Kan uumama yakkee
Waan hin jirres fide
Kan cubbuus bocatee
Dhugaa arguu dide
Baraa mitui nama
Barri maal balleesse
Deemeet jijjiirama
Badii isaatin malee
Akkamiin yakkama?
Osoo ganna roobee
Aduun bonaa dhaamu
Osoo birraan habaabe
Cidhaaf nama yaamu
Osoo akkuma lixxeen
Aduun hin hafin takkaa
Balleessaa isaa kamiin
Namni bara yakka?
Osoo akka namatti
Barri karaa hin bulin
Yookan garaaf jedhee
Karra namaa hin galin
Kan faaydan bitamee
Karaa irratti hafu
Kan garaa guuttatee
Bakkuma oole rafu
Kan garaarraa-n hafne
Osoo ilmi namaa jiru
Inni dhibamee-n ciifne
Kan fageenya hifatee
Deemsa isaa-n dhiifne
Bara maalif abaaru?
Bara hamtuu diigee
Sona namaaf ijaaru
Kan laafaa utubee
Dadhabaa gargaaru
Bara hamaa jedhanii
Maalif xuriin qaqqabu
Barri waa hin yakkine
Badii homaa hin qabu
✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
💔。/|\。⏺
#share
#join
👍 ❤️ 💬 ♂️
ˡⁱᵏᵉ ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ
Waan hin jirres fide
Kan cubbuus bocatee
Dhugaa arguu dide
Baraa mitui nama
Barri maal balleesse
Deemeet jijjiirama
Badii isaatin malee
Akkamiin yakkama?
Osoo ganna roobee
Aduun bonaa dhaamu
Osoo birraan habaabe
Cidhaaf nama yaamu
Osoo akkuma lixxeen
Aduun hin hafin takkaa
Balleessaa isaa kamiin
Namni bara yakka?
Osoo akka namatti
Barri karaa hin bulin
Yookan garaaf jedhee
Karra namaa hin galin
Kan faaydan bitamee
Karaa irratti hafu
Kan garaa guuttatee
Bakkuma oole rafu
Kan garaarraa-n hafne
Osoo ilmi namaa jiru
Inni dhibamee-n ciifne
Kan fageenya hifatee
Deemsa isaa-n dhiifne
Bara maalif abaaru?
Bara hamtuu diigee
Sona namaaf ijaaru
Kan laafaa utubee
Dadhabaa gargaaru
Bara hamaa jedhanii
Maalif xuriin qaqqabu
Barri waa hin yakkine
Badii homaa hin qabu
✨。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
💔。/|\。⏺
#share
#join
👍 ❤️ 💬 ♂️
ˡⁱᵏᵉ ʳᵉᵃᶜᵗ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢʰᵃʳᵉ