Korojoo pilaastikii fayyadamuun hanga qarshii kuma 10tti nama adabsiisa
Haala bulchiinsa balfa gogaa ilaalchisee wixineen labsii “Qabiinsaafi dhabamsiisa balfa gogaa” tibba darbe Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyaate gaaga’ama balfa gogaan walqabatu haalaan kan xiqqeessu ta’a.
Korojoowwan pilaastikiirraa yeroo tokko qofa tajaajila kennan omishuun, biyya alaatii galchuufi fayyadamuun adabbii cimaa akka dhaqqabsiisu tumameera.
Akka wixinee labsichaatti, namni korojoo pilaastikii yeroo tokko qofa tajaajila kennan fayyadame yookiin fayyadamuuf harkatti qabate qarshii 5000-10000 adabama. Biyya alaatii galchuun, gabaaf dhiyeessuufi omishuun adabbii qarshii 50,000-100,000 dhaqqabsiisuun dabalata hidhaa cimaa hanga waggaa shanii hordofsiisa.
Hundaa ol, garuu kanneen dhorkaa kaa’ame keessatti hirmaataan dhaabbilee qaama seeraan qaban yoo ta’e adabbiin fudhatamu dachaa sadii ta’a.
Labsiin kun kutaalee ja’aafi keeyyatawwan 28 kan qabu yommuu ta’u, qajeelfamoota sadan wixinee labsichaa keessaa qajeelfamni “Kan faale haa kaffalu” jedhu isa tokko.
http://t.me/OromiaStudent_s