😱YESUUS KIRISTOOS WAAQA TA'UU ISAA DUBBATEERAA?
Kutaa 5ffaa
(https://ewnetlehulu.net/or/yesuus-rabbi/)
________________________________________
🩸Yesuus Waaqa Ta’uu Isaa Karaa Ittiin Mul’ifatee fi Dubbii Isaa (kan itti fufe)
6. Namoonni maqaa isaatiin dhiifama cubbuu akka argatan dubbachuun;
💡“Ergasii macaafa haa hubataniif sammuu isaanii ibseef. Kristosichi dhiphachuuf, guyyaa sadaffaattis du’aa ka’uuf akka jiru, yaada garaa geddarachuunii fi dhiifamuun cubbuu maqaa isaatiin Yerusaalemii jalqabee saba lafa irraa hundumaatti akka lallabamuuf jiru, caafameera. Isinis dubbii kanaaf dhuga-baatuu dha” (Luq. 24:45-48).
📌Maqaa Waaqayyoon alatti dhiifama cubbuu kan argamsiisu maqaa kan eenyuu ti?
7.Maqaa isaatiin dhukkubsatoonni akka fayyan, Seexannis akka nama keessaa ba’u dubbachuunii fi amantoonnis kana gochuu akka danda’an aboo kennuun:
💡“Warra naatti amanan birattis milikkitoonni kun in argamu; warri anatti amanan kun maqaa kootiin hafuurota hamoota in baasu, afaanota haaraadhaanis in dubbatu. Bofa yoo qaban yookiis waan nama ajjeesu yoo dhugan isaan hin miidhu; harka isaaniis warra dhukkubsatan irra in kaa’u, isaanis in fayyu isaaniin jedhe. Yesus gooftaan isaanii wajjin erga dubbatee booddee, gara waaqa keessaatti ol fudhatamee mirga Waaqayyoo taa’e. Ergasii bartoonni dhaqanii iddoo halletti lallaban; gooftaan immoo isaanii wajjin hojjete, dubbichas milikkitoota argamaniin in cimse” (Mar. 16:17-20).
💡“Jarreen torbaatamii lamaanis guddaa gammadaa deebi’anii dhufanii, “Yaa gooftaa, maqaa keetiin yommuu isaan aboomne, hafuuronni hamoonni iyyuu nuuf abboomaman” jedhaniin. Yesus immoo deebisee, “Seexanni akka bakakkaa waaqa keessaa bu’uutti, utuu inni kufuun arge. Ani, kunoo, mar’ataa irra, torbaan qabaa irra, aangoo diinaa hundumaa irras ejjechuu akka dandeessaniif, gooftummaa isiniif kenneera; homtinuus isin hin miidhu. Haa ta’u iyyuu malee, hafuuronni hamoonni isiniif abboomamuu isaaniitti hin gammadinaa; maqaan keessan waaqa irratti waan caafameef, guddisaa gammadaa malee” (Luq. 10:17-20).
📌Seexana nama keessaa baasuu fi dhukkubsatoota fayyisuu kan danda’u maqaa Waaqayyoo kana malee maqaa kamtu ta’u danda’a? Namoonni kana gochuu akka danda’aniif abboo kennuu kan danda’u Waaqayyo malee eenyuudha?
8.Ergamoota abboomuu akka danda’uu fi kan isaa ta’uu isaanii dubbachuun:
💡“Rakkina guyyoota sanaa booddee achumaan biiftuun in dukkanoofti, jiinis ifa ishee hin laattu; urjoonni waaqa irraa in harca’u, humnoonni bantii waaqaas in raafamu. Yommus milikkinni ilma namaa waaqa keessatti in mul’ata; yeroo sanatti sabni biyya lafaa hundinuu boo’uuf jiru; ilmi namaa immoo duumessoota waaqaa irra humnaa fi ulfina guddaadhaan dhufuu isaa arguuf jiru. Inni ergamoota isaa waaqa irraa sagalee malakataa guddaa wajjin in erga, isaan immoo warra Waaqayyoof fo’aman qixa arfanii, andaara bantii waaqaa gar tokkoo hamma gara isa kaaniittis walitti in qabu” (Mat. 24:29-31).
📌Waaqayyo malee qulqulloota kan ta’an ergamtoota akka tajaajilaa dhuunfaa isaatti abboomuu fi erguu kan danda’u eenyuudha?
9. Guyyaa dhumaatti kanneen du’aniin kan kaasu isuma ta’uu isaa dubbachuun:
📌“Fedha ofii kootiii raawwachuudhaaf miti, fedha isa ana ergee raawwachuudhaafan waaqa irraa gad bu’e malee. Inni na erge immoo, warra inni anaaf kenne keessaa tokko illee akka ani balleessu hin fedhu, guyyaa booddeetti du’aa akkan isaan kaasu fedha malee. Abbaan koo, namni ana ilma isaa argu, kan anatti amanus hundinuu, jireenya bara baraa akka qabaatu in fedha; anis immoo guyyaa booddeetti du’aa isa nan kaasa” (Yoh. 6:38-40).
📌Waaqayyo malee guyyaa firdiitti kanneen du’aniin kaasuu kan danda’u eenyuudha?
🔺Kutaa darbe (4ffaa) Argachuuf
👉🏼https://t.me/Gosp22/1175
📅 Kutaa 6ffaan Itti fufa..Yeroo Gaarii Isiniif Hawweera❣️!!
Yohaannis 8:32
32 Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa” jedhe.
🔔GWP-Media
|| Sagalichi Jireenyadha!
🔴JOIN US ON || Nutti Makamuf
🔻🔻🔻🔻🔻🔻
👉🏼 https://t.me/Gosp22
👉🏼 https://t.me/Gosp22
👉🏼 https://t.me/Gosp22