#Urgent_Update
Akkuma yeroo darbe ibsinee Ogeeyyiin fayyaa Itiyoophiyaa labsii waliigala Hojii dhaabuu taasisuu akka danda'an akekkachiisanii jiru. Kana sababeeffachuunis guyyaa borii irraa eegalee buufata yaalaa garaa garaatti labsiin kun hojii irra ni oola jedhamee eegamaa jira.
Waggoottan dheeraaf ogummaa kanaaf aarsaa guddaa kafallee jiraachuuf rakkanne ka jedhan ogeessonni fayyaa kunniin , dheekkamsa isaanii ji’oota muraasaa as ifaan ifatti miidiyaa hawaasummaa irratti ibsachuun sirreeffamni akka taasifamuuf mootummaa gaafachaa kan turan yommuu ta’u , hojii dhaabuuf guyyaan itti dirqaman ga’ee jiraachuufi guyyaa boruu irraa eegalee tajaajila akka addaan kutan akeekkachiisanii jiru.
Guyyaa boruu irraa eegaluunis tajaajila yaalii hatattamaa irraa kan hafe hawaasni akka hin burjaajofne maxxansaaleefi ragaawwan manneen yaalaa biyyatti garaa garaa irraa miidiyaa @Abdii_Sabaa qaqqabaa jiran ni mullisu.
Sochii ogeeyyiin fayyaa adeemsisaa jiraniin walqabachuun hawaasni bakka lamatti qoodamee kan jiru yommuu ta’u, harka hedduun namaa gaaffiin ogeeyyii fayyaa gaaffii haqaati jechuun deeggarsa yeroo agarsiisanitti gariin ammoo siyaasaan walqabsiisuun dubbicha micciiraa jiraachuu ragaawwan funaannanne ni ibsu.
Mootummaan gama isaatiin dhimma kanaan walqabsiisuun ibsa taassise kan hin qabne ta’us bakkoota garaa garaatti ogeeyyiin fayyaa dhimma kanaan walqabachuun qaama seeraan to’atamuun qoratamaa jiraachuu mirkaneeffanneerra.
Dhimma kanaan walqabsiisuunis ogeeyyiin fayyaa gaaffiin keenya gaaffii jiraachuufi xiyyeeffannoo nuuf taasifamuun furmaati akka nuuf laatamu gaafachuuti malee dhimma Siyaasaa kam keessa quba akka hin qabaanne yaada isaanii ibsuutti argamu.
“Fayyisaa Dhukkubsanne” kan jedhan ogeeyyiin yaalaa kunniin “jireenyaaf bu’uura wantota ta’an kannneen akka nyaata, uffataafi mana jireenyaa dhabuu irraa kan hafe jireenya qananii hin hawwine , hawaasa keenya tajaajiluufis sassannee miti” jedhaniiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡