Oduu Ammee: Barattoonni Oromoo Yuunivarsitii Injibaar Humna Faannootiin Ugguraman Deeggarsaa fi Deebii Nageenyaa Gaafatan
Barattoonni Oromoo Yuunivarsitii Injibaar waamicha Yuunivarsitii hordofuun gara mooraa isaanii deebi’uuf daandii irratti osoo jiranii humna Faannoo jedhamuun waamamuun ugguraman. Taateen kun barumsa isaanii cimsee kan midhe yoo ta'u, sodaa fi dhiphina guddaa barattootaafi maatii isaaniitti fidaa jira.
Akkaataa Haalli kun itti uumame
Tibbana, Onkoloolessa 14, 2017, barattoonni kunneen waamicha Yuunivarsitii Injibaar irraa dhiyaate hordofuun gara mooraa isaanii deebi’uuf osoo adeemaanii adeemsi muraasni wayita hafeefitti magaalaa Amanu’eel ga’anii humnoota Fiinxaaleyyii Faannoon akka duubatti deebi’an dirqisiifaman. Barattoonni kunneenis of duuba deebi’uun magaalaa Dabra Maarqoos kan bulan yoo ta’u barattoonni gariin ammoo magaalaa Amanu’eel konkolaataa keessa bulan.
Akka barattoonni kunniin miidiyaa @Abdii_Sabaa tti himanitti “Ganama isaa qaamni komaand poostii magaalaa Dabira maarqosii fi bulchiinsi Yuunivarsitii Dabira maarqos Nageenya keessaniif jecha jechuudhaan Yuunivarsitii Dabira maarqos keessatti nu galchee guyyoota lamaa fi sadii gidduutti haala mijataa uumnee Yuunivarsitii keessan isin galchina nuun jedhanii turan. Garuu hanga guyyaa har'aatti barumsa manaa baaneef osoo hin argatin karaa irratti danqamnee akka jirru qaamni dhimmi isaa ilaallatu akka nu hubatu barbaanna” jedhaniiru.
Barattoonni kun caalaatti barattoota waggaa dhumaa (GC) waan ta'aniif yeroo ammaa, akka barumsa irraa duubatti hin hafneef yaaddoo guddaa keessa jiru. “Barattoonni Mooraa Yuunivarsitii galanii jiran guyyaa gaafa Onkoloolessa 18 kaasanii barachaa jiru nuti garuu as keessatti erga galfamnee namni deebi'ee haala nuuf mijeessee gara barumsaatti akka deebinu nu gargaaru dhabamuunsaa miidhama qoorqalbii nurraan gahaa jira.” Jedhaniiru barattoonni kunniin
Yaaliin Deeggarsa Gaafachuu fi Deebii Qaamolee dhimmi ilaallatuu
Bakka bu’oonni barattoota kanaa Pirezidaantii mooraa Dabra Maarqoof dabalatee qondaaltota adda addaa qunnamuun deeggarsa gaafachuu isaanii qoodaniiru. Haa ta’u malee, barnootaa isaaniif furmaati hatattamaa akka hin jirreefi homaa isaan gargaaruu akka hin dandeenye itti himameera.
Barattoonni kunniin irra deddeebiin aangawoota mooraa Yuunivarsitii Isaanii Yuunivarsitii Injibaariifi bakka bu’oota barattootaa bira ga’uuf yaaliin godhamus, deeggarsa tokkollee taasisuufi hin dandeenye.
Akka barattoonni kunniin miidiyaa @Abdii_Sabaa tti himanitti yeroo ammaa kana irratti namni konkolaataa sakatta’uun dabarsungaree Fiinxaaleyyii kana yommuu ta’u, barattoota oromoo agarraan akka hin maarre sababa dhaadataniif yeroo ammaa yaaddoo nageenyaafi barboota dhabuutiin karaatti miidhamaa jiru. Barattoota kana keessa shamarranillee ni jiru.
Barattoonni kunneen gara Yuunivarsitii Injibaaritti nagaan koomad poostiin ajjabamuu akka deebi’an, achitti barnoota isaanii addaan osoo hin citin akka itti fufaniif eegumsaa fi gidduu seenuu qaamolee mootummaaf waamicha dhiyeessaa jiru.
Hawaasni bal’aan akka odeeffannoo kana hordofuufi qaamni dhimmi ilaallatu akka barattoota kana deeggaruuf miidiyaan @Abdii_Sabaa cimsee dhaama.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡