Oduu Ammee
WBOn “bulchiinsa mootummaa ce’umsaa jalatti daangaa Oromiyaa akka tiksu” haala mijeessuuf ABO fi KFO amaanaa fudhatan
Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongirasii Federaalistii Oromoo (KFO) dabalatee jilli jaarmayaalee hawaasa Oromoo adda addaa marii torban darbe Finfinneetti gaggeesseen rakkoolee siyaasaa fi waraanaa Oromiyaa keessa jiru furuuf “Mootummaa Ce’umsaa Waloo Oromiyaa” akka hundaa’u waliigaluu ibsan.
Jilli paartilee siyaasaa lameen dabalatee jaarmayaalee hawaasa Oromoo adda addaa of keessa hammate kun “rakkoolee siyaasaa fi waraanaa Oromiyaa keessa jiruu fi jiruuf-jireenya ummataa irratti danqaa ta’e irratti yaada furmaataa barbaaduuf” Gurraandhala 19 – 22, 2025 marii bal’aa taasisuu ibsameera.
Walgahii kanarratti paartilee lamaan alatti jila Waltajjii Qabaa Abbootii Gadaa Oromiyaa, jila Jaarroollee Biyyoolessaa Oromiyaa, jila Waldaa Makaana Iyeesuus Itoophiyaa, jila Yaa’ii Ganyaa Harooreessaa dabalatee jiloota hawaasa Oromoo 16 irratti hirmaataniiru.
Hirmaattoonni walgahichaa marii
taasisan booda ibsa baasaniin waraanni Oromiyaa keessa jiru dhaabatee nagaan akka bu’uu fi nageenyi ummataas haala amansiisaa ta’een akka tikfamuu qabu waliigaluun dhimma kana ABO fi KFOn dirqama ofitti fudhatanii wantoota humni isaanii danda’e hunda akka raawwatan amaanaa itti kennamuu ibsan.
Dabalataan rakkoo siyaasaa fi bulchiinsaa Oromiyaa keessa jira jedhaniif furmaata kennuuf “ummatni Oromoo mootummaa isaa haala dimokratawaa fi bilisa ta’een hanga filatutti” Mootummaa Cehumsaa Waloo Oromiyaa paartilee Oromiyaa fi qaama dhimmi ilaallatu hunda hammate ABO fi KFO’n akka hundeessan waliigalamuu ibsan.
Mootummaa ce’umsaa jedhan kana keessatti ammoo yeroo ammaa mootummaa waliin walitti bu’iinsarra kan jiru Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) “itti gaafatamummaa fudhatee seera, nagaa fi dangaa Oromiyaa akka tiksuu danda’u haala barbaachisaa ta’e paartileen lamaan akka qindeessan itti gaafatamummaa fudhachuu” eerameera.
Rakkoo magaalaa Finfinnee fi daangaa Oromiyaa furuu ilaalchisee, “magaalaan Finfinnee seenaanis ta’e seeraan qabeenya ummata Oromoo fi magaalaa guddoo Oromiyaa akka taate guutummaatti amanuun, magaalaan kun itti waamamni ishii akka mootummaa Oromiyaatiif taatu ABO fi KFOn itti gaafatamummaa ofitti fudhatanii akka mirkaneessan” waliigalamuu ibsan.
Kana malees, dhimma Walloo, Dirree Dawaa, Matakkal, Moyyaalee, Madda Walaabuu fi kkf dabalatee “daangaaleen Oromiyaa karaa adda addaatiin irraa ciccitanii mootummaa naannoolee adda addaa Oromiyaa daangessan keessatti hafan seera addunyaa fi seera biyyi qabdu irratti hundaa’uun akka Oromiyaa keessatti dachaa’an” taasisuuf itti gaafatamummaa ofitti fudhachuu ibsan.
Gama biraatiin, sirni Gadaa/Siinqee hundee tokkummaa fi ijaarsa siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa, aadaa fi nageenya Oromootiif qabaachaa ture sirriitti hubachuun “gadi fageenyaan qoratamee, ummata wajjin marii bal’aan taasifamee haaromsi jaarraa keessa jirru wajjin walmadaalu itti taasifamee sirna Oromoon itti bulu akka ta’uu danda’u waan barbaachisu hunda akka taasifamu” waliigaluu isaanii himaniiru.
Marii kana irratti qaamni mootummaa kan hin hirmaanne yoo ta’u, ibsa jila kanaa ilaachisees mootummaan naannoo Oromiyaas ta’e federaalaa waan jedhan hin jiru. Dabalataanis waliigaltee marii kora waliinii kanarratti maqaan isaa kan caqasame jaarmiyaa hidhattootaa WBO irra deddeebiin marii kana akka hin deeggarre ibsaa tureera.
Gabsaasi kan AS
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡