Oromia Times


Kanal geosi va tili: Efiopiya, Inglizcha
Toifa: Ta’lim


Chaanaalli kun barattoota mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi waggaa tokkoffaaf(Freshman) bifa Viidiyoon afaan Oromootiin barumsa ni kenna.
Youtube 👉👉
https://youtube.com/channel/UCLPTQfMXS6we7aTT4g9MwCw

Связанные каналы  |  Похожие каналы

Kanal geosi va tili
Efiopiya, Inglizcha
Statistika
Postlar filtri


Kara Deemaa jedhamuun kan beekamu Injinar Daani'eel Gammadaa viidiyoowwan gadadoo uummanni Salaalee keessa jiru ifoomsuu hordofee mootummaan hidhuuf barbaadaa akka jiru OMN fuula miidiyaa hawaasummaa isaan beeksise.

Akka OMN jedhetti “Kaleessa halkan mana jireenyaa isaa humnoonni nageenyaa fi humnoonni tikaa mootummaa marsanii akka bulan dhagahamee jira.”

Dursee miliquunis osoo hin qabamin hafuu OMN gabaaseera.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s


Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish
Hiriira balaaleffannaa tibbana Barattoota Yunivarsiitiiwwan addaa addaatiin geggeefamaa ture hordofee rakkoowwan hedduun Barattoota irra ga'aa jiraachuun ibsame.

Kanuma ilaalchisuudhaan barattoonni yunivarsiitii Dillaas ba'uuf yaalii kaleessaa galagala taasisaniin barattoonni 8 ol Qaama mootummaatiin qabamaanii mooraa keessaa baafamuun ibsame.

Haa ta'u malee barattoonni fudhataman kunneen hanga hammaa eessa akka geeffaman Kan hin beekkamne yoo ta'u barattoonni kunneen Eebbifamtoota bara kanaa akka ta'anis heerameera.

"Nuti dubbanee Barattoota kanaaf sagalee ta'uu mitii saba mormi isaa citeefuu sagalee ta'uu dadhabnee sodaadhaan oliif gadi baqannee jiraachaa jirra kana malees wayita hammaa kana kaaffeettii naannna'anii eegaa waan jiraniif deemnee ciree nyaachufillee sodaa qabnaa"jedhan barattoonni mooraa yunivarsiitii Dillaa.

Kanaafuu Adaraa qaamnii dhimmichi ilaallatu Barattoota kanaaf furmaata nuuf haa kennuus jechuun barattoonni kunneen haala keessa jiran himan.

https://t.me/Oromiastudent_s








QUIZ TIME dan repost
#Day 4 Challenge:
#English
#Answer these 3 questions correctly to win 50 birr! (First correct answer wins.)

1. Leave ____the printer and the copier out there. They are not functioning.

A. both
B. all
C. either
D. neither

2. 1. ___ a student in college for two years, he now can tell his younger brother about it.

A. Having studied
B. Having seen
C. Having been
D. Having stayed

3. ___ no one at home, Tola left the house in a bad temper.

A. To find
B. Finds
C. Found
D. Finding

Rules:
• One comment per person: Only one answer per user is allowed.
• No editing: Edited answers will be disqualified.

Next challenge tomorrow @1:00.
👇👇👇
https://t.me/quiz_time11
https://t.me/quiz_time11


🛎𝐌𝐨𝐨𝐫𝐚𝐚 𝐘𝐮𝐮𝐧𝐢𝐯𝐚𝐫𝐬𝐢𝐢𝐭𝐢𝐢 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐉𝐞𝐜𝐡𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚 𝐇𝐚𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐬𝐢𝐧𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐭𝐚𝐡𝐮𝐮 𝐝𝐚𝐧𝐝𝐚'𝐚𝐧 𝐌𝐮𝐫𝐚𝐚𝐬𝐚! 🆕

⭐️ 𝐂𝐚𝐟𝐞 ( 𝐊𝐚𝐚𝐟𝐟𝐞𝐞 ); bakka nyaataa mooraa yuunivarsiitii  barattoonni hedduun itti fayyadaman

⭐️ 𝐋𝐨𝐮𝐧𝐠𝐞 - kaffee kaffaltii barbaachisu barattoota irratti xiyyeeffate kan mooraa keessatti argamudha; Nyaataa fi dhugaatiiwwan (lallaafaa, waan ho’aa fi wantoota kaan) qulqullina gaarii kan qabaniifi baay’ee gatii madaalawaa kan tahedha.

⭐️ 𝐂𝐡𝐢𝐤𝐚𝐥𝐚𝐚; qo'annaa

⭐️ 𝐓𝐞𝐧𝐬𝐢𝐨𝐧;  dhiphina, rifaatuu, Jeeqamuu.

⭐️ 𝐍𝐨𝐧-𝐂𝐚𝐟𝐞; Barattoota kaaffee mooraa hin fayyadamne

⭐️ 𝐒𝐩𝐚𝐜𝐞;  Kutaa duwwaa yeroo baay'ee daree barnootaa dubbisuuf itti fayyadamnu 𝐬𝐩𝐚𝐜𝐞 (iddoo) jedhama

⭐️ 𝐓𝐡𝐞𝐫𝐞𝐟𝐨𝐫𝐞; Nyaata Fooni kaaffee (foon yeroo jedhu sinitti hin fakkaatin! Akkuma maqaa isaati, foon xiqqoon kan keessa bubu'e wayiiti.!)


⭐️ 𝐂𝐨𝐬𝐭;  kaffaltii ji'a ji'aan barattoota kaffee hin fayyadamneef kennamu.

⭐️ 𝐀𝐝𝐝 𝐚𝐧𝐝 𝐃𝐫𝐨𝐩; - Adeemsa barnootaa keessatti wantoota mudachuu danda'anidha; koorsii tahe sin jalaa hambisee adeemsi dabaluu fi hir'isuu ( gad dhiisuu ) dirqama taha.

⭐️ 𝐃𝐮𝐮𝐝 𝐌𝐚𝐚𝐬𝐚𝐜𝐚𝐚 ( ድድ ማስጫ);- Bakka ykn teessoo nama karaa irra darbu arguuf mijatu.

⭐️ 𝐙𝐚𝐚𝐩𝐩𝐚𝐚 - Hojjettoota nageenyaa ( poolisii )

⭐️ 𝐆𝐂 ;- Barattoota Eebbifamtootaa.

⭐️ 𝐅𝐫𝐞𝐬𝐡😘;- Barattoota haaraa galan (Yeroo mooraa seentan warri Fresh, fi waan adda addaa jedhanii isin rakkisan yeroo baay'ee warra waggaa lammaffaati. hunduu warra waggaa lammaffaa osoo hin taane, Warra fireeshummaa hin fixanne ykn warra akka malee foggoramanidha.

⭐️ 𝐁𝐚𝐫𝐜𝐨𝐨𝐥𝐨𝐨𝐣𝐢𝐬𝐭;-Warreen Caatii ( jimaa ) qama'an jechuudha.

⭐️ 𝐎𝐯𝐞𝐫;- mana dhugaatii dhaquu machaa'ani deebi'uu.

⭐️ 𝐒𝐡𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚;- Ol deebisuu

⭐️ 𝐗𝐢𝐟𝐟𝐢 ( 𝐒𝐥𝐚𝐩 );-  Urgaa ajaa'ibaa jireenya dormii akka hin dagatamne taasisan keessaa isa tokkodha. Keessattuu dhiirota biratti aarri Kaalsii baratamaadha.

⭐️ 𝐌𝐞𝐚𝐥 𝐂𝐚𝐫𝐝;-  Kaardii nyaataa kaffee mooraa keessaa akka nyaattan Yuunivarsiitichi siif kennu.


"... Maqaan dhokataan biroo nuti hin beekne yoo jiraate yaada kennaa."



http://t.me/OromiaStudent_s
http://t.me/OromiaStudent_s


QUIZ TIME dan repost
#Day 4 Challenge:
#Mathematics
#Answer these 3 questions correctly to win 50 birr! (First correct answer wins.)

1. The x-intercept of any logarithmic function is (1,0). (True/False)

2. Logarithmic function is an even function.(True/False)

3. Write the addition identities of sine and cosine.

Rules:

• One comment per person: Only one answer per user is allowed.
• No editing: Edited answers will be disqualified.

English @1:30

Next challenge tomorrow @1:00.
👇👇👇
https://t.me/quiz_time11
https://t.me/quiz_time11






Qoricha “RELIEF” jedhamu hawaasni akka hinfayyadamne akeekkachiifame

Qoricha seeraan alaa “RELIEF” jedhamu fayyadamuurraa hawaasni akka of qusatu Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Qorichaalee Itiyoophiyaa akeekkachiise.

Abbaan taayitichaa akeekkachiisaa baaseen qorichi seeraan alaa kun elementoota fayyaarraan miidhaa geessisuu danda’an akka qabu eeruun, faayidaaf akka hinoolle hubachiiseera.

Qorichichi gabaarratti bal’inaan dhiyaataa jiraachuu fi Abbaa Taayitichaan kan hingalmoofne ta’uun, qulqullinni, nageenyummaa fi bu’aa qabeessummaan isaa hinbeekamu jedheera.

Fedhii nyaataa dhabuu, teessisaa, dhukkubbii garaa, ol tuttuqaa, guraaruu, hirriba dhabuu, dadhabbii, sirriitti arguu dhabuu, raatessuu, dhukkubbii mataa, rakkoo gogaa, inzayimoonni tiruu dabaluu fi yeroo dheeraaf yoo fayyadaman miidhamuu kalee kan hordofsiisu ta’uun miidhaalee cinaa qorichichaa ta’uu ibseera.

Akkasumas carraa rakkoo tiruu, kalee, onnee , dhibbaa dhiiga sadarkaa olaanaa hamaan qabamuuf kan saaxilu danda’u ta’uu qorannoon mirkanaa’uu ragaan Abbaa Taayitichaarraa argame ni mul’isa.

Hawaasnis kana hubachuun qoricha kana fayyadamuurraa akka of qusatuu fi qorichichi faayidaaf wayita oolu yoo arge karaa toora bilbila bilisaa 8482’n bilbiluun abbaa taayitichaas ta’ee qaamolee to’annoof eeruu akka kennan waamicha dhiyeesseera.
#FBC

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s




Yuunivarsitii Saayinsiifi Teeknooloojii Adaamaa, Yuunivarsitii Miizaan Teeppii, Yuunivarsitii Jigjigaa , Yuunivarsitii Hawaasaa , Yuunivarsitii Odaa Bultumiifi Yuunivarsitii Asoosaatti barattoonni lagannaa nyaataafi hiriira balaaleffannaatiin gocha Salaaleetii ta’e akkasumas gochoota Oromiyaa mara keessatti Fiinxaaleyyiin ummata nagaa irratti taasifamaa jiru mormaniiru.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s


#Yuunivarsiitii_Maqalee

Barattoota waggaa tokkoffaa (freshman student ) bara 2017 Yunivarsiitii Mekelleetti ramadamtan hunduu guyyaan isin yuunivarsiitichatti gabaasa gootan Sadaasa 19 fi 20/2017 tahuu beeksifame;  Gara yunivarsiitichaa  dhufuun dura marsariitiin yuunivarsiiti Maqalee
www.mu.edu.et Sadaasa 13/2017 irraa eegalee galmeedhaaf banaa waan taheef; Dokumentoota fi ragaawwan barbaachisoo Scan gochuun akka galmooftan yuunivarsiitichi beeksiseera.

1. Ragaa kutaa 8ffaa fi 12ffaa

2. Tiraanskriiptii Kutaa 9-12

👉 Gara yunivarsiitii yeroo dhuftan barattoonni Saayinsii Uumamaa mooraa guddichaatti,
        barattoonni Saayinsii hawaasaa immoo mooraa Adi-Haqiitti gabaasa kan gootan taha.

Yaadachiisaa

Bara 2016 yuunivarsiitii Maqaleetti hordoofaa turtanii qabxii darbinsaa kan qabdan; akkuma kan barattoota waggaa tokkofaaf bahetti Karaa marsariitii ( online ) galmooftanii, Sadaasa 19 fi 20/2017 qaamaan gabaasa akka gootan ibsameera.

✳️Bara 2017 sagantaa sirreefamaaf (Remedial)  barachuuf haaraa ramadamtan fuulduratti waamichi kan taasifamu taha. Barattoonni ramaddiin keessan Yuunivarsiitii Maqalee hin taane, garuu Yuunivarsiitii Maqaleetti barachuu feetan galmee eegalee waan jiruuf mooraa guddichatti  Kutaa Reejistararaa tti argamuun galmaa'uu akka dandeessan Yuunivarsiitichi beeksiseera

✅Odeeffannoo Barnootaa Dabalataa Argachuuf Chaanaalii keenya #join godhaa.👇👇👇


http://t.me/OromiaStudent_s
http://t.me/OromiaStudent_s




Yuunivarsitii Dambi Doollootti barattoonni ummata isaaniif sagalee ta’aniiru.

Yuunivarsitichatti barattoonni yeroo sagalee isaanii dhageessisanitti qaama mootummaan reebichi irratti taasifamuuf yaalameera.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s


#Oduu_Ammee

Yuunivarsitii Dirree Dhawaatti barattoota uffata gurraacha uffataniifi barattoota hiriira balaaleffanna taassisan poolisoonni adamsa jiru.

Ajjeechaa Salaaleetti garee fiinxaaleyyiin taasifame sababeeffachuun Yuunivarsitii garaa garaatti barattoonni hiriira balaaleffanna taassisuun saba isaanii akka horiitti ciibsamanii qalamaa jiraniif sagalee ta’aa jiru.

Kanuma sababeeffachuun Yuunivarsitii Dirre Dhawaatti barattoonni karaa nagaan sagalee isaanii dhageessisanii turaniiru. Haa ta’u malee yeroo ammaa kana Yuunivarsitichatti barattoota hiriira balaaleffannaa kana irratti hirmaatan kaaffee seenanii akka hin sooranne dhorkuu, barattoota uffata gurraacha uffatan adamsuufi dorsisaa jiraachuu odeessa keenya moorichaa irraa odeeffannee jirra.

Poolisoonni yeroo ammaa kana barattoota uffata gurraacha uffatan adamsanii qabaa kan jiran yommuu ta’u barattoonni gama isaaniitiin “Lammii keenya akka horiitti qalameef gadduullee nu dhorkan” jechuun gocha moorichaa kanatti akkaan gaddu himaniiru.

Barattoonni hanga karaa nagaan gadda isaanii ibsatanitti qaamni nageenyan eegsisa ofiin jedhu tarkaanfii akkasii fudhachuun safuudha!

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s




Video oldindan ko‘rish uchun mavjud emas
Telegram'da ko‘rish
Yuunivarsitii Booranaatti hiriirri balaaleffanna dhohe.

Ajjeechaa tibba kana ummata nagaa salaalee irratti garee Fiinxaaleyyiin raawwatame balaaleffachuun barattoonni Yuunivarsitii Booranaa hiriira balaaleffanna geggeessaniiru.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s


Yuunivarsitii Waraabeetti hiriirri balaaleffannaa ajjeechaa garee Fiinxaaleyyiin saba kana irra ga’aa jiru ba’amee jira.

Hiriirri balaaleffannaa kun Yuunivarsitii naannoo Oromiyaa magaalaa Dirree Dhawaa irraa eegaluun guyyaa har'aa gara yuunivarsitiilee naannoo Oromiyaa alaa irratti babal’achaa dhufeera.

Bifuma kanaanis Yuunivarsitii Arbaa Minciifi Yuunivarsitii Waraabeetti barattoonni namoota nagaa akka horiitti qalamaa jiraniif sagalee ta’aniiru.

Seenaa biyya kanaa keessatti sabaaf sagalee ta'uun durumarraa ka'uun kan dursu barattoota ta'uun ni beekama.

https://t.me/Oromiastudent_s
https://t.me/Oromiastudent_s

20 ta oxirgi post ko‘rsatilgan.