Oromia Times


Гео и язык канала: Эфиопия, Английский
Категория: Образование


Telegiraam chaanaalii kana irratti oduu fi odeeffannoo Oromiyaa fi addunyaa ni argattu.
Yaada: @fayisa8
Youtube 👉👉
https://youtube.com/channel/UCLPTQfMXS6we7aTT4g9MwCw

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Гео и язык канала
Эфиопия, Английский
Категория
Образование
Статистика
Фильтр публикаций


Tajaajiloonni Ministeera Haqaan kennaman waraqaa eenyummaa dijiitaalaa qofaan akka ta’u qophiin taasifamaa jiraachuu ministeerichi beeksise.

Ministir Deetaan Ministeera Haqaa Balaayihun Yirgaa, waraqaa eenyummaan dijiitaalaa labsii lakk.1284’n beekamtii kan argate waan ta'eef tajaajiloonni Waajjiraalee ministeerichaa eenyummeessa dijiitaalaa qofaan akka kennaman ibsaniiru.

kanaafis sadarkaa Ministeeraa fi dhaabbilee itti waamamtootaatti qophiin godhamaa jiraachuu dubbataniiru.

Akaakuu tajaajilootaa Waraqaa eenyummaa dijiitaalaa qofaan kennaman adda baasaa jiraachuus kaasaniiru.

Bara kana tajaajilli waraqaa eenyummaa abukaatotaa kennuu fi haaromsuu waraqaa eenyummeessaa dijiitaalaa qofaan akka ta'uuf qophiirra kan jiru yoo ta'u, ragaalee hunda guutummaan guutuutti gara dijiitaalaatti jijjiiraa jiraachuu eeran.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s




#Atileetiksii

Atileet Dirribee Waltajjiin fiigicha mana keessaa meetira kuma 3 halkan edaa Faransaay Liyoonitti dorgomame injifatte.

Haaluma Kanaan

1ffaa:- Atileet Dirribee- daqiiqaa 8:39.49 sa'aatii saffisaa bakkichaa galmeessuun injifatte.

2ffaa:- Atileet Yeneewaa Nibrat ammoo daqiiqaa 8:48.39 xumuruun sadarkaa 2ffaa baaterti.

Atileet Dirribee torbeedhuma kana keessa dorgommii fiigicha mana keessaa meetira kuma 1 fi 500 Faransaay Liiviitti dorgomame injifachuu kan yaadatamuudha.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s


Akkam jirtu maatiiwwan Qubee Academy?

Tooftaa Qo'annaa

Akkamittiin Qo'achuu qaba, akkamittiin qormaata kutaa 12ffaa milkaa'uu danda'a, akkamittiin barataa/tuu cimaa/tuu ta'u danda'a?
Gaaffii fi Yaada qabdan kallattiin gaafadha.

Gaafa kibxata galgala sa'aatii 12tti karaa toora Yuutuub chaanaalii 'Qubee Academy' tamsaasa kallattii irratti nu eegaa.

Galatoomaa!

Qubee Academy
Qubee Academy


Dhaloota Qubeen Dhaloota Qubeef!!


Репост из: QUBEE ACADEMY
Yuutuub chaanaalii kana 'subscribe' godhaa Qubee Academy Jabeessa.

Yuutuub chaanaalii kana irratti dhimmoota teeknooloojii wajjin walqabatan ni argattu
👇👇👇👇👇👇👇
https://youtube.com/@qubeedigital?si=wGQ0_hLdGc26gfUx

Dhaloota Qubeen Dhaloota Qubeef!

Chaanaalii Afaan Oromootin barsiisu .... Adaraa wal jabeessaa.


Yuunivarsiitiin Dabraa Birhaan bara 2017 keessa barattoota 1481 sagantaalee 35n qormaata ba'insaaf kan qopheesse yoo ta'u.

👉 sagantaalee 13 keessatti 100%
👉 sagantaalee 8 keessatti 90%-99%
👉 sagantaalee 6 keessatti 75%-89%

Akkasumas barattoota waliigalaa keessa barattootni 87% qormaaticha kan darban ta'u Yuunivarsiitiichi beeksiseera.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s




2 Ambo University exit exam.xlsx
14.0Кб
Ambo University exit exam.xlsx
22.6Кб
Bu’aa Qormaata bahiinsaa

Yuunivarsitii Amboo

Odeeffannoo barnoota qofa bakka tokkotti argachuuf https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s

irratti hordofaa!


# Yuunivarsiitii Amboo

Yuunivarsiitiin Ambo barattootni bu'aa qormaata ba'iinsaa liinkii armaan gadii fayyadamuun ilaallachuu akka danda'an beeksiseera.

👇👇👇
https://eap.ethernet.edu.et.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s


#exitexam Result

Ministeerri Barnootaa bu'aan qormaata bahiinsaa biyyoolessaa gara yunivarsiitiiwwanii maratti argameera jedhe.

Barattoonni guyyaa boruu gama rejistiraara mooraa isaaniin bu’aa qormaataa isaanii kan ilaallatan ta’uu ministeerichii ibseera. Yeroo ammaa kanas bu’aan barattootaa Yuunivarsitii maraaf ergameera.

Haala oonlaayiniin barattoonni bu’aa ittiin ilaallatan haga ammaatti wanti ifa ta’e kan hin jirreefi guyyaa boruu ifa akka ta’us ni eegama!

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s




Bu’aan qormaata bahiinsaa ifoomeera!

Barattoonni bu’aa isaanii result.ethernet.edu.et seenuun ilaallachuu ni danda’u.


https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s


Репост из: QUBEE ACADEMY
Math's G-12 Unit 5 (2010 - 2016 UEE) Join @qubeeacademy.pdf
966.1Кб
#Maths UEE from Grade 12 #Unit 5

#2010 - 2016 UEE
#Target Grade 12 students

#Qubeeacademy
Answer with details Explanation
👇👇👇👇👇 https://youtube.com/channel/UCLPTQfMXS6we7aTT4g9MwCw

Support Qubee Academy by subscribing Qubee Digital 👇👇👇
https://youtube.com/@qubeedigital?si=wGQ0_hLdGc26gfUx

https://t.me/qubeeacademy
https://t.me/qubeeacademy


#Exit_Exam

Bu’aan qormaata bahiinsaa eegamaa jira.

Torban darbe kennamaa kan ture qormaati bahiinsaa, bu’aan isaa akkaan eegamaa jira.

Bu’aa qormaata bahiinsaa marsaa kanaa akkaan kan eegamu ka taassise komiiwwan barattoonni qabiyyee qormaatichaa irratti kaasan yommuu ta’u, qormaati bahe nun madaalu “Blue Print” ala ba’e jechuun komii barattoonni kaasan gabaasuun keenya ni yaadatama.

Ministeerri barnoota gama isaatiin “komii barattoonni kaasan ni qoranna , ta’us garuu qormaati qoratamee, ogeeyyiin sakatta’amee , adeemsa pirofeeshinaalaa mataa isaatiin qophaa’a“ jedheera.

Bu’a qormaataan walqabachuun Roobiifi Kamisaa keessaa ni ifooma jechuu ministeerichaa gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s


#Oduu_Gaddaa

Lubbuun nama 26 darbeera!

Godina Wallagga Bahaa Aanaa gudayyaa Biilaa ganda ifaa Biyyaatti balaa konkolaataa muudateen lubbuun namoota 26 battalumatti darbuu ibsameera.

Konkolaataan lakkoofsi Gabatee isaa 3-A12661ET ta'e guyyaa har'aa Shaambuu irraa gara Finfinneetti Ummataa fe'ee Osoo deemaa jiruu garagaluun balaa gaheen namonni 26 yoo du’an namoota 42 irra miidhaan gahuu poolosiin ibseera.

Lubbuun namoota 26 balattalumatti yoo darbu, Lakkoofsi namoota lubbuun darbanii dabaluu akka danda’u eeraniiru.

Ka’umsi balichaa qoratamaa jirachuu ibsaniiru.

Maatii fi firoota namoota du'aniif jajjabinna hawwina!

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s


"Daa'imman 330 ol ta'an hanqinna nyaataan du'an"' Dhaabbata Fayyaa Itoophiyaa

Ji'oota jahan darban haadholiin 620 da'umsa irratti lubbu isaani kan dhaban yoo ta'u, daa'imman 330 oli ta'an hanqinna nyaatatiin du'uu isaanii gabaasni Inistiitiyuutii fayya hawaasa Itoophiyaa ni mul'isa.

Dhaabbatichi gabaasa walakkaa waggaa dhiyeesseen Ji'oota jahan darban keessatti hanqinni nyaata guddaan akka biyyaatti waan muudateef daa'imman 352 yoo du'an, daa'imman 232,389 immoo dhibeef saxilamuu ibseera.

Maddi: Ripportara

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s


Math's G12 Unit 4 UEE 2010 - 2016 @qubeeacademy.pdf
607.4Кб
#Maths UEE from Grade 12 #Unit 4

#2010 - 2016 UEE
#Target Grade 12 students

#Qubeeacademy
Answer with details Explanation
👇👇👇👇👇 https://youtube.com/channel/UCLPTQfMXS6we7aTT4g9MwCw

Support Qubee Academy by subscribing Qubee Digital 👇👇👇
https://youtube.com/@qubeedigital?si=wGQ0_hLdGc26gfUx

https://t.me/qubeeacademy
https://t.me/qubeeacademy

Показано 17 последних публикаций.