⭐️Qo’annaa Wangeela Yohaannis Kutaa 5ffaa [PART-2] 📖
🙌 Kutaa Darbe Keessatti Waantota #Gooftaa Keenya Iyyesuus Kiristosiin Ilaalchisee #Yohaannis_Cuuphaadhaaf Karaa Hafuura Qulqulluu ifan/mul'atan ilaaluu eegalle turre; isaan keessaas tokko Iyyesuus Kiristoos #Hoolicha cubbuu biyya lafaa baatu akka ta'edha. Har'as itti fufnee Waa'ee Eenyummaa Kiristoos Karaa Hafuura Qulqulluu Yohaannisiif ifan sadi(3) haa ilaallu.
Yohaannis 1:30
30 ‘Namni ana booddee dhufu ana irra caala, ana dura ture'o’ jedhee waa'ee isaa kanan dubbadhe isa kana.
💢 Iyyesuus baay'oliidhaaf akkuma nama yihuudii tokkoo qofaatti ilaalamaa ture. Kanaaf immoo ragaan dubartittiin samaariyaa “Attamitti ati Yihudii taatee, ...” jette gaafa isheen eenyummaa isaa isa ofii beektu mul'iftu argina [Yohaannis 4:9]. Akkasumas Warri yihuudii Isaan Keessa Akka nama tokko qofaatti isa yaadu turan [Marq. 6:3].
💢Yohaannis Cuuphaan Garuu Enyummaan Kiristoos Karaa Hafuura Qulqulluu Sirritti Waan isatti mul'ateef; ''Inni (Iyyesuus Kiristoos) Ana dura kan ture Jechuunis barabaraan kan jiraatuu fi Kan kabajamedha" jedhee Eenyummaa Kiristoos Isa Sirrii fi Dhugaa Mul'ise. Fooniin Ji'a Ja'a dursee kan dhalate Yohaannis Cuuphaa ta'u iyyuu wantichi gaafa Hafuuran ifuuf Icciitiicha Isa namoota baay'ee jala dhokate hubachuu danda'eera.
💢 Akka Fooniitti deddeebi'uun Keenya #Eenyummaan_Gooftaa Keenyaa fi Jireenyi Hafuura keenyaa akka nutti salphatu yookin akka bakka guddaa waantota kanneeniif hin kennine nu godha.
💢Deddeebiin Keenya Garuu Akka Hafuuraatti Yoo ta'e Akka Eenyummaa Kiristoosiin Isa Dhugaa beekuu fi Jireenya Hafuuraa Keenyaaf bakka guddaa kennuu kan gahu hin jiru.
💢 Kanaaf Phaawuloosis Waa'ee Kabaja Gooftaa Isa Isatti Mul'ate yoo dubbatu "Dhuguma iyyuu gooftaa koo Kristos Yesusin beekuun hundumaa irra waan caaluuf, ani waan hundumaa akka waan gatameetti nan lakkaa'a;..." Jedhee dubbata [Fil. 3:8].
Yohaannis 1:33
33..., isa inni Hafuura Qulqulluudhaan cuuphu’ jedhee anatti hime.
💢 Hafuurri Qulqulluun Qabsiisa/Qabdii Dhaala Keenyaati Akkasumas Lammaffaa Dhalachuu Keenyaa fi Gara Mootummaa Waaqayyootti galuufis Mallattoo/Chaappaa Keenyadha [2Qorontoos 5:5].
💢 Egaa Hafuura Kanaan Kan nu mallatteesse #Cuuphicha #Gooftaa_Iyyesuusidha. Eenyuyyuu Fayyina Karaa Kiristoosiin Ala Argachuu Hin Danda'u!. Sababni isaa Hafuura Qulqulluun namni hin #mallattoofne kamu gara Jireenya barabaraatti galuu waan hin dandeenyeefidha. Mallatticha kan kennu, kan Mallattesus Kiristoos qofaadha [Efe 1:13-14]
💢 Walumaa Galatti Yohaannis Cuuphaan gaafa kana dubbatu ani kanin bishaanin isin cuuphu yaada garaa geeddarachuu keessaniifi garuu Fayyina Keessan Mirkaneessuuf kan Isin Mallatteessu Isadha (Iyyesuus Kiristoosidha) jechuu isaati.
Yohaannis 1:34
34 Ani ofii kootii kana argeera, inni kun ilma Waaqayyoo ta'uu isaas dhugaa ba'eera” jedhe.
💢 Yohaannis Cuuphaan Ijji Isaa Waan banameefiif #argeeraa jedhee dubbata. Wanti #Hafuuraa #Mul'ata yookin Banamuu ija hafuuraa gaafata.
💢Yohaannis kaninni arge nama yihuudii kan ta'e #Iyyesuus; #ILMA_WAAQAYYOO ta'uu isas argeera!. Dhugaa baatii kana Ummanni sun (yihuudonni) dhagahaniiru. #Iyyesuus ILMA WAAQAYYOO gaafa jedhamu; Kana Jechuun maal akka ta'e Yihuudonni bareechaniitu beeku, WAAQAYYO jechuudha. Yihuudonni akkasitti waan hubataniif " Kana dhageenyaan Yihudoonni, Yesus seera Sanbataa kan cabse duwwaa utuu hin ta'in, Waaqayyo abbaadhuma koo ti jechuu isaatiin immoo ofii isaa Waaqayyotti qixxeesseera jedhanii isa ajjeesuudhaaf caalchisanii yaadan." [Yohaannis 5:18]
Kutaa 6ffaan itti fufa..........
🔺Kutaa darbe argachuuf
👉🏼https://t.me/Gosp22/975
🫶Ayyaanni Nagaanis Isiniif Haa Baay'atu!♥️
✍🏻[Robera]
🔔GWP-Media
|| Sagalichi Jireenyadha!
═🌟═🌟═🌟•🌟•🌟═══╗
https://t.me/Gosp22
https://t.me/Gosp22
https://t.me/Gosp22
═🌟═🌟═🌟•🌟•🌟═══╝
♡ ㅤ ⎙ㅤ ⌲ 🔕 ✉️
ˡᶦᵏᵉ ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
💡Si Jalaa Hin Dhokatu; Siif Ibsa!
[Yoh 1:29-34] (Kutaa 2ffaa)
🙌 Kutaa Darbe Keessatti Waantota #Gooftaa Keenya Iyyesuus Kiristosiin Ilaalchisee #Yohaannis_Cuuphaadhaaf Karaa Hafuura Qulqulluu ifan/mul'atan ilaaluu eegalle turre; isaan keessaas tokko Iyyesuus Kiristoos #Hoolicha cubbuu biyya lafaa baatu akka ta'edha. Har'as itti fufnee Waa'ee Eenyummaa Kiristoos Karaa Hafuura Qulqulluu Yohaannisiif ifan sadi(3) haa ilaallu.
2. Kan Ulfaate/Kabajamaa/Isa Caalu ta'uu Iyyesuus Kiristoos.
Yohaannis 1:30
30 ‘Namni ana booddee dhufu ana irra caala, ana dura ture'o’ jedhee waa'ee isaa kanan dubbadhe isa kana.
💢 Iyyesuus baay'oliidhaaf akkuma nama yihuudii tokkoo qofaatti ilaalamaa ture. Kanaaf immoo ragaan dubartittiin samaariyaa “Attamitti ati Yihudii taatee, ...” jette gaafa isheen eenyummaa isaa isa ofii beektu mul'iftu argina [Yohaannis 4:9]. Akkasumas Warri yihuudii Isaan Keessa Akka nama tokko qofaatti isa yaadu turan [Marq. 6:3].
💢Yohaannis Cuuphaan Garuu Enyummaan Kiristoos Karaa Hafuura Qulqulluu Sirritti Waan isatti mul'ateef; ''Inni (Iyyesuus Kiristoos) Ana dura kan ture Jechuunis barabaraan kan jiraatuu fi Kan kabajamedha" jedhee Eenyummaa Kiristoos Isa Sirrii fi Dhugaa Mul'ise. Fooniin Ji'a Ja'a dursee kan dhalate Yohaannis Cuuphaa ta'u iyyuu wantichi gaafa Hafuuran ifuuf Icciitiicha Isa namoota baay'ee jala dhokate hubachuu danda'eera.
💢 Akka Fooniitti deddeebi'uun Keenya #Eenyummaan_Gooftaa Keenyaa fi Jireenyi Hafuura keenyaa akka nutti salphatu yookin akka bakka guddaa waantota kanneeniif hin kennine nu godha.
💢Deddeebiin Keenya Garuu Akka Hafuuraatti Yoo ta'e Akka Eenyummaa Kiristoosiin Isa Dhugaa beekuu fi Jireenya Hafuuraa Keenyaaf bakka guddaa kennuu kan gahu hin jiru.
💢 Kanaaf Phaawuloosis Waa'ee Kabaja Gooftaa Isa Isatti Mul'ate yoo dubbatu "Dhuguma iyyuu gooftaa koo Kristos Yesusin beekuun hundumaa irra waan caaluuf, ani waan hundumaa akka waan gatameetti nan lakkaa'a;..." Jedhee dubbata [Fil. 3:8].
3. Hafuura Qulqulluun Kan Cuuphu Iyyesuus Kiristoos Ta'uu Isaa.
Yohaannis 1:33
33..., isa inni Hafuura Qulqulluudhaan cuuphu’ jedhee anatti hime.
💢 Hafuurri Qulqulluun Qabsiisa/Qabdii Dhaala Keenyaati Akkasumas Lammaffaa Dhalachuu Keenyaa fi Gara Mootummaa Waaqayyootti galuufis Mallattoo/Chaappaa Keenyadha [2Qorontoos 5:5].
💢 Egaa Hafuura Kanaan Kan nu mallatteesse #Cuuphicha #Gooftaa_Iyyesuusidha. Eenyuyyuu Fayyina Karaa Kiristoosiin Ala Argachuu Hin Danda'u!. Sababni isaa Hafuura Qulqulluun namni hin #mallattoofne kamu gara Jireenya barabaraatti galuu waan hin dandeenyeefidha. Mallatticha kan kennu, kan Mallattesus Kiristoos qofaadha [Efe 1:13-14]
💢 Walumaa Galatti Yohaannis Cuuphaan gaafa kana dubbatu ani kanin bishaanin isin cuuphu yaada garaa geeddarachuu keessaniifi garuu Fayyina Keessan Mirkaneessuuf kan Isin Mallatteessu Isadha (Iyyesuus Kiristoosidha) jechuu isaati.
4. Ilma Waaqayyoo Ta'uu Iyyesuus Kiristoos.