🤔Yesus Kristos Waaqa ta’uu isaa dubbateera?😱
Kutaa 1ffaa
(https://ewnetlehulu.net/or/yesuus-rabbi/)
________________________________________
📍Musliimonni obboleeyyan keenyi gaaffiiwwaan isaan kaasan keessaa tokko “’Yesuus ani Waaqayyodha na waaqessaa jechuudhaan Macaafa Qulqulluu keessaa bakka itti dubbate nu argisiisaa” kan jedhu gaaffii ijoo fi isa duraa ti. Gaaffiin kun kan gaafatamuun isaaf malu yoo fakkaate iyyuu, garuu ergama Gooftaa Yesuus Kristos sirriitti hubachuu dhiisuu fi hiika Macaafa Qulqulluu sirriitti beekuu dhiisuu irraa gaaffii maddedha.
📍Yesuus Kristos Waaqa ta’uudhaaf dirqama ani Waaqayyodha na waaqessaa jechuudhaan dubbachuun isa barbaachisaa? Yaadni jedhu sababa miti.
📍Macaafa Qulqulluu keessatti Yesuus ilma Waaqayyoo isa tokkicha ta’uu isaa, waa’ee fannifamuu, du’uu fi waa’ee du’aa ka’uu isaa kan itti dubbate bakki hedduun jiru. Musliimonni obboleeyyan keenyi garuu dhugaawwan kana fudhachuu dhiisuun isaanii Yesuus “Waaqayyo waanan ta’eef na waaqessaa” bakka jedhe dubbate yoo itti argisiifne iyyuu fudhachuu akka isaan hin dandeenye argisiisa. Kanaafuu gaaffiin isaanii inni dhugaan maaliidha?
📍Tawraata (Kakuu Duraa) keessatti Waaqayyo waaqa dhugaa ta’uu isaa bakka itti dubbate Musliimonni nutti argiisuun, yeroo Yesuus lafa kanarra turetti karaa wal-fakkaatuun dubbachuun isaaf mala ture nuun jedhu. Garuu barooti Kakuu Duraa fi Kakuun Haaraa garaa gartee qabaachuu isaanii hin hubatan. Waaqayyo baroota hundumaa keessatti haalawwanii fi karaa wal-fakkaataan of mul’isuun dirqama isa hin barbaachisu. Gaaffiin keenya ta’uu kan malu Yesuus Waaqummaa isaa karaa akkamiin ibsate? Kan jedhu malee, “karaa nuyi barbaannuun dubbachuu dhiisuu isaatiin Waaqa miti” jechuudhaan xummura itti kennuun sirrii miti.
📍Yesus Kristos haala ifaa ta’een Waaqa ta’uu isaa Kakuu Haaraa keessatti ibseera. Garuu karaa kanaan “ani Waaqayyodha na waaqessaa” jechoota jedhan kana dubbachuun ta’uu dhiisuu danda’a. Kanaafuu “karaa ani jedhuun dubbachuu dhaa yoo baate waaqummaa isaa hin fudhu” jechuudhaan ragaawwaan kanneen ka'an fudhachuu dhiisuun inni gaafatu deebii barbaadee otuu hin taane falmii kan barbaadu ta’uu isaa argisiisa.
📍Bara Yesuus Kristos lafarra jiraataa ture “ani Waaqayyodha na waaqessaa” jechoota jedhan kana dubbachuun kan isa hin barbaachifneef sababawwan muraasa dubbachuun ni danda’ama. Kana yommuu dubbannu garuu Yesuus Kristos Waaqummaa isaa ganeera, dhokfateera yokaan ammoo karaa kamiiyyuu hin dubbanne jechuu keenya miti.
• Yesuus Kristos gara lafaa dhufuun isaa Gooftummaa isaa fi Waaqummaa isaa labsuuf miti. Ergamni Yesuus mataa isaa gadi of deebisuun lubbuu isaa hedduuf aarsaa godhee kenuuf malee ulfina Waaqummaa isaa labsuun namoonni akka isa beekaniif waan hin taaneef bakka hundumaa deemuun Waaqummaa isaa otuu labsatee ergama isaa waliin hin deemu. Gooftaan keenya ulfina mataa isaa barbaaduun dhufuu dhiisuu isaa irra deddeebi’uun dubbateera (Yoh. 8:50, Mat. 20:28). Ergamaa kan ta’e Phawuloos qulqullichi yaada kana haala laphee namaa tuquun ibseera (Fil. 2:5-10).
📅 Kutaa 2ffaan Itti fufa...
❣️Yoo Isinitti Tole immo LIKE (👍,❤️) Chaanaalii Keenya Immoo JOIN fi SHARE Gochuu Hin Dagatiinaa.
Maatewoos 28:18-19
18 Yesus immoo gara isaaniitti dhi'aatee, “Gooftummaan hundinuu waaqa irratti lafa irrattis anaaf kennameera.
19 Egaa dhaqaa, maqaa abbaatii fi ilmaatti, kan Hafuura Qulqulluuttis isaan cuuphuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa!
🔔©️GWP-Media
|| Sagalichi Jireenyadha!
═🌟═🌟═🌟•🌟•🌟═══╗
J https://t.me/Gosp22 J
O https://t.me/Gosp22 O
I https://t.me/Gosp22 I
N https://t.me/Gosp22 N
═🌟═🌟═🌟•🌟•🌟═══╝
♡ ㅤ ⎙ㅤ ⌲ 🔕 ✉️
ˡᶦᵏᵉ ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ