Tajaajiloonni Ministeera Haqaan kennaman waraqaa eenyummaa dijiitaalaa qofaan akka ta’u qophiin taasifamaa jiraachuu ministeerichi beeksise.
Ministir Deetaan Ministeera Haqaa Balaayihun Yirgaa, waraqaa eenyummaan dijiitaalaa labsii lakk.1284’n beekamtii kan argate waan ta'eef tajaajiloonni Waajjiraalee ministeerichaa eenyummeessa dijiitaalaa qofaan akka kennaman ibsaniiru.
kanaafis sadarkaa Ministeeraa fi dhaabbilee itti waamamtootaatti qophiin godhamaa jiraachuu dubbataniiru.
Akaakuu tajaajilootaa Waraqaa eenyummaa dijiitaalaa qofaan kennaman adda baasaa jiraachuus kaasaniiru.
Bara kana tajaajilli waraqaa eenyummaa abukaatotaa kennuu fi haaromsuu waraqaa eenyummeessaa dijiitaalaa qofaan akka ta'uuf qophiirra kan jiru yoo ta'u, ragaalee hunda guutummaan guutuutti gara dijiitaalaatti jijjiiraa jiraachuu eeran.
https://t.me/Oromiastudent_s