Growth
     
╭════▪▪▪▪═════╮
   ✅ Faarfannaa 57:10 ✅
╰════▪▪▪▪═════╯

Gaarummaa fi Amanamummaa
        

📖 “... gaarummaan kee hamma bantii waaqaatti in guddata, amanamummaan kees hamma duumessaa in ga'a.”
— Far. 57:10


Nama tokko yommuu yaadnu wanti jalqaba sammuutti nu dhufu namummaa fi amala nama sanaati. Amalli tokko nama sana waliin hariiroo cimaa waan qabuuf eenyummaa nama tokkoo mul’isuuf gargaara. Namni tokko bu’aa calaqqisiisa amala isaa waan ta’eef jechuudha. Wantoota amala isaa keessa jiran jireenya isaa keessatti calaqqisiisuun isaa waan hin oolledha. Wanti Kan biraa yaada keessa galchuu qabnu amalli namaa jijjiiramaa ta’uu isaati.

Daawit amaloota Waaqayyoo kakaasee walaloo isaa xumura. "... gaarummaan kee hamma bantii waaqaatti in guddata, amanamummaan kees hamma duumessaa in ga'a." (Far 57:10) Mee kutaa kana irraa amala lama fudhachuuf haa yaallu.

Tokkoffaa, Gaarummaa

Waaqayyo barsiisadha. Inni gaarummaa isaatiin jabeessee kan qabudha malee kan nama balaaleffatu miti. "Gaarummaan kee ija koo dura jira, siif amanamuudhaanis nan deddeebi'e." (Far. 26:3). Gaafa dadhabnee kufnu kan nutti qoosu utuu hin ta'in, gaarummaa isaa nuuf baay'isuudhaan ulfina isa duraaniitti kan nu deebisu, Waaqa Yoomiyyuu amanamaa ta'edha. "Namni cubbuu isaa yoo dhokse hin milkaa'u; Namni cubbuu isaa himatu garuu araara argata." (Fak. 28:13)

Lammaffaa, Amanamummaa

Waaqayyo Waaqa amanamaa soba hin beeknedha. "Waaqayyo inni Israa'eliif ulfina ta'e, akka namaa miti! Inni hin sobu, hin gaabbu, wanti akka namaatti isa gaabbisiisus hin jiru" (1Sam. 15:29) Dhugaan amala isaa waan ta’eef gara dhugaatti nu geessa. "Yesus akkana jedhe: Karaa, dhugaa fi jireenyi ana; Anaan malee namni gara Abbaa dhufu hin jiru." (Yohaannis 14:6) Yesus ani dhugaadha jedhee yommuu dubbatu, wanti anaan ala jiru hundi soba jechuu isaati. Kana malees, safartuun dhugaa akka isa ta’e dubbata.

Waaqni keenya gaariin gaarummaa fi amanamummaa walitti fida. Amaloonni kun amala isaa kan calaqqisiisan dha. Amaloonni isaa kan bara baraa malee kan jijjiiraman miti. Har'a araara isaa nuuf kenneera; borus yoomiyyuu nu hin ganu. Inni Yeroo hundumaa kan hin Jijjiiramnee fi Jiraataadha.

🛐 Kadhannaa: Yaa Waaqayyoo uumamni kee yeroo hundumaa gaarii fi amanamaa waan taateef siif kabaju. Gaarummaa keetiin na na mil'adhu. Amanamummaa keetiin na qajeelchi! Ameen. 🙏

Buddeena jireenyaa ~ MQ
Daily Devotional: @Getu_Official
"Soorata Hafuuraa Guyyaa Guyyaa"
  👉💐👉💐👉💐👉💐

@Singer_Megertu_Official
@Yerusaalem_Haaraa
@Kakuu_Studio


📆 Daily Devotional 76 | Spiritual Growth
     
╭═══▪▪▪▪════╮
   ✅ Mul'ata. 21:5 ✅
╰════▪▪▪▪═══╯

Waan Hunda Haaraa Nan Godha


📖 "... Kunoo ani waan hundumaa haaraa nan godha!"
— Mul. 21:5

Utuu dachee kanarra jiraannuu wanti yeroon hin jijjiiramne hin jiru. Wanti hundi yeroodhaan ta'a. Yeroodhaan darba. Yeroo fudhata. Yeroon carraa gaarii fida. Wanti gaariin yeroon nurraa fudhatama. Yeroon gammachuun ni jira. Gadda hadhaawaas of keessaa qaba.

Yeroo keessatti garuu yeroon ala kan hojjetu Waaqayyo qofa. Tarii wantoonni jireenya keenya keessatti ta’anii fi ta’aa jiran akka tasaa nutti fakkaachuu danda’u. Garuu Waaqayyo inni "baay'ina fedhii keenyaa" illee beeku, heeyyama isaa malee wanti jireenya keenya keessatti ta'u hin jiru.

Waggaa darbe keessa hundi keenya daandii jireenyaa qabiyyee adda addaa qabu keessa darbinee ta'a. Waaqayyo mana keenya isa bade guutee, wantoota keenya du’an keessatti jireenya dhaabeera, haala keenya isa cabe keessatti abdii dhaabeera, kunoo nuti warri kophaa turre hiriyaan, jireenyaan eebbifamne, warri barnootarra turre eebbifamnee balballi buddeenaa nuuf baname, warri maatii turre immoo mana, ijoollee keenyaatiin eebbifamnee bara kana argine. Ulfinni hundi Waaqa irratti isaaf haa ta'u! Hundaafuu "yeroo hunda Ayyaanni Faasikaa hin jiru" akkuma jedhamu bara kana olka'iinsaa fi gadi bu'iinsa hedduu keessa jiraanna. Obboloota kanneen baay’ee jaallannu dhabne, barri rakkisaan nu mudatus Waaqayyo gaarii dha. Yeroo hundumaa hojii isaa keessatti sirrii fi qajeelaa dha. "Maaliif akkas goote?" Inni mootii Waaqaa fi lafaa ta’uun isaa shakkii hin qabu. Waaqayyo jireenya nuuf kennee guyyaa kana geenyee jirra. Guyyoota darban waliin utuu hin darbin yeroo jijjiirree har'a geenyee jirra. Ulfinni isaaf haa ta'u! Innis guyyaa haaraa kana keessatti kana nutti hima: "Kunoo ani waan hundumaa haaraa nan godha!" (Mul. 21:5)

Eeyyee har'a guyyaa haaraa dha. Guyyaa wantoota dhabne itti argannu, guyyaa itti lafa kufnee kaanu, dandeettii fi kennaa keenyaan tajaajillu, eebba baay'eedhaan eebbifamnu, cubbuu irraa hiikamnu, gara fuulduraattis milkaa'ina gonfannu, qajeelummaa dheebonne bira geenyu, Kiristoosiin jireenya keenya irratti hawwinu Kan argannu. Inni dubbii isaatiif amanamaa dha, Kirstoos waan hundumaa haaraa gochuuf balbala irra jira. Mee balbala keenya banannee of qopheessinee eebbichatti ol haa gallu. Haalli keenya dur babbade gara waan haaraatti haa jijjiiramu. Ameen! 🙏


Buddeena jireenyaa ~ MQ
Daily Devotional: @Getu_Official
"Soorata Hafuuraa Guyyaa Guyyaa"
  👉💐👉💐👉💐👉💐

@Singer_Megertu_Official
@Yerusaalem_Haaraa
@Kakuu_Studio









Показано 20 последних публикаций.