Репост из: 𝙃𝙞𝙞𝙠𝙖𝙖 𝙔𝙖𝙖𝙙𝙖𝙖 ✍️✍️✍
#Du'a #Wayya 😄😄
Xiyyaara tokkootu Imaltoota 50 fuudhee lafa irraa ka'uun Samii gubbaa balali'uu eegale.
Xayyaarri kun Jaarsaa fi Jaartii qofa fuudhee imalaa waan tureef, namni iyyuu koolfee taphachaa jira.
Osoo gammachuudhaan Samii gubbaa balali'aa jiranii, Sagaleen Mootora Xiyyaaraa dhaabbachuu hubatan.
Haalli kun isaan dhibus garuu, maaltu akka mudate hin hubanne ture. Boodarra Kaappiteenii Micerphone Xayyaaraa keessaa sagaleen "Oduu Gaddaa!" jattu yoo dhaga'amtu, hundi isaanii oduu kana osoo hin hubatin iyyuu eegalan.
Itti fufuun "Kabajamtoota imalatoota keenyaa, rakkoo teeknikaa nu mudateef, Mootarri Xiyyaara keenyaa lachuu dhaabbateera.
Amma gara lafaa nuun deemaa jira. Kanaaf Daqiiqaa muraasa booda du'uu dandeenya jechuutu dhaga'ame.
Kana booda hundi isaanii iyyuu eegalan.
Garuu iyyuu utuu hin taane Uumaa isaanii kadhachuutu immoo furmaata ture.
Kanaaf hundi keenya Uumaa keenya balleessaa tokkoo tokkoo keenyaaf dhiifama haa gaafatnu sagaleen jettu dhaga'amte.
Yommuu kana hundi isaanii kadhata godhachuu eegalan.
Namni Kam iyyuu cubbuu walirratti hojjetan walitti himanii dhiifama wal gaafachuu eegalan.
Jaarsi tokko "Jaartii tiyya! Ani waggaa 3 guutuu obbaleettii kee waliin jiraachaa jira.
Ulfa iyyuu yeroo lama irraa baaseera.
Silaa yaadni keenya imala kana booda summii si nyaachifnee wajjiin bultii jaaruu ture" jedheen.
Isheenis "Dhiifama siif godheera!
Anilleen ijoollee kee irraa tokko malee hunda hiriyaa kee irraan godhadhe.
Silaa kaayyoon keenya Summii siif kennee isatti heerumuu ture" jattee isaaf deebifte.
Osoo isaan akka kanatti haasa'aa jiranii ammaas Kaappiteenii Maaykiraafoonaa keessaa "Baga gammaddan! Rabbiin kadhata keessan isiniif dhaga'e, amma Mootorri keenya hojjachaa jira.
Daqiiqaa 30 booda niqubattu" jachuun dhaga'ame.
Yommuu kana hundi isaanii "Lakkii! Kun ta'uu hin qabu" jachuun du'a filatan.
Haaluma jirutu kana!
#Galatoomaa