Eda Halkan sa'aatii 8:46 hanga 8:48 gidduutti kirkirri lafaa guddaan uumamee namoota hedduu naasisuun hirriba irraa dammaqseera.
Dhaabbileen idil-addunyaa hanga ammaatti guddina isaa reektaar iskeelii 5.0 - 5.3 galmeessuu eeraniiru.
Giddu-galli Qorannoo Ji'oosaayinsii Jarmanii akka beeksisetti kirkirri lafaa kun magaalaa guddoo biyyattii irraa gara kaaba dhihaatti kiiloo meetira 60 fagaatee akka mudate ibseera.
Qorannoon Ji'ooloojii Ameerikaas haala walfakkaatuun iddoo kana ibsee, guddinni isaa Reektaar iskeelii 5.3 akka ta'e ibseera.
Bifa kanaan dura baratame irraa adda haala ta’een kirkira kana namooti hedduun dhaga’uun rifachuu himaniiru.
Biyyattiitti kirkirri lafaa irra deddeebiin mudachaa sababa jiruufis ofeegganno barbaachisaa taasisuun akka barbaachisu himameera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡