😀Ani... ➡️
Akka lukkuu lafa hin haadhu
Akka risaattan barrisa
Samii keessas lafa gubbaas
Hunduu banaadha karrisaa
Filannoo kooti hundumtuu
Lafa haadhuun samii keessi
Maarree ofiikootiifimmoo
Gurri koo hamaa dhageessii
Gad deebi'ee hin funaanu
Kosii keessaa raammoof raqa
Samii gubbaatti ol ba'een
Bakka miidhagaa san dhaqa
Kosii keessi naaf hin malu
An hin fedhu raammoo nyaachuu
Ol fagaadheen balali'a
Hin fedhu dacheerra kaachuu
Haalaaf wanta darbu laalee
Daandii kiyyarraa hin maqu
Dudduuba koo hin ilaalu
Bakka naaf hin malle hin dhaqu
Kaayyoo kiyya hin liqeessu
Addunyaa fakkeessituudhaaf
Duuka bu'ee harka hin reebu
Waan hunda akkeessituudhaaf
✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
💔。/|\。⏺
#share
#join
👍 ❤️ 💬 ♂️
ˡⁱᵏᵉ ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ
Akka lukkuu lafa hin haadhu
Akka risaattan barrisa
Samii keessas lafa gubbaas
Hunduu banaadha karrisaa
Filannoo kooti hundumtuu
Lafa haadhuun samii keessi
Maarree ofiikootiifimmoo
Gurri koo hamaa dhageessii
Gad deebi'ee hin funaanu
Kosii keessaa raammoof raqa
Samii gubbaatti ol ba'een
Bakka miidhagaa san dhaqa
Kosii keessi naaf hin malu
An hin fedhu raammoo nyaachuu
Ol fagaadheen balali'a
Hin fedhu dacheerra kaachuu
Haalaaf wanta darbu laalee
Daandii kiyyarraa hin maqu
Dudduuba koo hin ilaalu
Bakka naaf hin malle hin dhaqu
Kaayyoo kiyya hin liqeessu
Addunyaa fakkeessituudhaaf
Duuka bu'ee harka hin reebu
Waan hunda akkeessituudhaaf
✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
💔。/|\。⏺
#share
#join
👍 ❤️ 💬 ♂️
ˡⁱᵏᵉ ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ