Cirracha Qabduu Hadhooftuu | Cholelithiasis
Qabduun hadhooftuu (gall bladder), kiisha boca peerii qabu yoo ta’u, naannoo seentimeetira 7 hanga 10 kan safaru fi dhangala’oo hadhooftuu dandeettii giddu galeessaan 30ml hanga 50 ml of keessatti kuufachuu danda'u dha.
Yeroo danqame (duct obstruction) immoo hanga 300 ml of keessaa qabaachuu danda’a.Qabduun hadhooftuu kun uummamaan tiruu gajjallaa (inferior surface of the liver) itti argamti.
Tiruun ga’eessa idilee nyaata giddugaleessaa nyaatu tokko guyyaatti hadhangala’oo hadhooftuu 500ml hanga 1000 mL oomisha. Kunimmoo ujummoowwan hadhooftuu garagaraatiin baatamee gara qabduu hadhooftuu kanatti dhaqa. Kunimmoo wayita nyaataa fuudhamee gara marrimmaanii (duodenum) geeffama jechuudha.
Faayidaalee qabduu hadhooftuu
• Dhangala’oo hadhooftuu kuusuu (storage): yeroo soomaa (fasting period) dhangala’oon kun asitti kuufama, yeroo nyaata fatty ammoo suuta suutaan akka seera uummamaatti gad lakkifama.
• Concentrate gochuu: kunimmoo dandeettiin nyaata bulleessu hadhooftuu haalaan akka dabalu taassisa.
• Hadhooftuu (bile) kuuse san yeroo nyaataa gad haala uummamni heyyamuun gad lakkisuu.
Rakkoolee qabduu hadhooftuu (problems of Gall bladder) heddduu dha.
Isaan keessaa muraasni:
• Cirracha hadhooftuu (cholelithiasis)
• Kaansarii
• Foon hin barbaachifne (polyp) irratti uummamuu fi KKF dha.
Cirracha qabduu hadhooftuu (cholelithiasis)
Maaltu fida?
Dhangala’oon hadhooftuu kun bishaan hedduu fi keemikaalota garararaa kan akka (cholestrol, bile salt, bilirubin, electrolytes) irraa uummama. Keemikaalota kunneen keessaa tasa tokko ol- ka’ee kaan yoo gad- bu’e (imbalance) rakkoo cirrachaa kana fiduu danda’a jechuudha.
Wantoota itti nama saaxilan (risk factors)
[ ] Ulfaatina qaamaa haala malee dabaluu (obesity)
[ ] Carraan dubartoonni ittiin qabamuu uummamaan kan dhiiraa irra ni caala (being female sex)
[ ] Akkuma umriin dabalu carraan qabamuu ni dabala
[ ] Firoottan jalqabaa kan kana qaban yoo jiraatan carraan qabamuu ni dabala.
[ ] Surgery garaachaa fi naannoo sanaa
[ ] Nyaata coomaa hedduminaan fayyadamu
[ ] Dhukkuba sukkaaraa fi kkf
Mallattoolee dhukkubichaa
Namoota hedduu keessatti mallattoo dhukkubaa hin qabaatu, yoo qabaate garuu mallattoowwan armaan gadii agarsiisuu ni mala.
[ ] Dhukkuba garaa mirgaa gara oli qomaa. Dhukkubni kun gara dugda duubaa fi mormaattillee tarkaanfachuu ni danda'a
[ ] Darbee darbee ijji bifa keelloo qabaachuu ni danda’a
Yaalli isaa maali?
Hordoffii irraa hanga gargaarsa baqaqsanii yaaluu barbaachuu ni male
Case scenario at Jeldu primary Hospital
Dhukkubsattuun kun dubartii waggaa 44 yoo taatu naannoo ji’a 6 oliif dhukkuba garaa gara mirgaa isa olii (right upper quadrant abdominal pain) dhaan darbee darbee dhukkubsachaa turte. Dhukkubni kun gara gidduu dugdaa fi irree harka mirgaatti ol eejjata ture.
Yaalaaf gara hoospitaala Jeldu (Jeldu primary Hospital) dhuftee. Qorannoon barbaachisoon erga godhameefii booda akka opereshin taatu muteeffame.
Opereshin taassifameefiin cirrachi hadhooftuu baay’inaan 252 ta’an keessaa baafamanii jiru (suuraan gadiitti mul’atu cirracha qabduu hadhooftuu ishee keessaa bahe dha.
Ogeessota yaala kana irratti hirmaatan (operating team)
Dr. Eyob Yazachew (Surgeon)
Dr. Ruth Hailu (Assistant)
Debeltu (Anesthetist)
Bontu (Anesthetist)
Mengistu Deresse (Scrub nurse
Berhanu Tilahun (Runner)
Alemu Gemechu (Runner)
Dhukkubsattuu harra guyya sadaffaa isheerra yoo taatu, haala gaarii irratti argamti.
@HakimEthio