📆 Daily Devotional 80 | Spiritual Growth
╭════▪▪▪═════╮
✅ Ibroota 12:4 ✅
╰════▪▪▪═════╯
Namoota hundumaa wajjin Nagaadhaan Jiraadhaa!
📖 “Namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraadhaa! Isa malee namni tokko illee goofticha hin argu waan ta'eefis, jireenya qulqullummaaf dhama'aa!” — Ibr. 12:14
✅ Qajeelfamoota namoota HUNDUMAA wajjin Nagaadhaan jiraachuuf Gargaaran
#1ffaa: Dhiifama Gochuu
Hundi keenya iyyuu ni dogoggorra. Kanaan kan kaʼes, warra kaan mufachiisuu dandeenya, warri kaanis nu mufachiisuu dandaʼu. Kanaafuu, nuti warra kaaniif dhiifama gochuun keenya, warri kaanis dhiifama nuu gochuun isaanii barbaachisaa dha. Nama nu mufachiiseef dhiifama yommuu goonu haaloo isatti qabachuu ni dhiisna. ‘Hamaa hamaadhaan hin deebisnu,’ balleessaa isaa yookiin dadhabina isaas yeroo hunda hin yaadannu. Haa taʼu malee, baayʼee yoo miidhamnee fi wanta nu irratti raawwatame irraanfachuun yoo nutti ulfaate hoo? Taanaan, nama sana kabajaan dhuunfaatti haasofsiisuu qabna. Kaayyoon keenya namni sun dogoggora akka raawwate mirkaneessuu utuu hin taʼin, nagaa buusuu taʼuu qaba.
#2ffaa: Gad Of Qabuu, Kabajas Argisiisuu
Kan gad of qabnuu fi warra kaan kan kabajnu yoo taʼe, namoonni nuu wajjin taʼuun isaan gammachiisa. Gaarummaa akka isaanitti argisiisnuu fi akka isaaniif yaannu, akkasumas taʼe jennee miira isaanii akka hin miine ni hubatu. Haa taʼu malee, warra kaan akka caallu kan yaannu yoo taʼe ykn yeroo hundumaa yaada keenyatti kan cichinu yoo taʼe, wal morkii fi walitti buʼiinsa kakaasna. Namoonni nu irraa fagaatu; michoota horachuunis nu rakkisa.
#3ffaa: Looguu Irraa Fagaadhu
Waaqni keenya lammummaa, afaan, iddoo hawaasa keessatti qabaniin yookiin bifa, gogaa, naannoo isaanii irratti hundaaʼuudhaan namootaaf hin loogu. Inni “namoota saba hundumaa nama tokko irraa uume.'' Kana jechuun, ilmaan namootaa hundi obbolaa dha jechuu dha. Yeroo nama hundumaatti kabajaa fi gaarummaa argisiisnu, isaan gammachiisna, nutis ni gammanna, Uumaa keenyas ni gammachiisna.
#4ffaa: Garraamii Taʼuu
Yommuu garraamii taanu, namoonni kaan akka tasgabbaaʼan gargaarra. Namoota tasgabboofne akka taane waan beekaniif, nu haasofsiisuun isaanitti hin ulfaatu; dogoggora keenya nutti himuun illee isaanitti salphata. Namni tokko yommuu nutti aaru, deebii laafaa kennuun keenya isa tasgabbeessuu dandaʼa.
#5ffaa: Arjaa fi kan Galateeffatu Taʼuu
“Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa.”
Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun sassatoo fi waaʼee ofii isaanii qofa kan yaadani dha. Gammachuu dhugaan kan argamu garuu arjaa taʼuudhaani. Namoonni arjaa taʼan qabeenya caalaa nama waan jaallataniif gammadoo dha. Jaalala akkasii qabaachuun isaanii yeroo namni tokko arjummaa isaanitti argisiisu galateeffachuu fi dinqisiifachuuf isaan kakaasa. ‘Nama doqnaa fi galata hin beekne moo, nama arjaa fi galateeffatuu wajjin taʼuutu na gammachiisa?’ jedhii of gaafadhu. Kana irraa maal baranna? Amala warri kaan akka argisiisan barbaaddu qabaadhu.
✍️ Yeroo Gaarii siif hawweera
Namoota ni fayyada jettanii yaaddaniif #Share godhaa 🙏
Buddeena jireenyaa ~ MQ
Daily Devotional: @Getu_Official
"Soorata Hafuuraa Guyyaa Guyyaa"
👉💐👉💐👉💐👉💐
@Singer_Megertu_Official
@Yerusaalem_Haaraa
@Kakuu_Studio