Afaan Oromoo Yuunivarsiitii Kolleejjii Libiraal Aartis Ameerikaatti barsiifamuu eegale.
Afaan Oromoo Yuunivarsiitii Kolleejjii Libiraal Aartis jedhamu kan Ameerikaa Kutaa bulchiinsa Minisootaa keessatti argamutti har'a Amajjii 23, 2025 barsiifamuu eegaleera.
Obbo Baqqalaa Garbaa ammoo Barsiisaa jalqabaa gosa barnootaa Afaan Oromoo Yuunivarsiiticha keessatti kennaan ta'anii qaxaramuu himani jiru.
Koolejii Libraal Artis keessatti kan egalame sagantaan Afaan Oromoo sirna barnoota idilee yunivarsitichaa keessatti hammatamee barattoonni eebbaaf kireditii isaan barbaachisu keessatti akka lakkaayamuuf beekamee jira.
Akka obbo Baqqalaa Garbaa jedhanitti, barattoonni gosa barnootaa kana fudhachuuf galmaayan 25 yoo ta'an barattoonni 5 eeggattummaan galmaayani jiru jechuun yeroo jalqabaatiif Yuunivarsiitii biyya alaa keessatti Afaan Oromoo akka gosa barnootaa tokkotti kennamuu jalqabee jedhan.
Gabaasi kan OMNti
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡