#NuunJiilaa- gara Biyya Taayilaandii fuula keessan hin naannessinaa jedha Obboleessi tokko....
"Akkam bulte nagaa keetii?
Dursa ergaakoo gurra waan itti laatteef galatoomin siin jedha
Akkuman kanaan dura siif ibsuu yaale sana Ani nama finfinnee jiraatudha hojiin idileekoo garaajii, biyyadaa hojjedhee jiraadha otoon kanaan jiraadhuu mucaan hiriyyaankoo ykn nama nuti waliin waan baay'ee dabarsine akkaataa kamiin akka inni deemee hin beeku garuu naaf bilbileetu Ani Thailand deemeen Jira hojii eegaleera miindaan ji'atti kaffalamu Kuma 80-100 dha kanaaf haala mijeeffadhuutii dafii koottu naan jedhe anis isa amaneen haalota baay'ee waan waliin dabarsineerruuf haala mijeeffachuun eegale waanan qabu walitti qabadhee yeroon deemuu Jala ga'u ergaa Gammadaa Show kan jedhu post godheeru tokkon arge innis haalli biyya sana jiru akka gaarii hin taane dubbatee ture deemuuf waanan murteesseeruuf Gammadaaf Nan barreesse innis barreeffamakoo yaadatti hin qabne qaamaanillee Yoon argadhe jedheen biiroonsaa dambal city dha naan jennaan barbaadaan ture garuu argachuun dandeenye isa dhiiseen mucaa isa na waame sana, Ani maatii akkan qabu ni beekta achi gahee ofiikoos maatiikoos akkan hin rakkifne Adaraa jennaan homaa tokko hin dhiphatiin naan jedhe tole jedheen nan deeme asii yeroo waaman Thailand jedhu gaafan achi ga'u Thailand irraa Baasiitiin halkan sa'aatii 12 ol deemeen ammas baasiirraa bu'een taksiidhaan bakka Thailand keessaa ba'ee Laos sana galun ga'e Laos fi Thailand kan adda baasu lagatu Jira Laga sana ce'ee Laos galuuf gaafan jedhu Poolisoonni Laos naqabanii Thailanditti na deebisan gara sa'aatii 5 taa'een ammas Nan deeme yeroo lammaatti akkumasaattin darbe achi gahee mucaaf bilbillaan Company keessaa bahuun danda'u naan jedhe namni biraa na fuudhee bakka siree na geessee isuma faana tureen guyyaa muraasaa booda waan isaan hojii jedhan kana gale hojiin sun akkuma atiyyuu jette ani Computer tokko irratti Facebook 5 ol baneen bakka dubartii bu'een dhiira faana haaso'aan akka nama jaallateetti goyyomsuudhaan qarshii ergisiisuu yaada, Kuni hojii jallinaa akka ta'e otoon beekuu gaafan filannoo dhabu takkaa dhufeera waan ittiin maatii kootti deebi'uu hin qabu jedheen eegale isan eegales ji'a tokko wayiin torbee lama tola hojjetta isuma isaan achiiyyuummoo sababoota namarratti barbaadanii miindaa kukkutanii namaaf laatu takkaa namni miindaa ittiin qacarame guutuu fudhatuu hin jiru otuma kanaan jirruu Mootummaan achiis hojiin Kun akka dhaabatu jedhee ajaja baase torbee qidaamee darbeetii kaafnee naannoo guyyaa 5 ol otoo doormiirraa hin ba'iin oolle poolisoonni Company irra deemanii ijoollee harkaa Bilbila hojii, qarshii fudhataniiru ijoolleen keenyi hidhamaniiranillee Jiru maqaasaanii Yoon beekuu baadheyyuu walumaan galatti namni qarshii liqeeffatee dhufeeru baay'eetu Jira qarshii sana hojjetanii kaffaluuf baay'ee ulfaataadha isaan yoo barbaadan torbee lama nama hojjechiisaniitu nama ari'u
Otoo hojjetanii waan jijjiiramanidha ta'ee Ani halagaa Yoon dhiiseyyuu firakoo waamee akkanni hojjetatun godha ture haalichi garuu hamma malee ulfaataadha
Otoo Gammadaan akkumakee gurra naaf laatee waan Ani isa gaafadhe sana naaf deebi'eera ta'ee anis deemee achitti hin rakkadhun ture ammas homaa miti guyyaa rabbi as keessaa na baasen haaso'aa Yoo siif danda'ame Otoo miidi'aa jiruun namni biyya kana dhufee akka hin rakkanne naaf dhaamtee gammachuunkoo guddaadha kanan siin jedha waan ifa siifin taane yoo jiraate na gaafadhu
#VIA_Abdisa_B
●~~~~~●
@DirreeGN
@Spritpoem